Ramadan Yasin

Directions Contact the business

Ramadan Yasin ⎯follow my page⎯⃝🤍 ❣∙──༅༎Pediatrician༎༅──∙❣

Fake it until you Make it 🤣🤣🤣😅😁
17/09/2026

Fake it until you Make it 🤣🤣🤣😅😁

🚨 DAA’IMNI KEE YOO MALLATTOO KANA QABAATE, HIN TURSIISIN! 👶🏽🏥Daa’imni yeroo dhukkubsatu, mallattoolee balaa agarsiisan b...
15/09/2026

🚨 DAA’IMNI KEE YOO MALLATTOO KANA QABAATE, HIN TURSIISIN! 👶🏽🏥

Daa’imni yeroo dhukkubsatu, mallattoolee balaa agarsiisan beekuun baay’ee barbaachisaa dha.

🔴 Mallattoolee xiyyeeffannoo addaa barbaadan:

1️⃣ Hafuura baafachuu irratti rakkoo cimaa qabaachuu.

2️⃣ Harma xuuxuu ykn nyaataa fi dhugaatii fudhachuu dadhabuu.

3️⃣ Baay’ee laafuu ykn dammaquu dadhabuu.

4️⃣ Nyaataa ykn dhugaatii fudhate hunda ol deebisuu itti fufuu.

5️⃣ Gaggabuu ykn sammuu isaa keessatti jijjiiramni mul’achuu.

6️⃣ Afaan ykn fuulli isaa gara cuquliisaatti jijjiiramuu.

⚠️ Mallattoolee akkanaa keessaa tokko yoo mul’ate, yaala hatattamaa barbaadi. Daa’ima gara mana yaalaa geessuun murteessaa dha.

❤️ Daa’ima kee sirriitti eegi. Odeeffannoo kana maatii fi hiriyoota kee waliin qoodi.

🩺 Ramadan Yasin | Odeeffannoo Fayyaa Afaan
Oromoo















08/09/2026

🥺💔 Hawwii Ilfinash Qannoo 😭🕊️🤲💔🥀

🔥 DOGOGGOROOTA GARA KUFAATIITTI NU GEESSISAN 10N — NI BEEKTA? 🤔Yeroo baay’ee kufaatin guyyaa tokko keessatti hin uumamu....
01/09/2026

🔥 DOGOGGOROOTA GARA KUFAATIITTI NU GEESSISAN 10N — NI BEEKTA? 🤔

Yeroo baay’ee kufaatin guyyaa tokko keessatti hin uumamu.
Dogoggora xixiqqoo irra deddeebiin raawwachuutu, suuta suutaan, gara kufaatiitti nu geessa. 👇

1️⃣ Saffisaan abdii kutuu
Rakkoon yeroo dhufu battalum abdii kutuu.

2️⃣ Milkaa’ina saffisaan eeguu
Waan yeroo barbaaduuf yeroo fi obsaa kennuu dhiisuu.

3️⃣ Dogoggora irraa barachuu dhiisuu
Balleessaa wal fakkaataa irra deddeebiin hojjechuu.

4️⃣ Yeroo “sirrii” eegaa tarkaanfii fudhachuu dhiisuu
“Yeroon sirrii yeroo dhufu nan jalqaba” jechuun turuu.

5️⃣ Yaada namootaa sodaachuu
Namoonni maal jedhu? jechuun ofii kee shakkuu fi burjaaja’uu.

6️⃣ Naamusa dhabuu
Kaayyoo qabaachuun qofti gahaa miti; itti fufiinsaa fi naamusni barbaachisa.

7️⃣ Jireenya kee namoota biroo waliin madaaluu
Daandii kee dagattee, milkaa’ina nama biraa ilaaluun ofitti gaddachuu.

8️⃣ Sababa hunda nama biraa irratti kennuu
Rakkoo kee hunda nama ykn haala biraa irratti komachuu.

9️⃣ Deebi’anii yaaluu dhiisuu
Kufnaan “xumurame” jechuu; irra deebi’anii ka’uu dhiisuu.

🔟 Waa xiinxaluu dadhabuu
“Maaliif kufe?” qofa osoo hin taane, “Maal irraa barachuu qaba?” jechuu dadhabuu.

💡 YAADADHU!

Tarii ati dadhabaa waan taateef hin kufne.

Tarii kufaatiin kee kan dhufe: 👉 saffisaan waan dhaabatteef,
👉 sirriitti waan hin qophoofneef,
👉 tarsiimoo dogoggoraa waan fayyadamteef,
👉 ykn kufaatii kee irraa waan hin baranneef ta’uu danda’a.

❌ “MAALIIFAN KUFE?” QOFA HIN JEDHIN.

✅ Kana gaafadhu:

“DEEBI’EE MILKAA’UUF MAAL JIJJIIRUU QABA?” 💭

🌱 Kufaatin dhuma kee miti.
Yoo irraa baratte, kufaatin kee gara milkaa’inaatti si geessuu danda’a.

🔥 KUFUU DANDEESSA, GARUU LAFA ITTI KUFTE TURUUN FILANNOO KEETI!

💬 Ati yaada keetiin, dogoggorri guddaan namoota gara kufaatiitti geessu isa kami?

👇 COMMENT KEESSATTI BARREESSI!

’ina

SEENAA AJAA'IBAA FI GARAA NAMA NYAATU 🥲✔️Gaaftokko ganamaa namicha Dr. tokkoof hospitalaa bilbilii bilbilameefii daddafi...
30/08/2026

SEENAA AJAA'IBAA FI GARAA NAMA NYAATU 🥲

✔️Gaaftokko ganamaa namicha Dr. tokkoof hospitalaa bilbilii bilbilameefii daddafii koottu nama baay'ee dhukkubsatee jirutu ta'ee si eegaa jiraa jedhanin itti himan.

✔️ Achumaan Dr yerodhuma sana arittidhaan gara hospitalaa deemee yeroo achii gahuu namicha mucaan Isaa Jalaa dhukkubsatee jiru argee maal taatan abbaa? Maal isin gargaruu ? jedheeni gafaatee.
Achumaan namichis ariidhan guutamee maaliif daftee dhufu didee utuu mucaa kee ta'e iddoo biraa deemtee bashannantaa jedheenii Dr dheekkame.

✔️ Achumaan Dr tasgabiidhaan dhiifama father bashannanaa deemee mitii natii hin dheekkamina mucaa keessaan waaqaa wajjin isinif yaalaa ni fayyaa hin yaada'ina jedheeni gorse.

✔️Achumaan daqiqaa muraasa booddee yaalii baqaqsani yaaluu taasisee yeroodhuma sana doctoroota biratti kennee figichaan gara mana isaattii deebi'e.

✔️ Achumaan namichi abbaan mucaa dhukkubsattu Dr tokko ofiiti wamee Dr amma maliif akkas arifatee deemee jedheni gafate.

✔️ Achumaan kaleessa mucaan isaanii balaa konkolaatan jalaa 'ee ture. Kanaf nuti immoo mucaa Kee yaaluuf amma Isaa dandeetii waan hin qabnef bilbillee Isaa isinif wamne. Innis mucaa Isaa du'ee manatti dhiisee mucaan keessaan du'a olchuu dhufe jedhanii itti himaan.

✔️ Namichis jechaa jalqabaa Dr jedhe sana yaadee baay'ee gaddee boo'e jedhama.

✔️Maal jechuun barbaade ✍️

✍️Arifaattee haala namni tokko keessaa jiru osoo sirritii adda hin baafatin maaliif kana naaf gochuu dide ykn na gargaaruu dide jettee nama hin komatin🙅

✍️Sababnii isaa immoo tarii ati hin beektu yoo ta'eeyyuu namnii sun rakkina kee kan caalu keessaa jiraachuu danda'aa waan ta'eef 🥲

✔️Waan dubbiftaniif ulfaadhaa jechaa yoo isinitti tolemmoo hiriyoota keessaanif gochuu hin dagaatiin irraa baratamaa🙏

TAAYIFOOYIDII FI TAAYIFASII.....👉Lamaan isaanii dhukkuba adda addaati,kan tokko irraa tokkotti ce'us miti!👉Taayifooyidii...
30/08/2026

TAAYIFOOYIDII FI TAAYIFASII.....
👉Lamaan isaanii dhukkuba adda addaati,kan tokko irraa tokkotti ce'us miti!
👉Taayifooyidiin dhukkuba baakteriyaa salmoonellaa taayifee jedhamuun dhufu yoo ta'u,taayifasiin immoo orgaaniziimii rickettsia jedhamuuni
👉Taayifooyidiin bishaan fi nyaata qulqullina hin qabneen yoo dhufu, Taayifasiin yeroo baayyee injiraan irraa nama qaba
👉Mallattoon lamaan isaanii baay'inaan wal fakkaatadha....

📌Hoo'ina qaamaa(gubaatii) baayye olka'aa
📌Garaa dhukkubbii/ciniinnaa
📌Garaa kaasaa
📌Hooqqisisuu
📌Fedhii nyaataa dhabuu
📌Dhukkubbi mataa
📌Nama qorrisiisuu
📌Dhukkubbii qaama guutuu.......

💊Dhukkubni kun qoricha farra baakteriyaa adda addaa ogeessan ajajame fudhachuun guututti ni fayyama
💊yoo dhukkubichi baayyee hammaataa ta'e mana yaalaa ciisuun qoricha hidda dhiigaan kennamu fudhachuun barbaachisaadha
💊Yerootti yaala hin argatu taanan rakkoo hammaataa amma lubbuu dabarsuutti geessisu fiduu danda'a

-ittisaa
1.Talaallii fudhachuu
2.Namni dhukkubsatu nyaata akka hin qopheessine gochuu
3.Nyaata duraa fi booda harka saamunaan dhiqachuu
4.Mana fincaanii erga deemanii booda harka saamunaan dhiqachuu
5.Nyaata sirriitti bilcheessanii nyaachuu
6.Bishaan qulqullina hin qabne dhuguu dhiisuu
7.kuduraa dheedhii hin bilchaatin nyaachun dura sirriitti dhiquudha.
Fayyaan faaya.

🩺 Yoo Fayyaa Qaama Kee Dhugumaan Yaaddu Ta'e, Gorsa Fayyaa Kana Hordofi1️⃣ 🫁 Yoo kan somba keetif yaaddu ta'e- Tamboo aa...
30/08/2026

🩺 Yoo Fayyaa Qaama Kee Dhugumaan Yaaddu Ta'e, Gorsa Fayyaa Kana Hordofi

1️⃣ 🫁 Yoo kan somba keetif yaaddu ta'e

- Tamboo aarsuu guutumaan guutuutti dhiisi.
- Aara tamboo fi qilleensa xuraa'aa irraa fagaadhu.

2️⃣ ❤️ Yoo kan onnee keetif yaaddu ta'e

- Ashaboo (soogidda) nyaata keessatti xiqqeessi.
- Nyaata coomaan baay'ate fi dhugaatii sukkaraan guutame irraa of eegi.
- Sochii qaamaa yeroo hunda godhi.

3️⃣ 🩸 Yoo kan tiruu (dhiigaa) keetif yaaddu ta'e

- Cooma nyaachuu xiqqeessi.
- Kuduraa, muduraa fi nyaata fayya qabeessa baay'isi.

4️⃣ 🍽️ Yoo kan garaacha keetif yaaddu ta'e

- Nyaata baay'ee qabbanaa'aa yookaan baay'ee hoo'aa nyaachuu xiqqeessi.
- Nyaata qulqulluu fi yeroo sirrii irratti nyaadhu.

5️⃣ 🦠 Yoo kan mar'imaan keetif yaaddu ta'e

- Kuduraa fi muduraa baay'inaan nyaadhu.
- Nyaata fiber qabu fi bishaan gahaa fayyadami.

6️⃣ 🫘 Yoo kan kalee keetif yaaddu ta'e

- Guyyaa guyyaan bishaan gahaa dhugi.
- Halkan rafuu dura fincaan ofirraa baasii rafi.
- Qoricha ofumaan hin fudhatin.

7️⃣ 🧠 Yoo kan sammuu keetif yaaddu ta'e

- Guyyaatti sa'aatii 7–9 hirriba gahaa rafi.
- Dhiphina hir'isi; boqonnaa fi bashannanaaf yeroo kenni.

8️⃣ 🦴 Yoo kan lafee fi maashaalee keetif yaaddu ta'e

- Kaalsiyeemii fi Viitamiin D gahaa argadhu.
- Sochii qaamaa fi shaakala yeroo hunda godhi.

9️⃣ 🩺 Yoo kan sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa ittisuuf yaaddu ta'e

- Sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa kee yeroo yerootti madaalchiifadhu.
- Qoricha ogeessi siif ajaje sirnaan fudhadhu.

🔟 🌿 Yoo kan fayyaa guutuu keetiif yaaddu ta'e

- Guyyaatti yoo xiqqaate daqiiqaa 30 sochii qaamaa godhi.
- Ulfaatina qaamaa sirrii eegi.
- Alkoolii fi tamboo irraa fagaadhu.
- Yeroo yerootti qorannoo fayyaa godhadhu.

🙏 Galatoomaa!
💚 Fayyaaf nagaa hin dhabinaa!
🌟 Of eeggachuun fayyaa eeguu dha.

Ajandaa.....Saido’n Dubbii: 3 hours Fight: 3 minutes Battery: 0% 🤣🔋
28/08/2026

Ajandaa.....
Saido’n Dubbii: 3 hours Fight: 3 minutes Battery: 0% 🤣🔋

20/08/2026
🏆😂 Yeroon waancaan Premier League 🔥🏆bara kana Arsenal’f🔴⚪️ osoo kennamee…⚽️ Cluboonni hundi 🏃‍♂️💨“Jarsummaan osso fixann...
16/08/2026

🏆😂 Yeroon waancaan Premier League 🔥🏆bara kana Arsenal’f🔴⚪️ osoo kennamee…
⚽️ Cluboonni hundi 🏃‍♂️💨
“Jarsummaan osso fixannii ofumaaf ja'aani!” 😂😂

Address

Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ramadan Yasin posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ramadan Yasin:

Shortcuts

Share