14/08/2026
Fayyadamummaa Dubartootaa Mirkaneessuun Badhaadhina Hawaasaa Mirkaneessuudha!
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hirmaannaa fayyadamummaa dubartootaa gama hundaan mirkaneessuufi akkasumas nageenya daa'immaniifi dubartootaa mirkaneessuuf hojii hojjechaa jiruun jijjiiramoonni bu'a qabeessi argamaa jiru.
Haaluma kanaan guyyaa har'aa Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa'imman Oromiyaa leenjii hubannoo cimsuu 'Imaammata Dubartoota Dinagdeen Gahomsuufi walqixxumma Sirna Korniyaa Biyyaalessaa' irratti caasaalee isaa sadarkaan jiraniif magaalaa Adaamaatti kennaa jira.
Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'imman Oromiyaa Aadde Maabraat Baacaa saganticha irratti haasaa taasisaniin mootummaan fayyadamummaa dubartootaafi daa'immanii milkeessuuf imaammattootaafi tarsiimolee garagaraa hojiirra oolchaa jiruun hojiile bu'a qabeessi hojjetamaa jiraachuu himanii, keessumaa waggoottan 20'n darban bara hundeeffama Biirichaa keessatti hojii milkaa'an hojjetamuu kaasaniiru.
Bu'uuruma kanaan Biirichi hojii kenna tajaajila lammummaatiin hojii bu'a qabeessa waggoottan darban keessatti hojjechaa turuu kaasanii, kanaanis hanga ammaatti mana harka qalleeyyii Kuma 156 ijaaruudhaan rakkoo hawaasa keenyaa kan fure bu'aa olaanaadha jedhan.
Gama birootiin dinagdee dubartootaa bu'uura irraa furuuf hojii bal'aan hojjetamaa turuu kaasanii, kunis dubartoonni dinagdeen of danda'anii miidhaa dubartoota irra gahu xiqqeessuuf gumaacha olaanaa akka qabu himaniiru.
Dabalataanis hojii ijaarsa dubartoota cimsuu irratti hojii hojjetameen dubartoota mil. 11. 2 ijaaruudhaan hojii bu'a qabeessi hojjetamaa jiraachuu dubbatanii, humna kanattis fayyadamuun jijjiirama biyyaa itti fufsiisuun akka danda'amu kaasaniiru.
Gama birootiin fayyadamummaafi nageenya daa'immanii mirkaneessuuf hojii bal'aan gama Paarlaamaa Daa'immanii hundeessuufi akkasumas iddoo tursiisa daa'immanii 1,980 hundeessuudhaan hojii bu'a qabeessi hojjetamuu dubbataniiru.
Leenjiin guyyaa har'aa kennamu kunis jijjiiramaafi milkaa'ina hanga ammaatti argame kana gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf caalmaatti immoo dubartoonni akka dinagdeen ciman gochuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.
Dabalataanis imaamatichi hirmaannaafi geggeessummaa murti kennuu dubartootaa guddisuu, miidhaa korniyaa bu'uureffate ittisuufi sirna itti gaafatamummaa cimsuu keessatti qooda olaanaa akka qabu kaasaniiru.