25/02/2026
🩺 Barnoota Fayyaa: 11ffaa
=================//=====
Ulfaatina Qaamaa garmalee (Obesity):
============//=========
Ulfaatinni qaamaa yeroo coomni qaamaa (fat) garmalee kuufamu dha. Kunis yeroo dheeraaf yoo turu, dhukkuboota garaa garaa fiduu danda’a.
Akkamiin Madaalama? (BMI – Body Mass Index)
================///==================
♡ Sirrii (Normal): 18.5 – 24.9
♡ Ulfaatina dabalaa (Overweight): 25 – 29.9
♡ Ulfaatina qaamaa garmalee (Obesity): ≥30
(BMI = ulfaatina kg / dheerina m²)
Mallattoolee
====≈//=====
Baay’inaan mallattoo addaa hin qabu.
Garuu yeroo tokko tokko:
☆ Dadhabbii saffisaa
☆ Hafuura gabaabsuu/kutuu
☆ Dhukkubbii jilbaa fi dugdaa
☆ Hirriba keessatti hafuura kutuu/ukkamsuu(sleep apnea)
🎯 Sababoota Ijoo
==========///=========
☆ Soorata kaaloorii hedduu qabu (nyaata sukkaaraa fi coomaa baay’ee)
☆ Sochii qaamaa xiqqaa
☆ Yeroo dheeraa taa’uun hojii hojjechuu
☆ Seenaa maatii
☆ Rakkoo hormoonii tokko tokko
☆ Qoricha muraasa fayyadamuu
● Rakkoowwan Itti Aanan (Complication)
============////////==================
☆ Dhiibbaa dhiigaa olka’aa
☆ Dhibee sukkaaraa (Diabetes type 2)
☆ Dhibee onnee fi istirookii
☆ Rakkoo kalee
☆ Rakkoo lafee fi jilbaa
☆ Rakkoo hormoonii fi hanqina ulfaa’uu
🛡️ Ittisa fi To’annoo
1️⃣ Jijjiirama Jireenyaa
☆ Soorata madaalawaa (muduraa, kuduraa, midhaan guutuu)
☆ Nyaata coomaa fi sukkaaraa xiqqeessuu
☆ Soogidda daangessuu
☆ Sochii qaamaa torbanitti yoo xiqqaate daqiiqaa 150
☆ Yeroo dheeraa taa’uu hir’isu
☆ Hirriba gahaa argachuu
2️⃣ Gorsa Ogeessa Fayyaa
☆ BMI fi ulfaatina yeroo yerootti madaaluu
☆ Yoo barbaachise gorsa nyaataa (diet plan) fudhachuu
☆ Yeroo tokko tokko qoricha yookaan yaalii dabalataa barbaachisuu danda’a
📌 Ergaa Ijoo
========////=====
Ulfaatinni qaamaa dhukkuba ofii isaa qofa miti; dhukkuboota hedduu fida.
Kanaaf:
☆ Soorata kee sirreessi
☆ Sochii qaamaa guyyaa guyyaan dabali
☆ Ulfaatina kee hordofi
============///////====================
Fayyaan kee murteessaadha – har’a irraa eegali.
======≈==============================
KILINIKA BOKKUU
TEESSOON: NAQAMTEE, GANDA 04, BATASKAANA MARIYAMII FULDURA, HOTEELA ARGENTINA DURANII.