01/01/2026
Fayyaa ofiif ragaa ifa ta’e qabaachuun carroomuudha.
· Kaayyoon Kilinika G/G Baaroo Tumsaas tajaajila yaalaa ammayyaa fi ragaa qulqulluu ta’een hawaasa keenya tajaajiluudha. Kanaaf meeshaalee teeknoolojii ol’aanaan deeggaramaniin qorannoo ga'aa ta’e fi saffisa qabu isiniif kennuuf harka guunnee dhufneerrra! Isaanis
(Ultrasound dura kan ture)
o Haala guddina fi fayyaa ulfaa hordofuu
o dhibeewwan tiruu, kalee, onnee ,rajiijii, afuuffee hadhooftuu, daandii fincaanii , gademeessaa fi qaama garaa keessaa biroo sirriitti adda baasuuf gargaara
(Chemistry analyzer):
o Tiruu fi kaleen akkamitti hojjechaa akka jiran
o Qorannoo sukkaaraa(blood glucose), pirootinii , cooma dhiigaa (cholesterol) Yuuric aciidii fi kkf hedduu adda baasuuf tajaajila qulqullina qabu kenna.
(Hormone Analyzer):
o Wal-madaaluu hormoonii qaama keessaa to’achuuf—
o qorannoo taayirooyidii fi pituutaarii (TSH, T3 T4, Free T3 T4),
o qorannoo hormoonii hormaataa( FSH, LH ....)
o qorannoo hormonii dhibee sukkaaraa(HgbA1c )
o qorannoo hormoonii mada'uu onnee (Troponin, ckmb)
o qorannoo hormoonii kaanserii piroosteetii(PSA)
o Vitamin D fi dhimmoota biroo xannacha waliin wal-qabatan sirriitti qorachuuf.
(Electrocardiograph)
o Fayyaa onnee —dha’annaan onnee sirrii ta’uu isaa,
o mallattoolee dhibee onnee fi rakkoolee ujummoo dhiigaa onnee waliin wal-qabatan saffisaan adda baasa.
:(comprehensive blood count )
o Qorannoo dhiigaa guutuu—qulqullina dhiigaa sakatta’uun, dhibee hanqina dhiigaa (anemia),
o vaayiraasii ykn baakteeriyaa qaama keessa jiru fi dandeettii dhibee ittisuu qaama keenyaa beekuuf gargaara.
o Dandeettii dhiiga kantarsuu
o Kanserii dhiigaa fi rakkoolee hedduuf akka jalqabbiitti
Kilinika G/G Baaroo Tumsaa
Ogummaa keenya uummata keenyaaf!😍