Gamex health information

Website

Gamex health information Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gamex health information, Medical and health, Sheger, Oromia, Addis Ababa.

Hordoftootni Amantii Kiristaanaa Baga Ifa fannoosaatiin isin gahe መላዉ ለክርስቲያን እምነት ተከታዮች እንኳን ለብርሃነ መስቀል በሰላም አደረሳችሁ ፣
26/09/2026

Hordoftootni Amantii Kiristaanaa Baga Ifa fannoosaatiin isin gahe
መላዉ ለክርስቲያን እምነት ተከታዮች እንኳን ለብርሃነ መስቀል በሰላም አደረሳችሁ ፣

‎MICHII SOMBAA (Pneumonia)‎********************************‎*Michiin sombaa infeekshinii sababa jermoolii ijaan hin mul'...
26/09/2026

‎MICHII SOMBAA (Pneumonia)
‎********************************
‎*Michiin sombaa infeekshinii sababa jermoolii ijaan hin mul'anne akka baakteeriyaa , vaayirasii , fangasii fi keemikaalota garaagaraan dhufuudha.
‎
‎SABABOOTA ISAA:
‎********************
‎ *Michiin sombaa nama fayyaleessa kamiyyuu qabuu danda’a ta’uus namoonni armaan gadii caalmatti saaxilamoodha. Isaanis:
‎
‎ *Tamboo aarsuu
‎ *Aara mana keessaa bahuu yeroo dheeraaf saaxilamuu
‎ * Dhukkuboota akka sukkaaraa , asmii , onnee , HIV/AIDS fi kkf qabaachuu
‎ *Alkoolii garmalee fayyadamuu
‎ *Qulqullina ilkaanii eggachuu dhiisuu
‎
‎MALLATTOOLEE:
‎******************
‎ *Akkuma sababni isaanii garaagaraa ta'e, mallattoon isaaniis baay'ee dha. Isaanis :
‎ *Qufaa guyyaa muraasaa hanga torbee lama hin caalle kan akkee qabachuu ykn dhabus danda’a
‎ *Ho’a qaamaa , dafqisiisuu
‎ *Hafuura kutaa
‎ *Darbee darbee dhukkubbii ykn waraansa qoma ykn laphee keessaa
‎ *Fedha nyaataa hir’isuu, dadhabbii qaamaa fi humna dhabuu
‎
‎YAALA
‎********
‎ *Michiin sombaa kan yaalamuu danda’u sadarkaa , cimina, haala waliigala fayyummaa dhukkubsataa sanaa fi gosa jermoota isa fidan irratti hundaa’ee kiniina ykn lilmee warrannachuun yaalamee fayya.
‎*Kanaaf yaaliin isaa nama hundaaf tokko miti, qorannoon erga adda bahee booda yaalama.
‎
‎ITTISA:
‎********
‎ *Sababoota isaaf nama saaxilan armaan olii irraa of qusachuu
‎Horaa bulaa………Fayyaa hin dhabinaa
‎Follow for more
‎https://www.facebook.com/profile.php?id=61572156017587
‎
‎
‎From Dr Oliyad Shegene” j
‎
‎Follow for more
‎https://www.facebook.com/profile.php?id=61572156017587
‎

26/09/2026

Baga ayyaana Masgalaatiin isin gahe

Human being will born then grow and then...
22/09/2026

Human being will born then grow and then...

‎🙏🙏Hepatitis B fi Hepatitis C — Gabaabinaan‎‎1. Definition (Hiika):‎👉Hepatitis B (HBV) jechuun infekshinii vaayirasii He...
20/09/2026

‎🙏🙏Hepatitis B fi Hepatitis C — Gabaabinaan
‎
‎1. Definition (Hiika):
‎👉Hepatitis B (HBV) jechuun infekshinii vaayirasii Hepatitis Btiin tiruun (liver) yeroo qabamuudha.
‎👉Hepatitis C (HCV) immoo infekshinii vaayirasii Hepatitis Ctiin tiruun qabamuudha.
‎Lamaan isaanii acute ykn chronic ta'uu danda'u.
‎
‎2. Mallattoo fi Symptoms:
‎Lamaan isaanii dadhabbii, ho'a qaamaa, nyaata jibbu, garaacha dhukkubuu, urine gurraacha fi ija/gogaa keelloo (jaundice) fiduu danda'u.
‎👉Namni Hepatitis C qabu garuu yeroo baay'ee jalqaba irratti mallattoo tokko illee qabaachuu dhiisuu danda'a.
‎
‎3. Garaagarummaa:
‎👉HBV dhiiga, saalqunnamtii fi haadha irraa gara daa'imaatti daddarba;
‎👉HCV irra caalaa dhiigaan daddarba. # B vaccine qaba;
‎ Hepatitis C vaccine hin qabu.
‎ # # HCV chronic ta'e qoricha antiviraltiin yeroo baay'ee fayyuu danda'a;
‎ # HBV immoo qorichaan to'atama.
‎
‎4. Management :
‎Hepatitis B Acute ta'eef baay'inaan supportive care kennama; chronic kan ta'eef ammoo hordoffii fi antiviral akka tenofovir ykn entecavir fayyadamuun ni danda'ama.
‎👉Hepatitis B vaccine ittisaaf kennama.
‎Hepatitis C: Qoricha direct-acting antivirals (DAAs) kennuun yaalama; qorichoonni kun HCV namoota hedduu keessatti fayyisuu danda'u.
‎⁉️Vaccine HCV hin jiru, kanaaf dhiiga faalamaa irraa of eeguuni ittisa guddaadha.
‎
‎Follow for more
‎https://www.facebook.com/profile.php?id=61572156017587
‎

‎♤Haati manaa Qoccooltuun akka mana yeroo hundumaa dhimmi'isuti.(  Fak.19:13)‎☆Haadha manaa qoccoltuu tokko wajjiin mana...
19/09/2026

‎♤Haati manaa Qoccooltuun akka mana yeroo hundumaa dhimmi'isuti.( Fak.19:13)
‎☆Haadha manaa qoccoltuu tokko wajjiin mana tokko keessa taa'uu irra golee bantii manaa irra taa'uu wayya. ( fak. 21: 9)
‎◇Dubartii Aartuu fi Qoccoltuu wajjiin jiraachuu irra lafa onaa keessa jiraachu wayya. (Fak. 21:19)
‎ከደረቅ ሴት ጋር ከምትኖር ከምድር አውሪዎች ከአንበሳዎች ጋር መኖር ይሽላል (መጽሐፈ ሲራክ 25:16)
‎በዝናብ ቀን የሚያንጠባጥብ ቤትና ጠበኛ ሴት አንድ ናቸው፤ እርስዋንም መከልከል ነፍስን መከልከልና ዘይትን
‎በቀኝ እጅ መጨበጥ ነው (ምሳ 27፡15-16)
‎ https://www.facebook.com/profile.php?id=61572156017587

Medical & health

19/09/2026

Hepatitis B Vs Hepatitis C
next....

 # #  tokko  Maaf lubbuu Ofi balleessa/Ofi ajjessa?‎‎👉Sababin namni tokko lubbuu ofii balleessuuf (Su***de) murteessuuf ...
25/08/2026

# # tokko Maaf lubbuu Ofi balleessa/Ofi ajjessa?
‎
‎👉Sababin namni tokko lubbuu ofii balleessuuf (Su***de) murteessuuf baay’ee wal-xaxaadha. Rakkoolee hedduu walitti tuulamanitu nama kuffisa.
‎
‎Sababoota gurguddoo namni lubbuu ofii itti balleessu kanaan gadiitti tarreessuun ni danda’ama:
‎
‎1. Dhibee Fayyaa Sammuu (Mental Health Disorders)
‎Inni kun sababoota hunda caalaa baay’inaan mul’atudha:
‎• Depression (Gadda Jabaa): Namni sun abdii guutummaatti kutata, jireenyi hiika akka hin qabne yaada.
‎• Bipolar Disorder: Miirri namichaa yeroo garmalee ol-ka’u fi garmalee gadi bu’u murtoo jarjaraa akka fudhatu isa taasisa.
‎• Schizophrenia: Sagalee hin jirre dhaga’uun (Hallucinations) "of-ajjeesi" jedhanii kan isa ajajan yoo ta’e.
‎• Anxiety (Dhiphina): Yaaddoo fi sodaa hamma madaallii ol ta’een qabamuu.
‎
‎2. Abdii Kutannaa (Hopelessness)
‎• Namni sun "rakkoon koo kun furmaata hin qabu, gara fuulduraattis waan gaariin ni dhufa jedhee hin yaadu" jedhee yoo amane, du’a akka furmaataatti ilaaluu jalqaba. Inni kun "Emotional Pain" ykn dhukkubbii miiraa jabaa jalaa ba’uuf yaaluudha.
‎
‎3. Miidhaa Sammuu fi Trauma (Trauma and Abuse)
‎• Ijoollummaatti miidhaan saalaa (sexual abuse) yoo irratti raawwatame.
‎• Miidhaa qaamaa fi gudeeddii jabaa keessa yoo darbe.
‎• Lola (waraana) fi balaawwan gurguddoo namatti dhufan hordofee miidhaa sammuu (PTSD) dhufeen.
‎
‎4. Araada Adda Addaa (Substance Abuse)
‎• Alkoolii fi qorichoota sammuu dammaqsan (drugs) fayyadamuu. Araaddi kun namni sun akka inni sirriitti hin yaanne gochuun dandeettii of-to’achuu (impulse control) hir’isa. Yeroo baay’ee namoonni yeroo machaa’anitti murtoo of-ajjeesuu fudhatu.
‎
‎5. Rakkoo fi Kasaaraa Jireenyaa (Life Stressors)
‎• Hiyyummaa fi Kasaaraa Maallaqaa: Hojii dhabuu ykn liqiin baay’ee irratti tuulamuu.
‎• Walitti dhufeenya: Gidduu maatiitti lola jabaan uumamuu, nama jaallatan du’aan dhabuu, ykn jaalalaan gatamuu.
‎• Yeelloo fi Gaabbii (Shame and Guilt):

Dogoggora raawwatame tokkoof of-balleessuu fi hawaasa keessatti qaanauu.
‎
‎6. Kophummaa (Social Isolation)
‎• Nama itti dubbatan dhabuu, hawaasa irraa adda ba’uu, fi "nama na jaallatu ykn na gargaaru hin qabu" jedhanii yaaduu.
‎
‎7. Dhukkubbii Qaamaa Yeroo Dheeraa (Chronic Pain)
‎• Dhukkuboota fayyuu hin dandeenye (akka Kaansarii, HIV jabaate, ykn miidhaa narvii) fi dhukkubbii namatti hammaatu jalaa ba’uuf jecha lubbuu ofii balleessu danda’u.
‎
‎8. Murtoo Tasaa (Impulsivity)
‎• Jecha nama , yaadannoo dogogoraa Isa darbee,qeeqinsa,arabsoo,
‎Yeroo tokko tokko rakkoon dhiphinaa yeroo gabaabaa (fkn: qorumsa kufuu, jaalalleen gatamuu) yeroo namatti dhuftu, osoo sirriitti hin yaadin murtoo du’aa fudhatu.
‎
‎🙏Yaadannoo Guddaa:
‎Of-ajjeesuun dhibee sammuu fi dhiphina jireenyaa irraa kan dhufu malee, "falfala" ykn "doofummaa" miti. Namni yaada akkasii qabu ogeessa fayyaa sammuu (Psychiatrist ) bira deemee yoo gorfame fi yaalame, jireenya gaariitti deebi'uu ni danda'a.
‎
‎Yoo ati ykn namni ati beektu yaada akkasii qabaate, gargaarsa gaafachuun tarkaanfii jalqabaa lubbuu oolchudha.
‎
‎Su***de is real. Be careful how you talk to & treat someone.
‎
‎Some people aren't as
‎strong as you think."
‎
‎Follow for more 👇 👇
‎https://www.facebook.com/profile.php?id=61572156017587

Medical & health

Address

Sheger, Oromia
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gamex health information posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share