04/08/2025
Ministeerri Dhimma Alaa lammiilee Itiyoophiyaa Yaman keessatti bidiruun dhidhimuun lubbuu isaanii dhabaniif gadda itti dhagahame ibseera.
'OBN Cyber Media' Adoolessa 28, 2017 Ministeerri Dhimma Alaa Yaman keessatti bidiruun dhidhimuun lubbuu lammiilee Itiyoophiyaa darbuun akka gadda guddaan itti dhaga’ame ibseera.
Ministeerichi ibsa baaseen, qaama dhimmi ilaallatu waliin taatee kana qorachaa akka jiru agarsiiseera.
Akkasumas maatii lammiilee Itoophiyaa bidiruun liqimfamuun lubbuu isaanii dhabaniif gadda itti dhagahame ibseera.
Mootummaan lammiileen biyyoota adda addaa keessatti seeraan akka hojjetan taasisuuf tattaaffii adda addaa gochaa jiraachuun lammiilee hedduu fayyadamoo taasisuu isaa hubatameera.
Akkasumas lammiileen carraa hojii biyya alaa qofaan seeraan fayyadamoo akka ta’anii fi daldaltoota namaa irraa of eeguu akka qabanis ministeerichi dhaameera.