Dr Odeeffannoo fayyaa mana keessan taa'aa argadhaa. Haakima fayyaa. barreessaa fi barsiisaadha life is 😘😘😘
(1)

DHUKKUBA ASMII (BRONCHIAL ASTHMA)******************************************Dhukkubi asmii dhukkuba ujummoolee qilleensaa...
20/06/2026

DHUKKUBA ASMII (BRONCHIAL ASTHMA)
******************************************
Dhukkubi asmii dhukkuba ujummoolee qilleensaa isaan xixiqqoo somba keessaa kan miidhuu dha.Dhukkubi kun kutaa hawaasaa giddu galeessan 10%irratti kan muldhatuu yoo tahu , umuriin itti muldhatus bayyinaan (80%) ijoollee waggaa 10 gadi irrattiidha, tahus namoonni muraasni kunis hanga 10% tahan waggaa 40 booda asmii irratti argamuu danda'a.

MAALIIRRA NAMA QABAA?
*************"*************
°Sababi guddaan dhukkuba asmiif nama saaxilu maatii ykn fira dhihoo dhukkuba kanaan qabame qabaachudha.

°Sababoonni xixiqqoon biroo infeekshinii ujummoo qilleensaa , aleergii , wantoota qilleensa falamanitti saxila bahuu fi kkf

MALLATTOOLEE ASMII

°Namni dhukkuba kana qabu mallattoolee akka qufaa yeroo dheeraa keessattuu galgala cimu kan akkee qabaachuu danda'u qabaata
°Hafuura kutaa ykn hafuura wal hanqisuu (air hunger) fi dafee hargansuu
°Yeroo hargansuu sagalee siiqsuu qabaachuu
°Dhukkubbii qoma ykn laphee keessaa qabaachuu fi kkf

YAALA

*Dhukkubni asmii dhukkuba yaala qabuu fi namni isa qabu yaala fi of eeggannoo barbaachisu gochuun akkuma nama kamittuu jiraachuu danda'a.

OF EEGGANNOO

*Qoricha seeraan fudhachuu
*Foolii urgaa'us tahee ykn ajaa'u irraa fagaachuu
*Awwaara , haraa manaa fi qilleensa qorraatti saxila bahuu dhiisuu
*Aara manaa, tamboo aarsuu fi qilleensa faalama qabu hambisuu
Horaa bulaa...Deebanaa
Dr

Eenyuutu dura fedhii baha?******************************************Akka qorannoo saayinsii fayyaatti, yeroon dhiironni ...
07/06/2026

Eenyuutu dura fedhii baha?
******************************************
Akka qorannoo saayinsii fayyaatti, yeroon dhiironni fi dubartoonni fedhii saalaa dhumaa (or**sm) itti gahan garaagarummaa uumamaa kan qabu yoo ta'u, dhiironni erga qaamni saalaa isaa qaama saalaa dubartootaa seenee giddu-galeessaan daqiiqaa 5 hanga 7 keessatti, dubartoonni immoo daqiiqaa 10 hanga 20 keessatti fedhii isaanii xumuru. Dubartoonni dhibbeentaan 70% hanga 80% ta'an walqunnamtii saalaa kallattii qofaan fedhii isaanii dhumaa hin gahan. Garaagarummaa yeroo kanaa guutuun gammachuu waliinii uumuuf immoo, dursanii qaama wal ho'isuuf (foreplay) yeroo gahaa kennuun qaama kakaasuu fi dhimma kana irratti sodaa malee iftoominaan waliin dubbachuun fayyaa fi jireenya gaa'elaatiif baay'ee murteessaadha.

“Hubannoo Kaansarii fiixee Gadameessaa Addunyaa” ==========Kaansariin fiixee gadameessaa gosoota kaansarii addunyaa irra...
07/06/2026

“Hubannoo Kaansarii fiixee Gadameessaa Addunyaa”
==========

Kaansariin fiixee gadameessaa gosoota kaansarii addunyaa irratti baay’inaan mul’atan keessaa isa tokko. Waggaa waggaan namoota haaraa kaansarii fiixee gadameessaatiin qabaman kuma 500 ol akka adda baafamu ni tilmaamama. Dhukkubni kun irra caalaan isaanii biyyoota guddachaa jiran kanneen adda baasuu fi yaaliin isaanii hin babaldhanne keessatti mul’ata. Dafanii sakatta’amuu fi yeroo yerootti qoranoo taasisuun carraa yaalii milkaa’aa argachuu fooyyessuu danda’a.

1. Waa'ee kaansarii fiixee gadameessaa irratti yaada xiqqoo:-

Kaansariin fiixee gadameessaa jechuun yeroo guddinni seelii hin baramne fiixee gadameessaa irraa ka’uun gara guutummaa naannoo fiixee gadameessaatti babal’atudha.

2. Miidhaa kaansarii gadameessaatiin dhufu

Kantaruu dhiigaa
* Dhiigni dhangala’uu
* Fistuulaa
* Goginsa garaa
* Fincaan baasuuf rakkachuu
* Dhala dhabuu
* Kaansariin fiixee gadameessaa dhukkuba keessoo qaamaa fi kan kana fakkaatan irratti miidhaa geessisuun du’aaf nama saaxiluu danda’uudha.

3. Eenyuutu kaansarii fiixee gadameessaaf saaxilama?

Dubartiin saalqunnamtii raawwattu kamiyyuu kaansarii gadameessaaf saaxilamuu ni dandeessi. Haa ta'u malee:

* Dubartoota walqunnamtii saalaa umurii kichuutti (umrii waggaa 20 gadii) eegalan;
* Dubartoota dhiirota adda addaa hedduu waliin walqunnamtii saalaa raawwatan, .
* Dubartoota sababa adda addaatiin qaamni ittistuu isaanii dadhabe (fakkeenyaaf HIV dhiiga isaanii keessa jiru), akkasumas
* Dubartootni dhukkuba wal quunnamtii saalaa (Sexual transmitted diseases) qaban caalaatti saaxilamoodha.

4. Mallattoolee ijoo kaansarii fiixee gadameessaa

Kaansariin fiixee gadameessaa waggoota 15 hanga 20’f mallattoo tokko malee turuu danda’a. Dhukkubni kun erga hammaatee booda garuu mallattoolee armaan gadii qaba:-
* Yeroo laguutiin alatti dhiigni gadameessaa dhiiguu.
* Laguu yeroo dheeraa turuu fi ulfaataa ta’uu.
* Yeroon umurii ulfaa ykn umuriin erga darbee boodas gadamee

🧑‍⚕️ Infeekshinii Kalee: Wantoota Nama Saaxilanii fi Maloota Ittisaa​1️⃣ Wantoota Infeekshinii Kanaaf Nama Saaxilan▪️Fin...
25/03/2026

🧑‍⚕️ Infeekshinii Kalee: Wantoota Nama Saaxilanii fi Maloota Ittisaa

​1️⃣ Wantoota Infeekshinii Kanaaf Nama Saaxilan

▪️Fincaan Qabatanii Turuu: Fincaan utuu hin fincaanin qabatanii turuun baakteriyaan akka wal-horuu godha.

▪️Bishaan Gahaa Dhuguu Dhabuu: Bishaan gahaa dhuguun baakteriyaan qaama keessaa dhiqamee akka bahu gargaara.

▪️Qulqullina Dhabuu: Erga mana fincaanii fayyadaman booda sirriitti qulqulleeffachuu dhabuu (keessattuu dubartootaaf).

▪️Dhibee Sukkaaraa: Namoonni dhibee sukkaaraa qaban carraan dhibee kanaan qabamuu isaanii ol-aanaa dha.


2️⃣ Toftaalee Infeekshinii Kalee Ittisuuf Gargaaran

▪️Bishaan Gahaa Dhuguu: Guyyaatti bishaan liitira 2-3 dhuguun baay'ee gargaara.

▪️Yaala Ogeessaa: Infeekshiniin baakteriyaan uumamu qoricha Antibiootiksii ogeessi fayyaa ajajuun yaalamuu qaba.

▪️Hubachiisa: Qoricha ajajame hanga dhumaatti fudhachuun dirqama.

▪️Qulqullina Eeguu: Mana fincaanii booda sirriitti qulqulleeffachuu fi wal-quunnamtii saalaa booda fincaanuun dhibee kana ittisuuf ni gargaara.

IFA ADUU FAYYAA KEENYAAF  ✓ Vaayitaamin D oomishuuf:-  Ifti aduu qaamni keenya oomisha vaayitaamin D dabaluuf gargaara. ...
23/03/2026

IFA ADUU FAYYAA KEENYAAF

✓ Vaayitaamin D oomishuuf:- Ifti aduu qaamni keenya oomisha vaayitaamin D dabaluuf gargaara. Vaayitaamin D n ammoo guddinaafi jabina lafeef gargaara.

✓ Miira gammachuuf: Oomisha Serotonin qaamaa dabaluun mukuu (depression) ittisa.

✓ Hirriba gaariif:- Sirna hirribaa sirreessa. Guyyaa dammaqiinaan akka oollufi, galgala hirriba gaarii akka argannu gargaara.

✓ Fayyaa onneef: Dhiibbaa dhiigaa hir’isee fayyaa onnee eeguuf nu gargaara.

✓ Fayyaa sammuuf:- Xiyyeeffannoofi dammaqiinsa dabaluun fayyaa Sammuu eeguuf gargaara.

✓ Sirna ittisa dhukkubaa (Madinummaa) qaamaa cimsa.

Hub: Guyyaatti daqiiqaa 15-30 Caama ganamaa fayyadamuun faayidaa asii olii kana argamsiisa. Akkasumas Aduun guyyaa bahu Gogaa keenya waan miidhuf Aduu ganamaa fayyadamuun gaaridha. Keessumaayyuu daa'immaniif!

Address

Jimma University
Agaro
JIMMA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dr:

Shortcuts

Share