Miiltoo Fayyaa

Miiltoo Fayyaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Miiltoo Fayyaa, Addis Ababa.

19/03/2026

Eid Mubarek

17/01/2026

MODY diabetes is also called type 3A diabetes.often misdiagnosed as type 1 or type 2.

It is a single gene disorder resulting in impaired b cell function.it is an autosomal dominant condition.so strong family is the rule for diagnosis.

It accounts for 2-5% of diabetic diagnosis.

Criteria

▶️ Young diabetes often less 30 years, non obese individuals

▶️ Strong family history classically 3 generation family history of diabetes in the young.

▶️ Negative antibodies and positive c peptide.

▶️ Confirmation with genetic testing of HNF1@, Glucokinase gene mutation, or HNF 4@

Responds to sulfonylurea like MODY3 AND Lifestyle modification.

Some may require insulin

Family screening may be required.

Klinika Giddugaleessa WaadaaKlinikni G/G waadaa erga hundeeffame waggaa tokko ol Kan hin lakkoofsisne ta'us tajaajila qu...
30/01/2025

Klinika Giddugaleessa Waadaa

Klinikni G/G waadaa erga hundeeffame waggaa tokko ol Kan hin lakkoofsisne ta'us tajaajila qulqullina qabu keennaa jiruun beekamtii Kan horatee fi fuulduree yaalaa biyya keenya akka ta'e abdatamaadha.Kanaafuu ummanni Adama fi Naannawa isheetti argamtan itti fayyadamaa tahaa!

Tajaajilonni keennaman guutumatti speeshaalistootan Kan kennamuudha.
Tajaajiloota kanneen akka yaala

➡️ Yaala Narvii : Haakima speshaalsitii Narviitin

➡️ Yaala Dhibee Keessoo: Speeshaalistoota Dhibee keessotin

➡️ Yaala Daa'immanii : speshaalistii Daa'immanitin

➡️ Yaala Ulfaa fi gadameessa: speshaalisti Ulfaa fi gadameessatin

➡️ Tajaajila Radiology: speeshalistii Raadiyoologitin

➡️ Yaala kaansarii : speeshalistii kaansariitin

Meshaalee ammaayyawa kanneen akk

➡️ CBC, CHEMISTRY, QORANNOOWWAN HORMONII, MICRSOSCOPY

➡️ 3D color doppler Ultrasound

➡️ EEG FI nerve conduction study f

➡️Qorannoo pathology Core needle biopsy dabalatee Haakimootaa fi technology ammayyawan Kan deegarame Klinikni keenya yaala qulqullina qabuu keennuf qophiidha jedha.

Teesson : magaalaa Adaamaa Ganda 11 Gamoo Ittisa Busaa biraan Meetra 100 seene argama.

Lakk bilb: +251914439363/2519278384

XANNACHA TAAYROYIDII     ✔ Fuuldura mormaa keessatti gara lafee qomaa gad siqee argama.✔Hormoonii Taayroxin jedhamu madd...
18/10/2024

XANNACHA TAAYROYIDII

✔ Fuuldura mormaa keessatti gara lafee qomaa gad siqee argama.
✔Hormoonii Taayroxin jedhamu maddisiisa.Hormoonin kunis itti fayyadama anniisaa qaamni keenya soorata irraa argatu Kan too'atuudha.
✔Hormoonii jechuun cheemikaalota xannachoota gara gara irra maddanii ergama isaanii seelota gara garaa irratti raawwataniidha.
✔Hormonin Taayroyidii faaydaale kannen akka
❶Hargasuu fi dhahannaa onneetif barbaachisaa dha.

❷Guddina sammuu kessattuu daa'immanii fi guddina sirna narvii yeroo ulfaa.
❸ulfaatina qaama keenya fi marsaa laguu too'achuu
❹Ho'a qaama keenyaa fi hamma Kolesterooli too'achuu fi gahewwan biroos qaba.

✔Xannachi Taayroyidi Ayoodinii soorata keenyarra argannu fayyadamuun Hormoni T3 fi T4 kan jedhaman maddisiisa.
✔Hormononni sammuu keenya pituitary keessa maddan (TSH) madaala hormonii Taayrodii eegu.
✔Hormoonin kun sababa garagaraati qaama keenya keessatti gab bu'uu(xiqqaach)ykn ol ka'uu danda'a.

OL Ka'uu hormoni taayroyidii fi mallattoole isaa (Hyperthroidism)
➤ Dhiphachuu
➤ Dafqisiisuu
➤ Ijji fuuletti bahee muldhachuu
➤ Qilleensa Ho'aa dadhabuu
➤ Dhahannaan Onnee dabaluu
➤Fedhiin Nyaata Dabaluu fi Huqqina qaama fi mallattole biroos agarsiisu danda'a.

Gad bu'uu Hormoni Taayroyidii(HYPOTHYROIDISM)
➤Sagaleen nama humna dhabuu
➤Dadhabbii qaamaa
➤Xiyyeeffannoo dhabuufi Mukaa'uu humnaa
➤Gogiinsa gogaa fi Rifeensi haphachuu
➤marsaan laguu baayyachuu
➤Ulfaatinni qaamaa dabaluu
➤Gogiinsa mar'imaani,Rakkoo Onnee fi maashaalee fiduu danda'a. Hawaasa keenya keessatti Dhibeewwan Xannacha kana wajjin wal qabatan Bal'inan mul'atu.
Rakkoon biraa xannacha kana irra ka'u kaansarii dha.

Keessattu namoonni lafa ol ka'aa( highland) irra jiraatan hanqina ayoodiniitif saaxilooma.kanaaafuu Ashaboo ayoodized ta'e fayyadamuun murteessaa dha.

Rakkolee ibsaman yaalan guutumatti Kan furmaata argataniidha.

Kabajamtoota hordoftoota fuula fb Miiltoo Fayyaa akkam jirtan? Har'as challenge tokko qabannee isiniif dhihaannera.chall...
18/10/2024

Kabajamtoota hordoftoota fuula fb Miiltoo Fayyaa akkam jirtan? Har'as challenge tokko qabannee isiniif dhihaannera.challengin Kunis namoota lama Dursanii deebii sirrii deebisaniif badhaasa qabna. yaalaa!

1.Xannachi fayyummaa qaama keenyatif murteessa ta'e fuulduree mormaa irratti argamu kun maal jedhama?

2.Rakkoolee fayyaa ijoo xannacha kanaan wal qabatanii uumamu danda'an 3 tarreessaa.

Carraa gaarii

Namni dhibee sukkaara qabu tokko Insulin ykn gosa qorichoota sukkaara Kanneen  akka  glibenclamide,gliclazide and glimep...
11/10/2024

Namni dhibee sukkaara qabu tokko Insulin ykn gosa qorichoota sukkaara Kanneen akka glibenclamide,gliclazide and glimepiride Kan fudhatu tahee dafqiisiisuu,beelessu,dafqiisisu,uf wallaalchosuu fi akka gaggabdoo Kan qabu yoo ta'e...

qorichoonni kuni sukkaara qaama keenya hanga barbaadamu ol hir'suudhan rakkoo kanaaf nama saaxilu.rakkoon Kunis hypoglycemia jedhama.kanaaf rakkoo kana akkamitti hir'isuu dandeenya?

Qorichoota kana erga fudhatamee booda nyaata nyaachuu gonkumaa irranfachuu hin qaban.

Rakkoon armaan olii yoo namatti uumame dafanii mi'aawaa kanneen akka sukkaara, dhugaatii lallaafaa, karameella fi kkf fayyadamu. Namni sun Kan of wallaalaa deemu yoo ta'e dafanii mana yaalaa geessun glucose Hidda dhiigaatin kennuun salphatti yaalun ni danda'ama.

Walumaagalatti ogeessa fayyaa gahumsa qabu biratti hordoffii gahaa gochuun rakkoole hamaa akkanaa ittisuun ni dandayama.

Share godhaa

SOCHII QAAMAA Sochiin qaama fayyaadhaaf bayye barbaachisaa dha. ➡️Sochiin qaamaa onneen,hidden dhiigaa, sombii fi irreen...
29/08/2024

SOCHII QAAMAA

Sochiin qaama fayyaadhaaf bayye barbaachisaa dha.

➡️Sochiin qaamaa onneen,hidden dhiigaa, sombii fi irreen haala gaarii irra akka jiraatan ilni godha.

➡️ Akkasumas, cooma hafaa qaama keessa hir'isuudhaan dhukkuba hidda dhiigaatii fi dhukkuba onnee ni ittisa.

➡️ Furdina,dhiibbaa dhiigaatiifi ol guddatiinsa kolestiroolis ni ittisa.

➡️ Dhibee sukkaaraas ittisuu ni danda'a

➡️ Irreewwan qaama keenyaa keenya jabeessudhaan dhukkubni dugdaa ykn dhukkubni muldhii akka hin dhufne ni godha.

➡️ Hirriba fooyya'aa akka qabaataniifis ni qarqaara.

➡️ Ga'umsa saal-qunnamtii dabaluudhan ,saal -qunnamtii foyya'aa ta'eefis gumaacha ni godha.

➡️ Dhiphinaa fi mukuu cimaa hir'isuudhaan fayyummaa sammuutifis ni gargaara.

➡️ Boca qaamaa keenyaa eeguudhan ofitti amanamummaas ni guddisa.

Mallattoolee dadhabbii KaleeKaleen xuraawaa qaama keenya keessaa basuun dabalatatti hojiilee baayye qabdi.maxxansa kanaa...
22/08/2024

Mallattoolee dadhabbii Kalee

Kaleen xuraawaa qaama keenya keessaa basuun dabalatatti hojiilee baayye qabdi.maxxansa kanaan duraa irratti ibsuun keenya ni yaadatama.kanaaf mallatoole armaan gadii of irratti yoo arginu qorannoo kalee godhuun barbaachisaadha.

1⃣ Dhiibbaan dhiigaa humnaa ol dabaluu.

2⃣ Hafuura kutuu

3⃣ Naannawa ijaa iita'uu keessattuu ganama ganama irratti, akkasumas milli lameenis iita'uu danda'a.

4⃣ Miira dadhabbii humnaa olii fi mukaa'uu ka'umsi isaa hin beekamne

5⃣ Lollooccii fi haqqisiisuu yeroo dheeraa Navarra turu

6⃣ Rakkoo hir'ina dhiigaa sababa miidhamuu kaleetin dhufuu danda'a

7⃣ Akksumas qorannoo irratti hir'ina kaalshiyemi fi vitamin D akkasumas potashiyeemin dhiiga keessatti ol ka'uu danda'a.

Mallattoleen Arman olitti eeraman kunniin sababa dhibeelee biraatin muldhachuu danda'u.Haa ta'u malee mallattolee kanniin of irratti yoo argan sakkatta'iinsa hojii kalee qorannoon adda baafachuun barbaachisaa dha.qorannoole kanneen akka Yuriyaa, kiri'aatiniin ,GFR FI ultrasound laallamuun barbaachisaa dha.

Dhugaatii Alkooliidhugaatiin Alkoolii dhalli namaa waggoota kumaatamaaf ka dhimma itti bahaa ture akka ta'e seenaan ni a...
05/05/2024

Dhugaatii Alkoolii

dhugaatiin Alkoolii dhalli namaa waggoota kumaatamaaf ka dhimma itti bahaa ture akka ta'e seenaan ni addeessa.haa ta'u malee dhugaatin alkoolii rakkoolee fayyaa,hawaasummaa fi yakkaatif nama saaxila.kanaafuu rakkoole kana hubachuun baayyee barbaachisaadha.alkoolii namoota tokko tokko irratti salphatti araadaaf saaxiluu danda'a.alkoolin haphachuu sammuu fiduu danda'a(brain damage).
Yeroo hunda alkoolii dhuguu fi addaan kutuu dadhabuun rakkoo fayyaati.dhugaatii alkoolii hammi alkoolii isaa garaa garaadha.kanaaf isa hamma alkoolii guddaa qabu xiqqoollen miidhaa guddaaf nama saaxilu danda'a.

Miidhaalen Alkoolii maal fa'i?

➡️Araadaaf nama saaxila

➡️Sammuu haphisuu fi keessattu gola sammuu Cerebellum jedhamu kan madaala qaamaa keenya eegu miidhuu

➡️Rakkoolee hanqina protina and Vitaminaa akkasuma xuuxaminsa nyaata irrattis miidhaa geessa.

➡️Dhibee tiruu coomayuu irraa hanga tiruun hojiin ala ta'uutti nama geessuu danda'a.

➡️Rajiijii(pancreas) miidhuu

➡️Sirna dhukkuba ittisuu qaama keenya dadhabsiisun Dhukkuboota daddarboo garagaraatif nama saaxila.

➡️Dubartiin yeroo ulfaa ka dhuugdu yoo tahe miidha daa'imarran gahuu danda'a

➡️Rakkoo alkooliin summaa'uu

➡️konkolaachisaan Alkoolii dhugee kan oofu yoo tahe balaa tiraafikaa fi lubbuu namaa miidhuu danda'a.

➡️Rakkoolee hawaasumaa kanneen akka Diigamuu maatii(Divorce),itti gaafatamummaa maatii bahachuu dadhabuu fi

➡️Rakkole xiinsammuu, jijjiiramuu namummaatif saaxilu danda'a.

Kanaaf miidhaale kana hubachuun of eegganno gochuun dhaamsa keenya.

GUDDINA DAA'IMMANII(kutaa 2ffaa)➡️Sochii qaamaa gayaa gochuu    fedhii  fi dandeetti isaani irratti hundaaye kubbaa taph...
29/04/2024

GUDDINA DAA'IMMANII(kutaa 2ffaa)

➡️Sochii qaamaa gayaa gochuu

fedhii fi dandeetti isaani irratti hundaaye kubbaa taphachuu ta'uu danda'a sochii qaamaa irratti jajjabeessun murteessadha.

➡️Fayyummaa eeguu.

Talaallii guutumatti akka argatan gochuu.wantoota daa'imman miidhaf saaxilan kanneen akka qorichaa,wantoota qara qaban,ibidda,bishaan danfaa fi kanneen biroo daa'imman irra fageessuu fi of eeggannoo gochuu.

➡️Fayyaa Xiinsammuu eeguu

Daa'imman kunuunsa, tapha, hammachuu, jaalala kennuufi barbaadu.daa'mni yeroo haasayu dhageeffachuu haasawa isaanii addaan kutuu dhiisuu, gaafii gaafatu deebisuufi, miira isaa kabajuu, itti qoosuu dhiisuu, yeroo gammadu waliin gammaduu, amaloota gaggaarii fuuldura isaati agarsiisuu fi walumaa galatti daa'ima keetif fakkeenya gaarii ta'uufin guddina milkaayaa daa'immaniif barbaadhisaadha.

©Miiltoo Fayyaa

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Miiltoo Fayyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share