03/04/2025
KAANSARII HARMAA DHIIROTAA
WANTOOTA BEEKUU QABDAN:-
1. MAALI?
Kaansarii tishuu harmaa dhiirotaa keessatti uumamu dha: Yeroo baay’ee mul'achuu baatus, uumamuu ni danda'a. Namoota kaansarii harmaan qabaman keessaa 1% dhiirota
2. WANTOOTA NAMA SAAXILAN:
- Umuriin dabaluu
- Seenaa maatii kaansarii harmaa (dhiira ykn dubartii)
- Qaama keessatti hormooniin istiroojinii dabaluu (furdinni qaamaa dabaluu, dhukkuba tiruu yeroo dheeraa ture, ykn wal’aansa hormoonii)
- Raadiyaashinii (Cararii) lapheedhaaf saaxilamuu
- Jijjiirama jeneetiksii murtaa’e (kanneen akka BRCA-1/BRCA-2) qabaachuu
3. MALLATTOOWWAN DHUKKUBICHAA:
- Dhiitoo ykn furdina harmaa dhukkubbii hin qabne
- Jijjiirama fiixee harmaa (keessatti garagaluu, diimachuu, ququnca’uu, ykn dhangala’aa qabaachuu)
- Jijjiirama gogaa harmaa (dhiita’uu: halluun gogaa jijjiiramuu: suntuurrachuu),
-Dhiitoo bobaa jalaa
4. QORANNOO: Kaansariin jiraachuu isaa mirkaneessuuf qorannoowwan akka qorannoo qaamaa, maamogiraamii, altiraasaawundii fi baayoopsii barbaachisuu danda'u.
5. YAALA:
- Baqaqsanii yaaluu (harma baasuu: Mastectomy),
- Yaala raadiyeeshinii
- Yaala Keemooteeraapii
- Yaala hormoonii (tamoxifen), fi kanneen biroo barbaachisuu danda'a.
Akaakuu fi duraa duubni yaalawwan kanneenii amalaafi sadarkaa kaansarii nama dhuunfaa sanaa irratti hundaa'uun namaa namatti garaa garadha.
5. BARBAACHISUMMAA DURSANII ADDA BAASUU:
Hubannoon dhiironni kaansarii harmaa irratti gad-aanaadha. Sababa kanaaf yeroo baay'ee sadarkaa fayyuu hin dandeenyerra erga gahee barama.
Kanaafuu jijjiirama harmaa kammiyyuu yoo ofirratti argitan hatattamaan ogeessa fayyaa mariisisuun barbaachisaadha.
DR. TASFAAYEE AAGAA
Sab-Ispeeshaalistii baqaqsanii yaaluu Harmaa fi Indookiraayinii