26/07/2026
😳Maayomaa 35 Gadameessa Dubartii Tokko Irraa Baasuun Gadameessa Ishee Hambisne!
🌸 Maayomaa (Myoma) jechuun maali?
👉🏿 Maayomaan dhiita hin faffacaane kan maashaa gadameessaa irraa ka’u dha.
👉🏿 Dhibeen kun dubartoota umurii wal-hormaataa keessatti argaman irratti kan mul’atu yoo ta’u, yeroo hedduu mallattoon isaa umurii waggaa 35–45 gidduu ifa ta’a.
🔎 Sababoota maayomaaf dubartii saaxilan:
1. Sanyii gurrachaa ta’uu – Dhibeen kun harka caalaan dubartoota Afriikaa, keessumaa warra Afriikaa Dhihaa irratti baay’ata.
2. Otoo hin ulfaa’iin ykn hin dahiin turuu/hafuu.
3. Umurii.
⚠️ Mallattoolee Dhibee Maayomaa:
1. Yeroo hedduu mallattoo hin qabu. Dubartiin yaala biraaf yeroo ultiraasawundii ilaalamtu irratti beekama.
2. Yeroo mallattoo qabaatu, yeroo baay’ee jeeqamuu laguun of mul’isa. Keessumaa dhiigni laguu baay’achuu (Heavy Menstrual Bleeding) mallattoo isa beekamaa keessaa isa tokko dha.
3. Mallattooleen kan biroo:
• Dhukkubbii garaa handhuura gadii
• Dhiita’uu garaa (gajjallaa eegalee kan ol dabalu)
• Irra deddeebiin ulfi ba’uu (Recurrent Pregnancy Loss)
• Ulfaa’uu dadhabuu (Infertility) fi kkf.
💉 Yaala Maayomaa:
1. Yoo mallattoo hin qabannee fi hammi isaa xiqqaa ta’e, waggaa waggaan hakiima bira deemuun of sakattaasisuun (Watchful Waiting) ni danda’ama.
2. Yoo mallattoo qaba ta’e garuu, opiraasiyooniidhaan yaalamuun dirqama ta’a.
✍🏼Gosa Opiraasiyoonii maayomaaf raawwataman:
• Yoo dubartiin gara fuulduraatti dhala godhachuu barbaadde ykn gadameessi ishee akka ba’u hin feene, opiraasiyoonii maayomaa baasuu (Myomectomy) ni raawwatama.
• Yoo gadameessi akka ba’u filatame immoo, opiraasiyoonii gadameessa baasuu (Hysterectomy) ni raawwatama.
3. Yaala Qorichaa:
Maayomaan qorichaan guutummaatti akka badu gochuun ni ulfaata. Qorichi yeroo gabaabaaf gara opiraasiyooniitti ykn gara umurii laguun guutummaatti dhaabbatu (Menopause) ceesisuuf fayyada.
📌 Torbee darbe keessa dubartoota maayomaa mallattoo qabu qabanii fi gara fuulduraatti dhala barbaadan 4f opiraasiyoonii maayomaa baasuu (Myomectomy) milkaa’inaan raawwadheera.
🌟 Keessumaa dubartii tokko irraa maayomaa 35 baasuun, gadameessa ishee hambisnee, carraa gara fuulduraatti dhala godhachuu ishees eeguu dandeenyeerra!
🏥 Hospiitaala Haadholii, Daa’immanii fi Dhibee Qaama Keessoo YOOKOOtti, yaalli dhibee Maayomaa fi dhukkuboota dubartootaa biroo , hordoffii ulfaa fi deesisuu ana biratti ni argattu.
Dr. Meseret Olana
OBGYN Specialist | IGCS-Certified Gynecologic Oncologist)
0913367006
Oromia Health Bureau
Miesso Bayu
Ebsa Y Nagewo
Yookoo MCH/ Medical Center
Meri Dida Promotion and Events
NB: The complexity of myomectomy increases with the number of myomas present.