Challo sani

Challo sani إقترب لناس حسابهم وهم في غفلة معرضون

Barnoota Zad Ackademy kana namni isiniif mijaa'ee hordofaa baradhaa baay'ee bu'a qabeessa.Ani semisteera lammaffaa wagga...
09/12/2023

Barnoota Zad Ackademy kana namni isiniif mijaa'ee hordofaa baradhaa baay'ee bu'a qabeessa.
Ani semisteera lammaffaa waggaa duraa xumureen jira.
https://register.zad-academy.com/?utm_source=facebook
بشرى سارة
أتيح التسجيل والاشتراك للدفعة السابعة عشرة الجديدة
للمشاركين والمشاركات في برنامج أكاديمية زاد
وسيغلق قريباً فور اكتمال العدد المتاح
سجل الآن

10/10/2023

Tiiktookii fi fb gubbaa bulaa yeroo qormaata kuftan Prof. Birhaanutti quba achi qabuun hin taatu. Addunyaan keessa jirru kan dorgommiiti. Namoota dorgomuu danda'an qofaatu wajjiin tarkaanfachuu danda'a. Sababni kufaatii keetii dadhabina kee tahuu yoo hubatte boru irraa baratta. Tahuu baannan boruus kan si eeggatu kufaatii biraati.
By Dr Mohammed kedir

10/10/2023

📍Kana beytaa? Yoo hin beekin as gori mee
📞📞📞📞📞📞📞📞📞

🥀 Waan 3 qorattu malee hin fudhatin:

√ dayma, diinii fi haadha manaa

🥀 Waan 3 hanga siin adda baatuu hara hin galfattu

√ waswaasa,
√ liqii fi
√hiriyaa jallaa.

🥀 Waan 3 Rabbi sirraa haa qabu:

√ Ilma karaa haraamiin dhalate
√ nama fira muruu fi
√ kan qabenya yatiimaa nyaatu

🥀 Nama 3 waliin hin deemin:

√ Gawwaa
√ Nama waa falmu fi
√ nama dhiirummaa hin qabne

🥀 Nama 3 hin dhagayin niis hin dhaggeyfatin:

√ Kijibaa,
√ nama nama walitti naquu fi
√ ragaa cubbuu
🥀 Nama 3 waliin hin taa'in:

√ Haasida,
√ nama ijaan nama miidhuu fi
√ nama abbaafi haadhatti mataa jabaatu

🥀 Nama 3 yaada isaanii amani:

√ Nama salaatarratti tikfatu,
√ arjaa fi
√ kan haadhaafi abbaa jaalachiisu.

🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀

.. yoo dubbifte jabaatte!

27/09/2023

Namoonni ergamaa rabbii jaalattan ajaja isaa kabajaa malee dhaloota isaa hin kabajina

18/09/2023

☘🖊. Hadiisa Abuu Hureeyraa [Radiyallaahu anhu] irraa odeeyfame keessatti Rasuulli ﷺ akkana jedha " Namni yeroo bariisifatuu fii Dhiisifatu Subhaanallaahi wabihamdihii yeroo 100 jedhe; Guyyaa qiyaamaa [kheeyrii guddoo] akka inni dhufeen kanaan namni tokkolleen hin dhufne yoo Nama akka isaatti jedhe yookiin isarra Dabalee jedhe taate Malee".

📕🖊صحيح مسلم- 2692

☘✍Sheikh Abdurazaaq Al-badr [hafizahullah] akkana jedha " Zikrii Guddoo kana keessa Rabbii Qulqulleessuu fii Rabbi faarsuu walitti Qabanii Raawwachuutu jira. Subhaanallaah jechuu keessa hir'inaa fii eeybiilee hundarraa Rabbi qulqulleessuutu jira. Alhamdulillaah jechuu keessa Guutumiinsa hunda Rabbi raggaasisuutu jira. Dhibba jechuun immoo hikmaa Shari'aa itti feeteefi,nuti garuu Maalif akka 100 jedhame nurraa Dhokataadha.

☘🖊. Rasuulaatti ﷺ hidhachuuf jecha Tasbiihaa yeroo jedhu, akka namoonni hedduun dalagu Meeshaalee ,tasbiidhaa fii waan kana fakkaatuun osoo hin taane qubaan haa godhuu.

☘🖊. Kitaaba Sunana Abii Dawud keessatti Hadiisa Abdullah ibn Amri Ibn Aas [Radiyallaahu anhu] odeeyse keessatti inni akkana jedha " Rasuula Rabbii ﷺ isaa Mirga isaatiin tasbiiha godhuun arge" jedha.

☘🖊. Muslima hunda biratti Dhimma beekamaarraa tokko irra caalaan qajeelfamaa qajeelfama Rasuulaati ﷺ .

☘🖊Rabbiin nuu fii isinillee Sunnaa isaa qabachuu,karaa isaa hordofuu,asara isaatti hidhachuu nuuf haa kennu!🌼🍂.

📚 فقه الأدعية والأذكار: (21/3-22)

☘🖊Mee Zikrii Guddoo laaftuu,gabaabduu,Sawaaba Guddaa qabdu kanarraa Arrabni kee Eessa jira ?!!

Baga gammadde obboleessa kiyya qaalii congratulations 🎊 👏 💐 🥳 🙌
10/09/2023

Baga gammadde obboleessa kiyya qaalii congratulations 🎊 👏 💐 🥳 🙌

29/08/2023

Kitaaba nasiihaa 40 mana tolchuuf ja’urraa

Jaartii gaarii filachuu

Abbaa manaatirraa jaartii gaarii filachuutu irra jira. Sharxii asii gadii kana laaluu qaba:

1. Dubartiin waa afuriif fuudhamti, qabeenya isii, gosa isii, bareedina isii, diina isiitiif fuudhamti, ariifadhu isii diin qabdutti harki kee biyyee haa qabatuutii”
2. Duniyaan qananiidha, irra caalaan qananii duniyaa jaartii saaliha gaarii taate.
3. Tokkoon keeysan qalbii Rabbiif galata galchu, arraba Rabbi zakkaru, jaartii amrii aakhiraarratti isa gargaartu haa qabaatu.
4. Hadiisa biraa keeysatti, “yaa Muaz qalbii Rabbijf shukrii galchu, arraba Rabbi yaadatu, jaartii gaarii dhimma duniyaa fii aakhiraa si gargaartu qabaachuun dilbii namni walitti qabaturra caala”

5. Jaartii jaalattan tan isiin jaalattu isii ilmaan deeysu fuudhaa, ani Anbiyootarratti isin heddumeeyfadha guyyaa qiyaamaa.
6. Dubra fuudhaa isiin afaan tolti ykn mi’oyti, gadaameeysa qulqulluu qabdi, xiqqoo qabdu guddifatti, ganiinsa xiqqaatti”

Akkuma jaartii gaariin waan afran gaggaarii keeysaa tokki taate, jaartii hamtuun balaa fii hongoo afran keeysaa takka. Akkuma hadiisa sahiiha keeysatti dhufe, “gammachuurrahi: jaartiin hoggaa agarte jaalattuun, biraa hoggaa fagaatte lubbuu isiitii fii qabeenya keetirratti amantuun, mana bal’aa, yaabbii gaarii, oollaa gaarii. Hongoo fii kasaaraa irraahi: jaartii hoggaa argite si rakkistu, arraba isii sirratti ol fuutu, yoo biraa fagaattes tan hin amanne…”

Akkasuma jaarsa intalarraa laaluun diraama. Sharxii asii gadii kana laalan:
1. Hoggaa namni diinaa fii khuluqa isaa jaalattan isinitti dhufe intala teeysan itti kennaa. Yoo diddan balaa guddaa fii fasaada hedduutu lafa wal gaha.

Gurbaa gaarii fii intalli gaariin hoggaa mana jaaran bultii bareedaa fii ilmaan gaggaarii horan. Akkuma biyyee bareedduun meeyra bareedaa baaftu hayyama Rabbiitiin, biyyee hamaan meeyra faayidaa hin qabne males hin baaftu.

Abbaa koo yaa abbaa biyyaa.....
11/08/2023

Abbaa koo yaa abbaa biyyaa.....

22/06/2023

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je’e:

“Fitinaa hanga dubartii dhiirootarratti jabaatu ani waa if duubatti hin dhiifne”

Bukhaarii: 5096
Muslim: 2740

Fitinaa gurguddoodha!

Ifirraa eeguu qabda. Nama hin fuune wajjiin haasawa yoo magaalaa keeysatti haasoyte itti hin qaaanfanne qofa haasawi. Jaartii tee wajjiin maaliif kana haasoytee namni si gaafatu hin jiru.

Bareedina profile isaanii, sagalee isaanii, post isaan maxxansanii laaltee jaartii manaa qabdu hin tuffatin. Isiin jaartii ati manaa qabdurra hamtuu tahuutu mala.

Ammas Rasuulli sallaallaahu aleeyhi wasallam akki je’e:

إنَّ الدُّنْيَا حُلْوَةٌ خَضِرَةٌ، وإنَّ اللَّهَ مُسْتَخْلِفُكُمْ فِيهَا، فَيَنْظُرُ كيفَ تَعْمَلُونَ، فَاتَّقُوا الدُّنْيَا وَاتَّقُوا النِّسَاءَ؛ فإنَّ أَوَّلَ فِتْنَةِ بَنِي إِسْرَائِيلَ كَانَتْ في النِّسَاءِ

“Duniyaan tuni mi’oytuu magariisa, Allaah isii keeysatti bakka isin buusa waan isin hojjatan laala. Duniyaa tana sodaadhaa ifirraa eegaa, dubartoota sodaadhaa ifirraa eegaa. Fitinaan, rakkoon, balaan ummata banii israaiil ta jalqabaa dubartootarraa kaate”

Sahiiha muslim: 2742

Balaadhaaf labbaa hin galinaa yaa dubartoota muslimaa, balaadhaaf labbaa hin galinaa yaa dargaggoota muslimaa!

14/06/2023

📕 Odoo nuuf galee❗️❗️

🥛 Maallaqni Siree bita malee hirriiba namaaf hin bitu.
🥛 Maallaqni sa'aatii {🕑} bita malee yaroo namaaf hin bitu.
🥛 Maallaqni qoricha bita malee fayyaa namaaf hin bitu.
🥛 Maallaqni nyaata bita malee fedhii nyaataa namaa hin bitu
🥛 Maallaqni Aangoo namaaf bita malee kabaja namaaf hin bitu.

Address

Chiro
Adama
21859519

Telephone

+251921859519

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Challo sani posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Challo sani:

Share