Eklas YKN

Eklas YKN Of ta'uun jireenya fakkeessuu irraa si baraara! Of ta'ii jiradhuu
Of taheen jiradha🙏

08/04/2026

Wantoota Dhibee Waa Irraanfachuutif Nama Saaxilan:
********************************************
1. Dhugaatii alkoolii, sijaaraa aarsuu.
2. Dhibee marsaa dhiigaa, kanneen akka olka'uu dhiibbaa dhiigaa.
3. Dhibee sukkaaraa qabaachuu.
4. Balaan mataa namaatirra gahuu.
5. Sochii qaamaa dhabuu.
6. Ulfaatina gar-malee.
7. Kophummaa yeroo dheeraa.
8. Of dhagahuu dhabuu/of too'achuu dhabuu.
9. Rakkoon xiinsammuu nama gahuu.
10. Hojii ulfaatafii nama hifachiisu/dabbaru yeroo dheeraf fedhii malee hojjachuu fa'a.
******************************************
Fayyaa sammuu malee fayyaan hin jiru!
Galatoomaa walif share godha.
Ulfaadhaa! ©️ Dr. Hamzaa Jamaal

08/04/2026

Hamtuu ofiraa kadhatan hundaa Rabbii isiniraa haa qabuu🤲

07/04/2026

Avokaadoon faayidaa fayyaa hedduu kan kennu yoo ta’u, isaanis:

1. **Soorataan kan badhaadhe**: Vitaamin C, E, K, fi B-6, akkasumas folate, magnesium, fi potassium baay'ee kan qabanidha.

2. **Fayyaa Onneef**: Coomni monounsaturated avokaadoo keessatti argamu sadarkaa kolestroolii badaa hir'isuu fi carraa dhukkuba onnee gadi buusuuf gargaara.
3. **Fayibarin kan Badhaadhe**: Fiber soorataa kan kennan yoo ta'u, kunis bullaa'insa nyaataaf kan gargaaru yoo ta'u, qufaa ittisuuf gargaaruu danda'a.

4. **Antioxidants**: Avokaadoon antioxidants kan akka lutein fi zeaxanthin kan of keessaa qabu yoo ta'u, fayyaa ijaaf faayidaa guddaa qaba.

5. **Farra Inflammatory**: Faayitookeemikaalonni fi karootinooyidoonni jiraachuun isaanii inflammation qaama keessatti hir'isuu danda'a.

6. **Gogaa fi Rifeensa**: Coomni fi vitaaminoonni fayya qabeessa ta'an fayyaa gogaa fi rifeensa gaarii akka qabaatan gumaacha.

7. **Ulfaatina qaamaa to'achuuf**: Fiiber fi coomni fayya qabeessa ta'e kun quufaaf gargaaruu danda'a, yeroo dheeraaf akka guutu sitti dhaga'amuu fi ulfaatina qaamaa to'achuuf gargaaruu danda'a.

8. **Fayyaa Lafeef**: Vitamin K avokaadoo keessa jiru fayyaa lafeef barbaachisaa dha.
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like

https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0

https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like

https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like

https://t.me/+4HEA09EobHBhOTg0

Galatoomaa!!!

Fayyaan faaya!!!

Fayyaa ta'aa!!!

07/04/2026

Bishaan yoom, akkamitti, kan akkamii dhuguu hin qabne?
******************************************
Bishaan fayyaa qaama keenyaaf baay'ee barbaachisaa akka ta'e beekkamaadha. Namni baay'een garuu bishaan hanga guyyaatti isa barbaachisu gadi dhuga. Bishaan gahaa dhuguun akkuma jirutti ta'ee wantoonni nuti gochuu hin qabnes jiru. Isaanis:-

1ffaa. Yeroo nyaata nyaannu bishaan dhuguu hin qabnu. Sababni isaas bishaan qabiyyee aciidii fi inzaayimoota bullaa'insaaf barbaachisan waan xiqqeessuf nyaanni seeraan akka hin daakkamne godha. Sirnaan daakkamuu baachuun nyaataa rakkoolee akka guba laphee nutti fida. Kanaafuu, daqiiqaa 30 dursinee ykn erga nyaata nyaanne sa'aatii tokkoo hanga tokkoofi walakkaa booda dhuguu qabna. Wantoota akka aannanii fi juusii fayyadamuun garuu rakkoo hin qabu. Darbee darbee, nyaanni nama fe'uu waan danda'uuf dhimma sanaaf of bira gochuun hin badu.

2ffaa. Yeroo tokkotti baa'isnee dhuguu hin qabnu. Suuta suuta dhuguu qabna malee yeroo tokkotti baay'ee yoo dhugne qabiyyee dhiiga keenyaa waan jeequuf, qaamni keenya seeraan akka hin hojjanne taasisa. Keessattuu, osoo hin dhoobatin altokkotti baay'ee dhuguun miidhaa fida.

3ffaa. Galgala rafuuf yeroo jirru baay'ee dhuguu hin qabnu. Kunis yeroo kaleen keenya bishaan qaamaaf hin barbaachisne bifa fincaaniin baasuuf hojjattu hirriba keessa waan taanuuf qulqullina hirriba keenyaa jeeqa. Akkasumatti qabanne buluun ammoo kaleen keenya akka miidhamtu godha.

4ffaa. Dhaabbanne dhuguu hin qabnu. Biishaan yeroo dhugnu teenyee, tasgabboofnee ta'uu qaba. Garaachi keenya bishaan itti fayyadamu hambifachuu barbaada. Kunis aciidii fi wantoota garagaraa ittiin qopheessuuf isa fayyada. Haa ta'u malee, dhaabbanne yeroo dhugnu bishaan dafee garaacha keessa darba waan ta'eef hanga barbaachisu qabachuu hin danda'u. Kun ammoo, sirna bullaa'insaa jeequu danda'a. Kana malees dhaabbatanii dhuguun rakkoolee biroo kan akka rakkoo buusaa/ mitikaa (arthritis) fidus danda'a

5ffaa. Bishaan baay'ee qorraa/dilallaa'aa dhuguu hin qabnu. Bishaan dhugnu garaacha keessaa gara mar'imaan qal'aa darbuuf teempireechara sirrii ta'e qabaachuu qaba. Kana ta'u baannaan, garaacha keessa turee hoo'uu qaba. Kana gochuuf ammoo, garaachi keenya 'energy' guddaa fayyadama. Kunis miidhaa fida.
©️ Dr. Hamzaa Jamaal

👖Vibe check:📷style inspiration:📑personal style tips:🏝layering techniques:
05/04/2026

👖Vibe check:
📷style inspiration:
📑personal style tips:
🏝layering techniques:

Address

Harerge

Telephone

+251949333432

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Eklas YKN posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Eklas YKN:

Share