Mame Oro man

Mame Oro man Fayyaa fi Nagaya hin dhabinaa!

07/04/2026

Faayidaalee Timaatimaa (Tomatoes)
*******************************************
Timaatimiin kuduraa fi muduraa ilma namaaf faayidaa hedduu kennan keessaa isa tokko. Timaatimnii bilchaataan ykn gorman yeroo baayyee kan ittin beekamu qabiyyee isaa fi haalluu diimaa akka qabaatu kan isa godhe 'Lycopene' kan jedhamuun beekkamuus,garuu Vaayitaminoota akka Vit. A, B6, B9, C, K akkasumas Albuudota akka Maaginiziiyeemii, Pootaasiyeemi, Copper, Phosphoru fi kan kana fakkaatan hedduu of keessaa qaba.

Timaatimiin faayidaa hedduu qabu keessaa muraasa isaanii haa ilaallu:-
1.Hirriba gaarii akka rafnuuf fi rakkoolee yeroo hirribaa muudachuu danda'an kan akka sagalee dhageessisuu (Kurruufuu) nurraa qolata.
2.Rakkoolee onnee fi sirna dhiigaa waliin walqabataan kanneen akka dhibee onnee, olka'uu dhiibbaa dhiigaa, hir'ina dhiigaa, dhiphachuu Ujummoo dhiigaa, sammuu keessatti dhiiguu ykn ujummoon sammuutti dhiiga gejjibuu rakkoo godhachuu (Stroke) fi kkf nurraa qolata.
3.Hamma Sukkaara dhiiga keenya keessaa too'achuuf, kana hoo jennu; warra dhibee kana hin qabneefis, qabanifiis hedduu gargaara
4.Fayyummaa ija/qaroo keenyaaf ni fayyada
5.Sirni bullaa'insaa nyaataa akka si'aa'uuf/ haalan akka daakamuuf hedduu gargaara
6.Fayyummaa gogaa keenyaaf, akkasumas madaan/Wound dafee akka fayyuu fi akka sirriitti nuu hin dhiigne,dafee dhiigni akka itituu gochuun hedduu gargaara
7.Fayyummaa lafee keenyaa ni eega.
8.Rifeensi mataa keenyaa akka hin bubbuqa'anne ni ittisa
9.Dhibee Kaanserii garaagaraaf fknf Kaanserii Sombaa, Garaachaa, Mar'immani nurraa qolata
10.Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta'e akka qabaannuu fi rakkoolee Ulfaatina garmalee (guddaa ykn xiqqaa) waliin walqabataanii dhufan hir'isuuf ni ta'a
11.Mallattoolee dhaabbachuu marsaa Laguu booda (Post menopause) dhufan nurraa ittisa.

Silaa Timaatimiin faayidaalee kana hundaa qabaa, faayidaalee kanneen kan argannu yoo bilcheessinnee nyaanne moo dheedhii isaa yoo nyaannedha?
*Qorannoon garaagaraa wan kana irratti godhaman akka ibsannitti yoo bilcheessinnee nyaanne(ittoo keessatti ykn akkanumatti duwwaa isaa) irra caalattii faayidaalee kanneen ni arganna jedha, kanaafuu bilcheessinnee yaa nyaannuun isiinin jedha.
: Healthline,medical news today, health magazine, Webmed.
Galatoomaa!!!
©Dr. Hamzaa Jamaal

 :  Chaayinaan xiyyaara waraanaa 26 fi doonii waraanaa 7 fayyadamuun Taayiwaan marsitee jirti.Gama biraatiin Iraan Daand...
16/03/2026

: Chaayinaan xiyyaara waraanaa 26 fi doonii waraanaa 7 fayyadamuun Taayiwaan marsitee jirti.
Gama biraatiin Iraan Daandii daldalaa Strait of Hormuz biyyoota birootiif malee Ameerikaa fi Israa’eliif kan hayyamne tahuu ibsite.

Alhamdulillah We are approached to aid al-fixri❤️ 🙏 🥰
16/03/2026

Alhamdulillah We are approached to aid al-fixri❤️ 🙏 🥰

Address

Haramaya University CHMS
Harar
1234

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mame Oro man posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share