11/07/2026
Fedhii wal-qunnamtii saalaa dhabuu maaltu fidaa?
Gaaffii hordoooftonni baay’een karaa keessaa na gaafattaniif deebiin kunooti.
Fedhii wal-qunnamtii saalaa dhabuu jechuun namni tokko saala faallaa wajjin sal-qunnamtii gochuuf kaka’uumsa dhabuu jechuudha keesssattuu isa duraanii isarra hir’achuu jechuudha. Kunis dhiiraa akkasumas dubara 5 keessaa tokko irratti muldhachuu danda’a.
Mallattooleen isaa maali?
• Fedhii salqunnamtii rawwachuuf waban dhabuu
• Waa’ee saal-qunnamtii yaaduu dhiisuu
• Waa’ee fedhii dhabuuf yadda’uu yookin dhiphachuu fi kkf
Sababoota fedhii dhabuu sal-qunnamtii Fidan:
Rakkoowwaan fedhii dhabuu akkasii fidan rakkoowwan qaamaa , xin-sammuu , umurii olka’aa fi dhiphina garmalee faa ta’uu danda’u. Kunis;
• Rakkoo kalee
• Knsariiwwaan garaagaraa
• Dhukkuubbii qaaamaa yeroo dheeraa
• Dhukkuba sukkaaraa
• Dhukkuba Onnee
• Dhiibbaa dhiigaa olka’aa
• Rakkoowwan jeequmsa hormoonii akka taayiroyidii, pirolaktinii fi kkf
• Rakkoowwwan xiinsammuu akka dhiphina garmalee, mukaa’ummaa fi rakkoowwan hariiroo keessatti muudatan.
• Sochii qaamaa gochuu dhiisuu, araada garaagaraa akka tamboo aarsuu, alkoolii baay’isuu
• Qorichoota mana yaalaa kennaman tokko tokko fi kkf.
for more information follow our page Dr. Firomsa Jibril
Join our Facebook Group Dr. Firomsa Jibril Group
Firomsa Jibril
fans
Subscribe to our Telegram channel 👇 https://t.me/drfiroojibril666like11
Join our Telegram Group 👇
https://t.me/+GEolXhqeRlI5MmZk
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!!
Fayyaa ta'aa!!!