23/04/2025
Dubbisi Dammi Daamuu Mi'ooftuudhaa‼️
➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖
♣️ Waadaan liqii baay’ee ulfaataadha! (Ummata Oromoo)
♣️ Dhugaan lubbuu magarsiti; sobni garuu ni tortorsiti.
(ummata Oromoo)
♣️ Akka ganamaa seetee, galgalas narra dhabbadhukaa jette kosorruun. (Ummata Oromoo)
♣️Yaanni bilchaataan balbala cufamaa ni saaqa!
(Africaanota)
♣️ Saroonni lama; lafee tokko irratti, waliif galanii hinbeekani! (Faraansayota)
♣️ Harka hatuu bare, dooluutu hoollata. Oromoota!
♣️ Namni kamuu, dhimma ofiiisaatti cimaadha (leenca).
(Faraansayota)
♣️ Farda lagaan ga’uu ni dandeessa; garuu obaasuu hin dandeeessu.(Ingilizoota)
♣️ Kan arrabni yaabee dhalchu, kormi yaabee hin dhalchu!
(Oromoota)
♣️ Miilli sochoonaan afaan agabuu hin bulu! (Afrikaanota)
♣️ Bareedinni fuudhaa fi heerumaaf wabii hin ta’u!
(Ariyaanota)
♣️ Iddoo yeroo dulloomtu teessu, iddoo yeroo dargaggummaa kee turte agarsiisa!(Gaa’elikaanota)
♣️ Osuma barnoonni galaana ta’uuyyuu, harroonni garuu daakuu hin danda’an! (Gaa’elikaanota)
♣️ Eenyummaa akaakayyuu kootii hin beeku; ilma ilmasaa garuu maal ta’uuf akka jiru beekuuf nan dhama’a.
(Abraham Linkon)
♣️ Kan abbaan of hin gargaarre carraan isa hin gargaaru.
♣️ Kan dhaggeeffatu hubachuuf, jechoota muraasatu isa ga’a.(Afrikaa kibbaa)
♣️ Kan hiriyaa isaarra harka kaa’atee deemu fageenyi karaa itti hin beekamu.(Nayijeeriyaanota)
♣️ Qalqalloon duwwaa jirtu dhaabbachuu hin dandeessu!
(Taanzaniyaa)
♣️ Bareeda kan jennuun bareedinaan osoo hin taane, kan nu gammachiisaniini.(Xaaliyaanota)
♣️ Kan carraa qabu galaanatti osoo darbattanillee qurxummiitu afaanitti qabatee baha! (Araboota)
♣️ Karaa si baasu osoo hin beekiin, deemsa hin eegalin.
(Ingilizoota)
♣️ Kan fedhu, kan raawwatu nama cimaadha; kan hawwu kan argachuu danda’u immoo, nama abshaala! (Ayerlaandota)
♣️Sodaataan namaa bishaan keessatti dafqa.(Germanoota)
Bulaa Horaa💯‼️
Itti Fufa...
👇👇👇👇
https://t.me/naf37fspainbv
https://t.me/naf37fspainbv