21/07/2026
Adoolessa 20, 2026
Hospitaalli Barnootaa fi Waliigalaa Yunivarsiitii Arsi Asallaa Tajaajila Tola Ooltummaa Gannaa Keessatti Beekamtii Biyyaalessaa Argate
Gammachuu fi boonsa guddaadhaan oduu gaarii kana isin waliin qooduun keenya nu gammachiisa. Hospitaalli Barnootaa fi Waliigalaa Yunivarsiitii Arsi Asallaa, Sagantaa Tajaajila Tola Ooltummaa Gannaa bara 2017 A.L.I. (2025) bu'a qabeessa ta'een raawwateef Ministeera Fayyaa Federaalaatiin beekamtii biyyaalessaa argateera.
Beekamtiin kun hojii qofa osoo hin taane, kutannoo Yunivarsiitichi tajaajila hawaasaa, itti gaafatamummaa hawaasummaa fi fayyaa uummataa guddisuuf qabu kan calaqqisiisudha. Akkasumas hojii tola ooltummaa keessatti hirmaattonni keenya, ogeeyyiin fayyaa, barattoonni, hojjettoonni fi deeggartoonni keenya agarsiisan hojii cimaa, walta'iinsa fi gara-laafinaaf mootummaa irraa kennamee kabaja guddaadha.
Carraaqqii keenyaaf iddoo guddaa kennuudhaan nu jajjabeessuuf Ministeera Fayyaatiif galata guddaa qabna. Akkasumas hoggansa Koolleejjii Saayinsii Fayyaa, barsiisota, hojjettoota bulchiinsaa, barattoota, ogeeyyii fayyaa fi hawaasa bal'aaf galata keenya irraa garaa dhiyeessina. Milkaa'inni kun nama tokkoo miti; kan nama hundaa yeroo isaa, beekumsa isaa fi humna isaa hawaasa tajaajiluuf oolche hundaati.
Kana caalaa immoo, guyyoota muraasa keessatti Sagantaan Tajaajila Tola Ooltummaa Gannaa bara kanaa akka jalqabu gammachuudhaan isin beeksifna. Kanaafuu hojjettoonni, barattoonni fi michoonni keenya hundi yeroo ammas hojii kabajamaa kana keessatti akka nu waliin hirmaatan affeeramoo dha. Walumaan keenya kutannoo, gara-laafinaa fi ogummaa keenya fayyadamuun jireenya namoota hedduu keessatti jijjiirama dhugaa haa fidnu.
Yoo waliin hojjenne, hawaasa keenya ni cimsina; abdii ni dagaagsina; fayyaa uummataa fi misooma biyya keenyaaf bu'aa guddaa ni galmeessina.
Beekamtii boonsaa kana keessatti gahee isaanii bahataniif hunda isaanii irraa garaa baga gammaddan jechuun keenya guddaadha. Sagantaan Tola Ooltummaa Gannaa bara kanaas milkaa'ina caalaa fi bu'aa bal'aa akka qabaatu hawwii keenya ibsina.
Akkuma Atileetota Keenya Urjii Ta'anitti, Nutiis Ogeeyyii Gahumsa Olaanaa Qaban Haa Taanu!