23/03/2026
IFA ADUU FAYYAA KEENYAAF
✓ Vaayitaamin D oomishuuf:- Ifti aduu qaamni keenya oomisha vaayitaamin D dabaluuf gargaara. Vaayitaamin D n ammoo guddinaafi jabina lafeef gargaara.
✓ Miira gammachuuf: Oomisha Serotonin qaamaa dabaluun mukuu (depression) ittisa.
✓ Hirriba gaariif:- Sirna hirribaa sirreessa. Guyyaa dammaqiinaan akka oollufi, galgala hirriba gaarii akka argannu gargaara.
✓ Fayyaa onneef: Dhiibbaa dhiigaa hir’isee fayyaa onnee eeguuf nu gargaara.
✓ Fayyaa sammuuf:- Xiyyeeffannoofi dammaqiinsa dabaluun fayyaa Sammuu eeguuf gargaara.
✓ Sirna ittisa dhukkubaa (Madinummaa) qaamaa cimsa.
Hub: Guyyaatti daqiiqaa 15-30 Caama ganamaa fayyadamuun faayidaa asii olii kana argamsiisa. Akkasumas Aduun guyyaa bahu Gogaa keenya waan miidhuf Aduu ganamaa fayyadamuun gaaridha. Keessumaayyuu daa'immaniif!
Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa