Oromia Health Professionals Association

Oromia Health Professionals Association OHPA is a non-profit association legally established with visions to see delivery of quality health care in the region via skill transfer, trainings, resea

Vacancy announcement
06/04/2026

Vacancy announcement

30/01/2026

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa dhimma 'duty' ykn kaffaltii hojii sa'aatii idileen alaan wal qabatee ogeeyyiin fayyaa naannoo keenyaa bakka adda addaatii kaasaa jiru ilaalchisee dhimmicha duruma irraa eegalee akka addaatti qabachuun hordofaa kan jiruu fi qaamolee dhimmi ilaallatu wajjiniin mari'achaa fi dhiibbaa gochaa kan jiru ta'uunsaa ni beekama.

Kanumaan wal qabatee bakka bu'oota (Focal Person) waldichaa kanneen hospitaalotaa, godinootaa fi magaalootaa Oromiyaa hunda wajjin Magaalaa Adaamaatti marii gaafa guyyaa 10/04/2018 taasisee tureera. Marii kana irrattis qaamoleen barbaachisoo ta'anii fi qooda fudhattootni akka hirmaatan goonee kallattii furmaanni itti argamuu danda'u irratti mari'annee kan turre yoo ta'u. Ammas mootummaan dhimma duty kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun akkaataa dambii fi qajeelfamni mootummaa naannichaa jedhuun kaffaltii kana akka kaffaluuf dhiibbaa gochaa osoo jirruu hospitaalonni tokko tokko adeemsa bu'uura seeraa hin eegganneen ogeeyyii keenya sodaachisaa kan jiran ta'uusaa odeeffannoo arganneen irra geenyee jirra. Gochoota akkasii kanammoo waldaan keenya akka waldaa mirgaa fi dirqama ogeessaa/hojjetaa seektara fayyaa kabachiisuuf hojjetu tokkootti gochoota akka kanaa kana guutumaan guutuutti kan morminu ta'a. Dabalataan ogeeyyiin keenya dirqama mallatteessuu qabu yoo ta'e "kaffaltiin duty miindaa moofaadhaan nuuf hin kaffalamiin" kan jedhuun akka mallatteessan dhaamuu barbaanna.

Dhumarratti qaamni dhimmi kun isa ilaallatu hundi dhimma kana akka ijootti qabatee furmaata waaraa fi atattamaa akka itti kennu Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa yaamicha isaa taasisuu barbaada.

URGENT HEALTH ALERT: Marburg Virus Confirmed in Ethiopia Officials from Ethiopia's Ministry of Health have announced the...
14/11/2025

URGENT HEALTH ALERT:
Marburg Virus Confirmed in Ethiopia

Officials from Ethiopia's Ministry of Health have announced the diagnosis of a case of Marburg virus disease (MVD) at Jinka Hospital in Ethiopia. Marburg is a severe viral hemorrhagic fever that can very often result in death.

What do you need to know:

Direct contact with the infected person's blood, secretions, or bodily fluids is the only way of transmission.
Symptoms are: Sudden high fever, severe headache, muscle pain, vomiting, diarrhea, and bleeding.

This is a very grave situation, but no good will come from panicking. Take note of these situations to keep safe:

1. Observing very good hygiene:
Washing the hands often with soap and water is recommended.
2. Contact with blood or body fluids of sick people should not take place.
3. Handling or consuming bushmeat is to be avoided.
4. In case you or someone else develops sudden fever along with other symptoms, you are to SEEK MEDICAL CARE IMMEDIATELY. Do not treat yourself.

The public health authorities are already in action. Continue to get the news through the official channels such as the Ethiopian Ministry of Health and our page.

Oduu OF-EEGGANNOO!Ibsa galgala kana baaseen Ministerri Fayyaa dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda hinbaane Na...
12/11/2025

Oduu OF-EEGGANNOO!
Ibsa galgala kana baaseen Ministerri Fayyaa dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda hinbaane Naannoo Kibbaa, Magaalaa Jinkaa keessatti mudatuu ibsee jira

Dhukkubichis mallattoolee akka hoo’a qamaa, qola ijaa diimessuu, baasaa dhiiga makate, dhiigni irga, afaan, funyaanii fi qaama biraatti dhangala’uu fa’a qaba.

Dhukkubichi amaala nama irraa namatti daddarbaa ta’uu fi kan yeroo gabaabaa keessatti lubbuu galaafatu ta’uu agarsistuun jira.

Statement of condolences On behalf of the Oromia Health Professional Association, we express our deepest condolences on ...
08/11/2025

Statement of condolences

On behalf of the Oromia Health Professional Association, we express our deepest condolences on the tragic loss of Mr. Gemada Lami, a young and talented pharmacist. His passing is a great loss not only to his family and friends but also to the health community as a whole. Mr. Gemada Lami's dedication to his profession and commitment to providing high-quality care to his patients will always be remembered.

During this difficult time, we extend our thoughts and prayers to all those who were touched by Mr. Gemada Lami's kindness and expertise.

Please know that the members of the Oromia Health Professional Association are here to offer support and assistance in any way possible. Our hearts go out to you as you navigate through this period of mourning and remembrance.

Pictures:Social Media

16/09/2025
Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa uummata Oromoo hundaaf kabajni ayyaana Irreechaa bara kanaa kun kabaja gammachuu guddaa...
04/10/2024

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa uummata Oromoo hundaaf kabajni ayyaana Irreechaa bara kanaa kun kabaja gammachuu guddaa qabu akka tahuuf hawwii isaa guddaa ibsata.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana galatoo uummanni keenya dukkana gannaa keessaa booqaa birraatti ba'uuf uumaa isaatiif galata galchuun waloodhaan kabajatudha. Akkasumas ayyaana waloomaa, araaraa fi jaalalaati.

Kabajni aadaa fi duudhaa keenyaa kun aadaa murteessaa hawaasa keenya kabaja olaanaa fi hariiroo gaariidhaan walitti hidhudha.

Irra deebiin guyyichi guyyaa eebba, tokkummaa fi gammachuudhaan guutame hunda keessaniif haa ta'u jenna.

Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa
Onkoloolessa 4, 2024
Finfinnee, Oromiyaa

Statement of condolences On behalf of the Oromia Health Professional Association, we express our deepest condolences on ...
03/08/2024

Statement of condolences

On behalf of the Oromia Health Professional Association, we express our deepest condolences on the tragic loss of Dr. Wayuma, a young and talented surgeon. His passing is a great loss not only to his family and friends but also to the medical community as a whole. Dr. Wayuma Biru's dedication to his profession and commitment to providing high-quality care to his patients will always be remembered.

During this difficult time, we extend our thoughts and prayers to all those who were touched by Dr. Wayuma Biru's kindness and expertise. May his legacy continue to inspire us all to strive for excellence in the medical field.

Please know that the members of the Oromia Health Professional Association are here to offer support and assistance in any way possible. Our hearts go out to you as you navigate through this period of mourning and remembrance.

Pictures:Social Media

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa injiffannoo Biiroon Fayyaa Oromiyaa raawwii hojii bara 2016 seektaroota akka naannoo Or...
27/07/2024

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa injiffannoo Biiroon Fayyaa Oromiyaa raawwii hojii bara 2016 seektaroota akka naannoo Oromiyaatti jiran hunda keessa 1ffaa ba'uun badhaafamuu isaatiin gammachuu guddaa itti dhaga'ame maqaa hojjettoota seektarichaa maraan ibsuu barbaada.
Ammas irra deebiin baga gammaddan baga gammanne jenna!

Injifannoo fi milkaa'inni eegalame kun jabaatee akka itti fufu abdiin keenya guddaadha!

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa waldaa waan dubbatee fi waan waadaa gale hojiidhaan agarsiisudha!_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-...
19/06/2024

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa waldaa waan dubbatee fi waan waadaa gale hojiidhaan agarsiisudha!
_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_---
Akkuma kanaan dura isin beeksisnee turre sochii waggoota dheeraa Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa (WOFOn) taasisaa turee fi tumsa qaamolee dhimmichi ilaaluun godhameen lafti mana jireenyaa hojjettoota seektara fayyaa naannoo keenyaatiif Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin eeyyamamuu isaa isin beeksisnee turre.

Yeroo ammaa kanatti immoo Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa irraa godinaalee fi magaalota Oromiyaa hundaaf xalayaan "hojjeettotni/ogeeyyiin seektara fayyaa gurmaa'anii iddoo hojjechaa jiranitti akka lafa mana jireenyaa argataniif akka keessummeessitan" jechuun barreeffamee kan jiru ta'uusaa yeroo isin beeksisnu gammachuu guddaadhaani.

Bu'uuruma kanaan hojjettootni/ogeeyyiin seektara fayyaa naannoo keenya keessa jirta bakka hojjettanitti ijaaramtanii hiree amna dheeraa deemuudhaan argame kanatti akka fayyaddamtan isin beeksisna. Haalotni humna ogeeyyii/hojjettoota fayyaatti ulfaachuu danda'an kan jiran ta'uusaa akka waldaatti kan hubannu waan taheef adeemsa keessa irratti hojjechaa fi sirreessaa kan deemnu ta'a.

Gamanumaan kan isin beeksisuu barbaannu:
1. Hojjettootni/ogeeyyiin seektara fayyaa miseensa Waldaa osoo hin ta'iin jirtan atattamaan akka taatan.
2. Bakka bu'oonni waldichaa godinaalee fi magaalota Oromiyaa hunda keessa jirtan immoo xalayaa Biiroo Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa irraa barreeffame kun aanaalee hunda akka ga'uuf akka irratti hojjettan isin yaadachiisna.

Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa
Sirna fayyaa fooyya'e uumuuf kan onnate!
Waxabajjii 19, 2024
Finfinnee, Oromiyaa

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa (WOFOn) hordoftoota amantaa Musliimaa maraan baga ayyaana Eid-Al-Adha Arafaa nagaadhaan...
15/06/2024

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa (WOFOn) hordoftoota amantaa Musliimaa maraan baga ayyaana Eid-Al-Adha Arafaa nagaadhaan geessan jedha.

Ayyaanni Arafaa kun ayyaana gammachuu, jaalalaa, milkii fi fayyaa guutuu itti argattan isiniif haa tahu!

Irra deebiin baga geessan!
Ayyaana nagaa!

Address

Sarbet (Calcalii)
Addis Ababa
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Health Professionals Association posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromia Health Professionals Association:

Share