Yadeta's medical and health

Yadeta's medical and health Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Yadeta's medical and health, Medical and health, Sheger, Oromia,, Addis Ababa.

19/05/2026

Eeggannoo Ilkaan keenyaaf godhamuu qaban!!

********************************
1. Ilkaan keessan yeroo kamiyyuu akka meeshaatti tasumaa hin fayyadamiinaa (fkn, Waa baqaqsuuf, qaruuraa banuuf, qeensa qubaa ittiin kutuuf fi kkf).

2. Rigaa (brush) ilkaanii jajjabaataa hin fayyadamiinaa. Rigaan ilkaanii jajjabaataan ilkaan sirritti qulqulleessa jedhanii yaaduun fayyadamuun dogoggora. Kanaaf rigaa ilkaan lallaafaa fayyadamaa.

3. Ilkaan ofii sirnaan miicachuun dirqama, waanta ilkaan keessatti hafan akka foonii fi kan biroo dafanii keessaa baasuun dirqama.

4. Waantoota akka karameellaa, Loomii hedduu nyaachuu, buna sukkaaraan, alkoolii fi waan sukkaarri itti baay'ate hedduu nyaachuu/dhuguu dhiisuu.

(American Dental Association)

16/05/2026



http://exam.ethernet.edu.et/

የዳግም ተፈታኞች ምዝገባ ጀምሯል

ለምዝገባ የባለፈው ፈተና ላይ ከትምህርት ቤት የወሰዳቹት username ያስፈልጋል‌‌

# Update
Hojjeteera amma
Barattootni irra deebiin Exit Exam qoramuuf jettan ‎ link http://exam.ethernet.edu.et/ waan hojjeteef dafaa guuttadha

👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾

Ministry of Education | National G*T

‎Dheerinni Quba Nama Tokkoo Waa'ee Nama Sanii Waan Baay'ee Hima.‎********************************************‎Dheerinni ...
14/05/2026

‎Dheerinni Quba Nama Tokkoo Waa'ee Nama Sanii Waan Baay'ee Hima.
‎********************************************
‎Dheerinni quba keenyaa inni tokko kan biraa caaluun ykn walqixa ta'uun waa'ee eenyummaa ykn amaloota keenyaa maal nutti hima?
‎Akkuma fakkii armaan gadii irratti agartan quba elemtuufi quba qubeelaa dheerina isaan lamaanii wal bira madaalchisuudhaan bakka saditti qoodamanii jiru (A, B fi C). Mee qorannoon garagaraa maal akka jedhu tokkoon tokkoon haa ilaallu :-

‎1. A.... "A" irratti akkuma agartan qubni qubeelaa quba elemtuu/cammee ni caala. Namoonni garee kana jalatti ramadaman baay'een isaanii dhaabbannaa miidhagaa kan qabaniifi uumamaan babbareedoodha jedha. Namoonni kunniin wanta namni biraa argachuuf baay'ee hawwu salphaatti warra argataniidha. Akkasumas, salphaatti dafanii kan aaraniifi waan isaan aarse saniif dafanii furmaata warra barbaadanii. Waa Murteessuuf warra saffisaaniifi/jarjaraniifii rakkoo dhufu hundaa fudhachuuf warra hin sodaannee. Namoonni kunniin mormanii amansiisuus baay'ee kan danda'an.
‎Namoonni kunniin namoota garee 'B' jala jiran caalaa madda galii gaariis qabu jedhama. Jireenya keessatti milkaa’uun ittin ulfaatu jedha qorannoon.

‎2. "B"... Isaan kuni immoo, akkuma fakkii irraa argitan qubni qubeelaa quba elemtuu irra gabaabduudha. Namoonni kunniin ofitti amanamummaa baay'ee guddaa ta'e kan qaban, baay'ee warra of jaalataniifi warra of jajani. Sababa baay'ee of jaalataniif rakkoo kamuu fudhachuu hin barbaadan waan ta'eef waa murteessuuf hin jarjaran. Waan tokko, Fknf, daldala namni biraa erga eegalee rakkoo akka hin uumne arganii booda itti aananii eegalu malee, dursanii ofiif hin eegalan. Namoonni kunniin qophaa ta'uu kan filataniifi yeroo boqonnaa isaaniitti wanti kamuu akka isaan jeequ warra hin eeyyamnee. Garee kana jalatti namoonni ramadaman kunniin jaalalaas keessa seenuu baay'ee sodaatan, garuu namaan jaalatamuufi beekkamtii argachuu baay'ee kan barbaadaniidha jedhameera.

‎3. 'C'.. Namoonni qubni elemtuufi qubeelaa
isaanii wal qixa ta'an immoo, namoota nageenya baay'ee barbaadaniifi iddoo jeequmsiifi walitti bu'iinsi jirutti tasuma mul'achuu hin barbaannee jedhamu. Namoonni kunniin wantootaaf xiyyeeffannoo baay'ee warra kennaniifi namoota baay'ee waliin salphaatti walii galuuf hin rakkatan. Nama qeequuf hin saffisaan, sababa namaaf baay'ee gaarii ta'aniif namoonni baay'een icciitii isaanii kan itti himatan namoota kanniini. Hariiroo jaalalaatiif baay'ee amanamoo kan ta'aniifi jaalallee ykn abbaa/haadha manaa isaaniitiif sirriitti kunuunsa warra godhani.
‎Isin hoo garee tam jala jirtan? Amala kana ni qabdanii?
‎Follow👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61572156017587

13/05/2026

NAMOOTA HIRRIBNI DIDEEF
Waantoonni armaan gadii kun isin gargaaru.
**************************
1. Sa’atii walfakkaataatti gara siree ba’aa.
2. Ciisuu keessaniin dura aannan ho’aa dhugaa.
3. Bishaan ho’aan qaama dhiqadhaa ciisaa.
4. Kitaaba dubbisaa ciisaa.
5. Sa,aatii ammaa ammaa hin ilaaliinaa.
6. Nyaata baay’ee yokaan ulfaataa ciisuu. keessaniin dura hin nyaatiinaa.
7. Muuziqaa waan sagalee qaban of irraa fageessaa.
8. Warri muuziqaa jaallattan ammo classical dhaggeefataa ciisaa.
9. Bakkeewwa hedduu jaallattan suura isaanii maxxanfadhaa.
10. Ifa mana ciisicha keessaa balleessaa.
11. Bunaa fi waantoota isa fakkaatan ciisuu. dura hin fudhatinaa.
12. Rafuun dura sochii qaamaa taasisaa.
👇👇https://www.facebook.com/profile.php?id=61572156017587

a 🙏🙏🙏New health vacancy only for graduated healthy sciences
09/05/2026

a 🙏🙏🙏New health vacancy only for graduated healthy sciences

‎🙏🙏Oduu Ajaa'ibsiifamu‎‎Hararitti Haadha daa’imman shan nagaan deesse ‎‎Hospitaalli addaa Hiwot Fana kan Haramaya Univer...
06/05/2026

‎🙏🙏Oduu Ajaa'ibsiifamu

‎Hararitti Haadha daa’imman shan nagaan deesse

‎Hospitaalli addaa Hiwot Fana kan Haramaya University jalatti argamu, magaalaa Harar keessatti, haati tokko daa’imman shan nagaan akka deesse beeksise.

‎Haati umurii waggaa 35, Aadde Badria Aadam jedhamtu, kaleessa galgala sa’aatii 3:30 irratti nagaan daa’imman shanan (dhiira afur fi dubartii tokko) deesse.

‎Daa’imman shanan fi haati isaanii hundi haala fayyaa gaarii keessa akka jiran gareen ogeeyyii fayyaa mirkaneesseera.

‎Aadde Badriaan yeroo ulfaa turanitti hospitaala kana keessatti hordoffii dhiyeenyaan taasifamaa ture, kunis adeemsa da’umsa isaanii milkaa’aa taasisuuf gahee guddaa qabaachuu isaa ibsameera.

‎Aadde Badria, jiraattuu aanaa Sofii, kanaan dura ijoollee sadii kanneen biroo kan qabdu ta’uu isaanii Ethiopian News Agency gabaaseera.

04/05/2026

‎FUNUUNA ( Epistaxis)
‎*******
‎Funuunni dhiiga garaa fuunyaanii dhangala’uudha. Kunis kan uumamu ujummoo xixiqqoo fi laafoo ta'an funyaan kernya gara gadiitti karaa keessan argaman miidhamaniidha. Kunis gara garaatti gad deebi'uun dhiiga tufsiisuu danda’a. Funuunni sadarkaa fi sabaaboota garaagaraa qaba.

‎SABABOOTA FIDAN:
‎ 1. Qubaan funyaan qotuu (Nasal pricking)
‎ 2. Rakkoo itituu dhiigaan walqabatu
‎ 3. Rukuttaa funyaanii ykn fuula keessaa
‎ 4.Qorichoota mana yaalaa tokko tokko
‎ 5 . Rakkoo uumama keenyaan funyaanii ( septal abnormality) fi kkf
‎6. Qilleensa gogaa, qorra fi allerjii garaagaraa
‎7. Dubartii ulfaa fi kkf

‎Funuunni funyaan keessaa iddoo lamaa dhiiguu danda’a. kunis:

‎ 1 Dhiigaa funyaan gara fulduraa (Anterior bleeds): Inni kun gosa funuunaa baayyee mudatuu fi iddoon irraa dhiigummoo fuldura funyaanii gadjallaa keenyaan uraa funyaanii lamaan adda baasurraadha.
‎ *Sababni isaas yeroo baayyee qubaan funyaan keessaa horfuu dha.
‎ *Funuunni kun yeroo baayyee rakkoo cimaa kan hin geessinee fi ofumaa dhabbatuudha.

‎2.Dhiigaa funyaan gara boodaa (Posterior nasal bleeds):
‎ *Gosti funuuna kun ujummoolee dhiigaa gurguddaa funyaan gara duubatti argaman irraa kan dhufuu fi baayyee dhiiguudha. Kanaafis carraan ofin dhabbachuu isaa gad bu’aa waan tahef mana yaalaa dhaquu qaba.

‎NAMA FUNUUNUF MAAL GOCHUU QABNAA?
‎******
‎ *Nama funuunaa jiru gaafa arginu funyaan isaa gara gad-jallaa uraa funyaanii lamaan daqiiqaa 5 hamma 20 walitti qabuun hirkisanii teessisuu
‎ *Yookin ulaa funyaanii dhiigaa jiru jirbii ykn citaa uffataa qulqulluun cuqqaaluu

‎HUBADHAA! Dhiigni akka garaatti gad hin deebineef nama funuunu hirkistanii teessisuun filatamaadha!
‎ *Sana mana yaalaa dhihoo jiru geessudha.

‎Fayyaa hin dhabinaa!


‎Join for more information

04/05/2026

FI ISAA

‎Faayidaalee maangoon fayyaa keenyaaf kennu keessaa muraasni:
‎1. Hanga kolestiroolii qaama keenya keessaa ni xiqqeessa.

‎2. Gogaa qaama keenyaa cufame banuun fayyaa fi miidhagina gogaa keenyaaf ni tola.
‎Haala itti fayyadamaa
‎Gogaa maangoo erga quncifnee gogaa qaama keenyaa dibachuu
‎Erga dibannee booda daqiiqaa 10'f tursinee irraa dhiqachuu.

‎3. Maangoon vitamin E'n waan badhaadheef namoota fedhiin wal qunnamtii saalaaf isaan qaban yoo gadi bu'e maangoo soorachuun fala.

‎4. Maangoon dhibee hir'ina dhiigaa waan nurraa qolatuuf, dubartii ulfaafis ni gargaara.

‎5. Ulfaatinni qaama keenyaa kan gadi bu'es yoo ta'e maangoon bilchaataan tokko 75 waan qabuuf akkasumas starch waan of keessaa qabuuf yoo sooratne ulfaatina qaama keenyaa ol kaasuun ni danda'ama.

‎6. Ciccitaan maangoo 1 fedhii vitamin A 25% waan nuuf guutuuf, yoo sooranne fayyaa ija keenyaaf gaarii dha.

‎7. Hamma waa yaadachuu keenya ni dabala.

‎8. Gubiinsa qaamaa akka malee nurraa ittisa.

‎9. Daakamuu dhabuu soorataa nurraa ittisa.

‎10. Dhibee sukkaaraan kan hubamaniif hanga insulin qaama keenya keessaa hir'isuun ni gargaara.
‎Haala itti fayyadamaa-
‎Baala maangoo xiqqoo danfisuu
‎Halkan guutuu dhuubuun bulchuu
‎Ergasii bishaan isaa calaluun dhuguu

‎11. Dhibee kaanserii nurraa qolata.

‎Galatooma

‎Join to get more

Rapid assessment of new born
03/05/2026

Rapid assessment of new born

follow this page to get health related information
30/04/2026

follow this page to get health related information

This version of Facebook uses less data and works in all network conditions.

Address

Sheger, Oromia,
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yadeta's medical and health posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share