29/08/2021
INFEEKSHIINI KALEE fi UJUMMOOLEE FINCAANII (UTI)
Akkuma beekkamu kaleen keenya dalagaawwan murteessoo ishiin gootu keessaa tokko dhiiga qaama keenya keessaa dhimbiibdee xuraawa dhimbiibbamee hafe immoo bifa fincaaniitiin gara ujummoolee fincaanii, kan akka ureter, afuuffee fincaanii fi urethra fa'atti dabarsiti, ujummooleen fincaanii kunis xuraawaa kana gara alaatti bifa fincaanitiin dhabamsiisa.
Egaa dhukkubni kun akkuma maqaan isaa ibsu gaafa kalee fi ujummooleen kunneen jarmoota akka baakteriyaatin faalaman dhukkuba dhufuudha.
WANTOOTA NAMA SAAXILAN
*Walqunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne gochuu
*Cirracha kalee fi cirracha ujummoo fincaanii qabaachuu
*Bishaan gahaa dhuguu dhiisuu
*Saalan shamara ta'u, kan jechuun dubartoonni dhiira caalaa saaxilamoodha
*Dhukkuboota biroo kan dandeetti dhibee dandamachuu (madiinummaa) huban kanneen akka dhukkuba sukkaaraa, HIV, kaanserii fi kkf qabaachuu
*Ujummoon/tubboon namtolchee yeroo dheeraaf nama keessa turu
*Uumaman rakkoo ujummoo fincaanii sirrii hin taane qabaachuu
*Umriin raaguu
*Yaala baqaqsanii yaaluu yeroo dhihootti naannoo qaama walhormaataaf godhame fi kkf
MALLATTOOLEE
Mallattooleen dhukkuba kanaa kan hubame kaleedha moo ujummoolee fincaaniiti kan jedhu irratti hundaa'ee walfakkeenyaa fi garaagarummaa qabaachuu danda'a. Mallattooleen yeroo lachuu jiraachuu danda'an :-
*Dhukkubbii garaa gara gadii
*Fincaan nama mudduu fi ariifachiisuu
*Yeroo fincaa'an miirri akka nama gubuu namatti dhagahamuu
*Ammaa amma nama fincoofsisuu
*Haaluun fincaanii bifa keelloo qabaachuu ykn malaa fakkaachuu, fi darbee darbee dhiigaa makachuu
Kaleen gaafa miidhamte immoo dabalataan mallattoolee akka :-
*Luqqeettun ykn cinaachi nama dhukkubu
*Dhukkubbii mataa
*Fedhii nyaataa dhabu
*Nama dadhabsiisuu
*Hoo'i qaamaa olka'u
*Olguuraa fi haqqee
*Miirri qorraa namatti dhagahamuu fi nama hoollachiisu fi kkf
ITTISA
*Walqunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne raawwachuu dhiisuu
*Walqunnamtii saalaa booda dafanii fincaa'uu, daqiiqaa 15 keessatti
*Bishaan gahaa dhuguu, kunis guyyaatti liitira 2 hanga 3 dhugu
*Teessuma qulqulleeffachuuf bishaan fayyadamuu, keessattu dubartoonni gaafa qulqulleeffatan sochiin harka isaanii fuulduraa gara duubatti ta'uu qaba.
*Qorichoota dhukkuboota biroo sirnaan fudhachuu
*Fincaan yoo nama qabe, akkuma nama qabeen dafanii fincaa'uu
*Sochii qaamaa gochuu
*Nyaata fuduraa fi muduraa qabu soorachuu
*Ujummoo namtolchee yeroo dheeraaf of keessa tursiisuu dhiisu
*Sigaaraa xuuxuu dhiisuu fi kkf
YAALA
*Bishaan gahaa dhuguun akka ittisaa fi yaalatti illee ni gargaara, kanaaf dhuguun ni gorfama, kanaan dabalata mallattooleen olitti eeraman yoo jiraatan osoo hin turin yeroodhaan mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa mariisisuun barbaachisaadha.
XAXAALEE
Dhukkubni kun yeroodhan hin yaalamne taananii fi gorsa ogeessaa fayyaa seeraan hojii irra hin oolchine taanaan xaxaalee armaan gadii kanneen fiduu danda'a; isaaniis :-
*Kaleen guutumaan guututtii akka dadhabdu ykn hojii akka dhaabdu gochuu danda'a
*Irra deddeebi'in jidduutti nama dhiisaa dhukkubsachuu(recurrent UTI)
*Ujummoo fincaanii gara gadii(urethra) jiru dhiphisuudhaan rakkoo fincaanuu dadhabuutiif nama saaxiluu
*Baakteeriyaan dhukkuba kana fide dhiiga keessa tatamsa'ee rakkoo hamaa ta'ee fi qaamota biroo irraan miidhaa geessisuun hanga lubbuu dabarsuutti gahuu
*Haadha ulfaa irratti :-
- Ciniinsuun osoo yeroon hin gahin dhufuu fi daa'imni yeroon osoo hin gahin dhalachuu
- Daa'ima ulfaatinni isaa baayyee xiqqoo ta'e dahuu fi kkf
Galatoomaa!!!
©Dr.Caalaa Didhaa