04/08/2026
Itoophiyaatti qaalayinsi Kondomii HIV/AIDS' f lammiiwwan saaxile.
Itoophiyaatti sababa hanqina Kondomiif HIV/AIDS babal'achaa jira.
Itoophiyaa keessatti hanqinni kondomii mudatee jiraachuu fi sababa kanaaf dhibeen HIV/AIDS saffisaan tamsa'aa jiraachuun isaa himameera.
Dhaabbanni 'Networks of HIV Positives in Ethiopia' / NEP Plus jedhamuun beekamu Itoophiyaan hanqina kondomii cimaaf saaxilamtee jiraachuu ishee gabaaseera.
Lammiiwwan Itoophiyaa HIV/AIDS wajjin jiraataa jiranii kuma 700 gahe kan jiru hoggu tahu, lammiiwwan biyyatti keessaa dhibdeen kun addatti shamarran umriin isaanii waggaa 14 hanga 24 gidduutti argaman galaafataa jira jedhameera.
Shamarran baay'inaan HIV/AIDS saaxilamaa jiran kunniinis ammo barattoota Yuunivarsiitii umriin isaanii 14 hanga 24 tahun isaanii himameera.
Sababa hanqina Kondomiif tatamsa'inni HIV/AIDS saffisa sodaachisaa taheen Itoophiyaa keessatti dabalaa jiru ammoo dhaloota egereef biyyattiin abdattu nyaataa jira.
Bu'uura ragaa ifoomee jiruun Itoophiyaa keessatti lammiiwwan miliyoona walakkaa ol tahaan vaayirasii HIV/AIDS qabamanii kan jiran hoggu tahu, lammiiwwan vaayirasicha wajiin jiraatan keessaa dhibbeentaan 36 shamarran tahun ibsameera.
Itoophiyaatti hanqinni kondomii cimaan mul'ate jiru tatamsa'ina vaayirasii kanaatiif balaa dabalataa tahuun isaa eeramee kan jiru hogguu tahu, baroota 22-f tajaajila kan turee fi gaaddisa isaa jalatti waldaaleen 500 ol tahaan kan argaman 'Networks of HIV Positives in Ethiopia' / NEP Plus jedhamuun beekamu ji'a dhufu kora waliigalaa 21-ffaa akka gaggeessu ibsameeti jira.
Korri dhaabbanni 'Networks of HIV Positives in Ethiopia' / NEP Plus jedhamuun beekamu kun gaggeeffachuuf jiru kun ammoo waa'ee HIV/AIDS xiyyeeffannoo dhabuun tuffatamee jiruu fi lubbuu namoota nyaata jiru irratti hubannoo uumuu irratti kan xiyyeeffate tahuun isaa ibsamee jira.
Maddi : Ethio FM 107.8
Uudii Muussaatiin.
Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf👇
Facebook- www.facebook.com/WALIIFTV
Youtube- www.youtube.com/
Telegram- https://t.me/waliiftvofficial
Tiktok- www.tiktok.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j
Waliif TV Ilaalcha Haaraa