Waan Ofii Health Tips

Waan Ofii Health Tips Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waan Ofii Health Tips, Medical and health, �, Bedele.

 Arbi lama yoo wallole kan miidhamu marga jedha Oromoon Yoo mammaku.Mariin Lola dhaabuu Iraanii fi Amerikaan biyya Pakis...
12/04/2026


Arbi lama yoo wallole kan miidhamu marga jedha Oromoon Yoo mammaku.
Mariin Lola dhaabuu Iraanii fi Amerikaan biyya Pakistan Magaalaa Islamabaditti taa'amaa ture osoo waliigaltee irra hin gahin gargar bahan.

Pirazdaantiin Ameerikaa Donald Tirump immoo dooniin takkaleen akka hin seenne fi akka hin baane daandii galaanaa Hormuz amma nuutu cufa jechuun kana gochuufis doonii waraanaa baayyee gara Hormuz boobbaasuuf qophii xumuruu isaanii ibsanii jiru.

Jarri lameenuu tara taran hulaa Hormuz kan cufan yoo tahe gatiin bobaba'aa kana caalaa waan dabaluuf ummata Addunyaa keessattuu biyyoota Afrika Keessatti hiyyumaa hamaa Keessa jiraatu caalatti rakkoo hamaaf kan saaxilu waan taheef rabbiin akka fuurmaata nuuf fidu kadhachaa dhaabbanni biyyoota gamtoonni immoo gama isaaniitin loolli Iraan fi USA adeemsisaa jiran jireenya ummata addunyaa guutuu irratti dhiibbaa fi rakkoo guddaa fidaa waan jiruuf tarkaanfii barbaachisa fudhate seera Idila Addunyaa kabachisee rakkoo daandii cufinsa Hulaa Hormuz kana akka furan dhaamsa keenya dabarfanna.

👇👇👇👇👇

20/03/2026
DOGOGGORA NYAATA BOODAANyaanni fayyaa keenyaaf baay'ee barbaachisaa akka ta'e beekamaadha. Haata'u malee amalootni nyaat...
19/03/2026

DOGOGGORA NYAATA BOODAA

Nyaanni fayyaa keenyaaf baay'ee barbaachisaa akka ta'e beekamaadha. Haata'u malee amalootni nyaata booda mul'atan hedduun dhiibbaa fayyaa keenya irraan geessisuu malu.

AKKA NYAATA NYAANNEEN MAAL GOCHUU HINQABNU?

1. Shayii fi buna dhuguu 👉 Erga nyaata nyaannee booda shayii ykn buna dhuguuf yoo xiqqaate daqiiqaa 30 hanga sa'aatii 1 turuu qabna. Sababni isaas, albuuda ayiranii jedhamu, kan fayyaa keenyaaf faayidaa gurguddaa kennu nyaata nyaannu keessaa akka hin xuuxamne godha. Yeroo hedduu namootni aannanitti buna dabalanii utuu dhuganii argina. Aannan albuuda ayiraniin kan badhaadhe ta'ullee yeroo buna itti daballee dhugnu albuuda kana utuu keessaa hin argatin hafna jechuudha.

2. Hirriba 👉 Akka nyaata nyaanneen gara ciisichaa deemuun bullaa'iinsi nyaataa hir'achuu, bokokuu garaa, akkasumas gubaa lapheef nu saaxiluu waan danda'uuf, yoo xiqqaate sa'aatii 2 turuun barbaachisaadha.

3. Bishaan dhuguu 👉 Bishaan ga'aa dhuguun fayyaa keenyaaf baay'ee barbaachisaa ta'us, nyaata dura daqiiqaa 30 ykn erga nyaannee daqiiqaa 30 turree yoo dhugne filatamaadha.

4. Sochii qaamaa 👉 Akka nyaata nyaanneen sochii qaamaa taasisuun hin gorfamu. Garuu naannoodhuma jirrutti asiif achi deemuufi hojii sasalphaa hojjechuun gaariidha.

5. Ilkaan qulqulleeffachuu 👉 Ilkaan keenya miiccachuuf nyaata booda yoo xiqqaate daqiiqaa 30 turuu qabna.

6. Qaama dhiqachuu (shower) 👉 Qaama keenya nyaata dura utuu dhiqannee filatamaadha. Nyaata booda yoo ta'e ammoo yoo xiqqaate garaagarummaan daqiiqaa 30 jiraachuu qaba.

7. Fuduraa/muduraa nyaachuu 👉 Fuduraa/muduraan fayyaa keenyaaf baay'ee barbaachisaa ta'us nyaata dura ykn booda yoo nyaanne filatamaadha.

8. Tamboo xuuxuu irraa of qusachuu

9. Uffata nama qabu uffachuu dhiisuu

10. Qabattoo laaffisuu dhiisuu

Gaaffii: Mee amala isa kam qabda?

Address


Bedele
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waan Ofii Health Tips posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share