11/08/2026
X jedhamti umurii ishee waggaa 25 fi dhalattee kan guddattee maatii muslimaa fi tikfattootaa keessatti. X heerumtee jirti amma haadha ijoollee 3ti, Abbaa warraa fi ijoollee ishee wajjinis jiraachaa jirti.
X yeroo baayyee kophaa ishee ijoollee umuriin waggaa 10 hin guunne wajjin mana keessaa hojii manaa dalagaa oolti. Abbaan warraa ishee hojii re'ootaa fi Gaala tiksuuf lafa karaa dheeraa oolee gala. Osuma kanaan jiranuu, amalli (behavior) X tasuma jijjiirrame.
Hirriiba dhabuu eegalte, ni lolti, waan xiqqoof dheekkamti, ni aarti, ijollee reebuu eegalte, uffata ofirraa baastee darbuu yaaddi, sagalee dheeradhan iyyiti, akka nama waa yaamuu gooti, Manaa baatee baduuf yaalti, yaalii of-ajjeesuu (Su***de attempt) illee taasiste turte.
Maatin X fi firoinni bitaa itti galeera. Hanga ammatti maatin X gara mana yaalaa osoo ishee hin geessine akkanumaan baatin tokko kuteera, Garuu yaala aadaa (traditional treatment method) adda addaa hoomtuu isaan hin hafne.
Amma luul dhukkubni ishee gara biraatti jijjirramee jira.
Hirriiba durumaanu akkuma dhabdetti jirti. Nyaata nyaachuu didde. Kan dur afaanin (verbally) dheekkamtu sun amma guutumatti dubbii dhaabde (mute) ija dhumaan nama ilaalti, kanumaan osoo jirtuu sochii godhuullee dadhabde, yoo teesse ol ka'uu hin feetu, yoo dhaabatte gad taa'uu hin feetu, konkolaataa keessattillee dhaabattee konkolaatan deeman.
Ammaa X erga fayyaa dhabdee baatii 2 bira kuteera, guyyaa tokko maatin X, X gara hospitaala geessuf murteessan. Hospitaaluchis yaalii godheefi gara mana isheetti deebise. X garuu fayyuu hin dandeenye.
X guyyaa tokko hospitaala ani keessti dalagu Gashamo Hospital jedhamutti fidanii naaf dhufan. Yeroo kana X ulfaatina baayyee hirristee jirti(whieght loss) gootee jirti, wheelchair dhaan sochoosaa Emergency opd fidan, hin dubattu, hin nyaattu, hin raftu, hin sochootu.
Yeroma sana team koo wajjin taanee support care gargaarsa duraa barbaachisaa ta'an hunda goonef, itti fufnees,History ykn akkaataa dhukkubashii akka armaan olitti erga aranne, booda investigashinii barbaachisaa ta'an gara laboratooriitti goonefii booda bua'aan qorannoo laaboratoorii norman average ta'ee dhufe.
Amma erga Diagnosis goonee booda qorichoota dhukkuba kanaaf kennaman karaa hidda dhiigaa (IV) challenge dhaan eegalle, hirriibaa gaarii rafuu eegalte, guyyaa tokko keessatti jijjiiramni mul'ataa dhufe.
Guyyaa lamaaf itti fufnee amma nyaata ofiin soorachuu eegalte, gaafa guyyaa 3ffaa limmee kana irraa dhiisnee kiniina jijjiirref, amma socha'uullee eegalte, afaanin dubachuus yaalte, waan namni jedheen fudhachuu eegalte, ol jettee mana fincaanii deemuu eegalte,.
Gaafa guyyaa 4ffaa maaliif akka hospitaala ishee fidan gaafachuu eegalte, maal ta'een na fiddan jechuun dhufe, ijoollee ishee illee eessa akka jiran gaafachuu eegalte. Gaafa guyyaa 5ffaa guuttu mooraa hospitaalaa keessa kophaa sochawuu eegalte, ijoollee koo yaade jechuun dhufe, yaalumsi keenya ni milkaaye.
History dhukkuba X gara jalqabaa keessatti Dhukkuba gosa psychosis tu sababa dhukkuba gara dhumaa kanaa ta'uu waan argineef isa kana yaalun dirqama waan ta'eef, Kiniina bareedaa isaa wajjin gara mana isheetti discharge goonerra. Maatin X gamadanii nu eebbisanii galan.
Ergaa gabaabduu tokkon qabna. Yaa Uumata keenya yoo xiqqaate dhukkuba sammuu arifachiisa (ድንገተኛ) akkana osoi iddoo adda adda dhiistanii osoo gara hamaatti (severe) hin jijjiirramiin atattamaan gara mana yaalaa geessu qabdu.
Dhukkubni xiqqoo hin qabdu, akkuma dhukkuba Sukkaaraa (DM) fi Dhiibbaa dhiigaa (HTN) yaalamani fayyan, dhukkubni sammuus yaala qaba. Ni fayyas Fayyaan sammuu fayyaa hundaa caala. Ogeessa fayyaa sammuu
Ofisa Zewde
Hospitaala Gashamo irraa.
Telegram: t.me/HakimEthio