Ahmed Imam Health Center

Ahmed Imam Health Center We share health tips and websites, posts and information o human health etc. I share other Info's too

Namoota dhihoo tana maallaqa isaanii kan hin tahin seeraan ala baafatan ykn account gara Account daddabarfatanii jiru je...
27/03/2024

Namoota dhihoo tana maallaqa isaanii kan hin tahin seeraan ala baafatan ykn account gara Account daddabarfatanii jiru jedhee Baankiin Daldala Itiyoophiyaa maqaa isaaanii baase. Nammootni #565'n kun warreen maallaqa seeraan ala baasii godhan deebisuu waan didaniif seeraaf dhihaatanii gaafatamuu qaban jedhee Baankichi Baaseedha.

Abbaan manaa Gartuun dhiigaa isaa RH +ve ta'ee fi Haati manaa RH -ve taate yoo walfuudhan, Ulfa irratti miidhaalee akkam...
27/03/2024

Abbaan manaa Gartuun dhiigaa isaa RH +ve ta'ee fi Haati manaa RH -ve taate yoo walfuudhan, Ulfa irratti miidhaalee akkamii geessisaa?

Gartuu dhiigaa nagativaa jechuun seeliin dhiigaa diimaa (Red Blood Cells) ummamaan yoo qaama isa irraa pirootinii Rh jedhamuu hin qabu ta’e dha (Gartuu dhiigaa A-, B-, AB- fi O-). Kan RH poozatii jennu ammoo faallaa isaati (Gartuu dhiigaa A+, B+, AB+ fi O+).

ULFA IRRATTI AKKAMIIN DHIIBBAA GEESSISAA?
Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa pozativaa (Rh +ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhattee ulfooftu, gartuun dhiigaa kan miciree/mucaa isaanii carraa Rh poozatiivii ta’uu ol'aanaa qaba.
Yoo dhiigni mucaa gadameessa keessa jiruu kun Rh+ ta'e, sirni madiinummaa haadhaa (maternal immune system) seelii dhiigaa diimaa kan miciree gadameessa keessaa kana akka aalagatti illaaluudhaan loluu ykn miidhuu eegala. Wanti kunis miciree gadameessa keessa jiru fi ulfa itti aanee dhufu irattis rakkoo armaan gadii fiduu danda,a
-Ulfi irraa ba'uu (abortion)
-Hir’ina dhiigaa mucaa irratti (fetal anemia)
-Du’aatii mucaa gadameessa keessatti (stillbirth)
-Qaama mucaa keessatti bishaan kufamuu (fetal ascites)

RAKKOO KANA AKKAMIIN ITTISUU DANDEENYAA?
-Yeroo ulfaa qoricha immunooglobuuliin (anti-D ) jedhamu, kan haadhaaf kennamuu fi dhukkuba kana hambisuuf oolu fudhachuu dha. Iminooglobuuliin (anti-D ) kunis yeroo lama kennama.
1. Yoo ulfi ji’a 7 ykn torbee 28 irra ga'u.
2. Erga deessee booda (yoo gartuun dhiigaa mucaa ilaalamee RH +ve ta'e), haati deesse sa’aa 72 keessatti haadhaf kenama.

Hubachiisa:
-Dubartiin gartuu dhiigaa RH nagatiivaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa nagativaa (Rh -ve) qabu waliin ga’eela yoo godhatee mucaan isaanis gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) waan qabatuuf rakkoon umamuu hin jiru. Kanaaf haadhaf yeroo ulfaa iminooglobuuliin (anti-D ) hin barbaachisuu.

Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii Dhibee Keessoo)
Fayyaan Faaya!

26/03/2024

Umrii malee mala'uu wantoonnii umrii malee mola'uuf nama saxilaan keessa.

1. Sooraata porotina fi cooma of keessaa qabaan humnaa ol sooraachuu.
2. Alkoolii bayyinaan dhuguu
3. Hirrina dhiigaa kan daddebi'uu.
4 marata fi waantoota mataattii yeroo maraa uffaatamuu kan ijaarsa gara garaa ..
5. Furdina garmaleeyii. fi dibata yeroon hin eggaanne kan gara garaa kan ho'a hammaata qabaan..
6. Namoota uumamaan yaada humnaa olii qaban.
7.Hirriiba gaha rafuu dhabuu,,
8. Caree nyaachu dhabuu fi k*k fakataan fa'ii.

Maal ha goonure?
A).Sooraata cooma fi porotina gaha of kessaa qabaan torbettii al-lamaa ol hin sooraatinaa.
B).Alkoolii fi furdina humna olii irraa of-ittisuu.
C).Xiinsammuu fi aarii humnaa olii irraa fagaachuu.
D).Soochii qaama tasiisaa.

Furmaatni ittiin yaalu dandeenyu.
mana keenyaatti bifa off eeggannoo qabuun dhadha /zeeytii qobboo fi killee lukkuu qophefadhaa.

Akkataan itti jalqabnu kan armaan gaditii:
Qajeelcha/instruction 1
1,Harka kee sirritti dhiqadhu
2, meeshaa qulqulluu/ fkn: mankaaf saanii qulqulluu qopheeffadhu.

Qajeelchaa /instruction 2ffa
🔸️Hanqaaquu/buphaa 1
🔸️Dhadhaa qobboo/zeeyiti qobboo/golo zeyit manka2

Meeshaa qulqulluu qopheeffatte keessatti sirritti wolitti maki
Erga sirritti wolitti makteen boodaa rifeensa keetiif iddoo rifeensii irra dhumaa jiru irratti sirritti wol geessi dibadhu.Erga dibateen booda rifeensa kee waan qulqulluu itti mari/ hidhadhu/cover it.Yoo xiqqate sa'aati lamaaf/2 akkasumati turi.Sa'aa 2 booda rifeensa kee akkuma yeroo kaanitti dhiqadhu.Yoo xiqqate torbaanitti si'a 4 dibadhu.Bu'aa isaa sirritti arguuf hanga ji'a/baatii tokko eegi.

Qajeelcha /instruction
1. Hanqaaqu /puphaa/1
2. Zeeytii qobboo fallaana 2
3. Dhadhaa fallaana 3

Waliitti makuun yoo xinnaate turbaniitti guyyoota 2,3, iddoo moluun itti isiin qabeetti(mataa kessaan) sirriitti shanpoon dhiquu ergaas mataa kessaan dawa sanaan cupuun wal-gessiisuun haanga sa"aati 2 ol tursiisaa ergaas shanpoon dhiqaa.
For more Bblehc

Hubachiisa
Diba

03/06/2023

FAAYIDAA LOWZII YKN OCHOLOONII
************************************
➸ Walqunnamtii saalaa keessatti sanyiin kormaa ykn miiyoon akka baayyatuuf ni fayyada.
➸ Dubartiidhaaf aannaan harmaa akka baayyinaan ba'u taasisa.
➸ Raammoo garaa ni dhabamsiisa.
➸ Dhukkuba kaanserii fi golfaa nama irraa ittisa.
➸ Dawaa dhukkuba kaleeti. Keessattuu, nama kaleen isaa xiqqaate ykn suntuuref faayidaa guddaa qaba.
➸ Qaama namaaf dhiiga bareedaa ykn qulqulluu maddisiisa. Akkasumas furdina qaamaaf ni fayyada
➸ Gubaa fincaanii ni qabbaneessa.
➸ Nama tiruu dhukkubsatuuf ni fayyada.
➸ Namni sodaatu akka hin sodaanneef ni gargaara ykn ni onnachiisa.
➸ Mataa dhukkubii nutti wayyeessa
➸ Dhukkuba utaalloo nurraa balleessuuf ni fayyada
➸ Agartuu fi qaroo ija keenyaaf ni fayyada.
➸ Sammuu namaa jabeessuuf ni fayyada.
➸ Dhukkuba qorraa nurraa ittisa.
➸ Fayyuummaa Gadaamessaaf ni fayyada.
➸ Dhiigni qaama keessaa bifa gaariin akka dalaguuf ni gargaara.
➸ Dhukkuba dugdaaf dawaadha.
➸ Dhukkuba sukkaaraaf dawaadha.
➸ Dhukkuba adda, addaa gogaa keenya irratti ba'aniif dawaadha.
➸ Madaa'uu kalee fi dhibee kaakkeef dawaadha.
➸ Bareedinna gogaaf ni fayyada.
➸ Madda anniisati.
➸ Dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa.
➸ Rakkina dhala godhachuu dadhabuu ni hir'isa.

Waaniin gaafatameef, Irraa deebiin kan maxxanfameedha.]
- waliif godhuu hin dagatinaa.
○●

GALATOOMAA.
Fayyaa arkadhaa !!
Waliif qoodaa..

https://t.me/DrAbdulfetah29
Dr. Rajab Shek Abdulkarim Baallaa

Join for more Health Tips!!
13/10/2022

Join for more Health Tips!!

!
Namoonni lama ollaa walii jiraatu ture. Ollummaa kanaanis yeroo dheeraa turaniiru. Kanaafuu baha walii, gala walii, oolmaa walii gaarii godhanii beeku. Inni tokko baay’ee fira baay’isa, manni isaa yeroo hundumaa cidha, namoota wajjin nyaachuu, namoota wajjin dhuguu, namoota wajjin wal keessa jiraachuutu itti tola. Inni biraan ammoo faallaa isaa ti. Wanti “girrigirrii” kun badaa eenyummaa isaa wajjin kan deemu miti. Kanaafuu yeroo baay’ee qofaa baha, qofaa gala. Garuu yeroo baay’ee kan itti dabarsu bosona mana isaa gajjaallaan jiru tokko keessa dha. Dhiitu bariitu achuma fiiga. Yeroo bahu qottoo salgii isaa gubbaa tti baatee waan adeemuuf ollaan isaa sun “yeroo cufa qottoo baattee bosona lixxa, garuu muka murtee hin dhuftu, waas ijaaraa hin jirtu maali wanti kun?” Jedhee gaafate. Innis deebisee akkas jedheen “Of ijaaraan jira, harka qullaas deebi’ee hin beeku”. Namntichoo bitaa itti galee guyyaa tokko hordofee isa ilaaluuf deeme. Gaafa dhaqu namtichi bosona walakkaatti mana isportii qixeeffatee achitti sochii qaama ijaaru hojjetaa oola. Sanumaan gidduutti ol jedhee isa ilaalee “Baga gara mooraa of ijaaruu tti nagaan dhufte” Jedheen. Achumaan itti dabalee akkas ittiin jedhe “argitee?, Jireenya kana keessatti guyyaan ati ofiif barbaachiftu, guyyaan ati qofti furmaata rakkoo kee itti taatu, guyyaa namoonni ati ofitti naanneesitee wajjin gammaddu kun hundi akka duumessaa si biraa bittinnaa’aan, guyyaa ati fi rakkoon ykn wal’aansoon fuulaaf fuulatti walitti baatan tokko si mudata. Guyyaa sana ooluuf namoota ijaarrachuu utuu hin taane of ijaaruu tu si baasa”. Namtichaaf homtuu hin galleef achumatti isa dhiisee namoota mandaraa wajjin cooka isaa itti fufe. Kanumaan utuu jiranii guyyaa tokko namtichi abbaan firaa ka’ee namoota isaa kana wajjin gabaa deeme. Manadara isaanii irraa haga magaalaa gabaa sanatti konkolaataa uummataatiin deemanii Hundumtuu al tokko iddoo tokkotti irraa harca’anii nyaataa dhugaa, taphataa, waas bitataa oolanii gara galgalaa ammas konkolaataa uummataa sanaan gara Qe’eetti imala eegalan. Amma Hundumtuu lafa mana mana isaatti dhiyootti waan bu’uuf, Hundumtuu konkolaataa irraa bu’ee inni qofaa hafa, manni isaa xiqqo achi hiixuu waan tureef. “Anumatu hafe kaa” jedhee konkolaachisaa sana gaafate. Jennaan eeyyee amma suma qofatu hafe jedheen. Sanumaan innis bu’ee gara manatti utuu adeemuu kashlabboonni nama reebanii nama saamaan itti dhufan. Kakkabaluutti ka’an, sardan…innis “na hin beektanii? Ana abaluu dha, abaluufaa hin beektanii michoota kooti isaan…..” jedhee iyye. Isaanis “namtichoo amma wanti nuyi beeknu isa nu fuldura jiru kana” jedhanii waan inni qabu cufa harkaa fudhatanii du’a fi jireenya gidduutti dhiisanii sokkan. Utuma akka bofaatti garaan foqoquu lafa barii balbala mana isaatii yeroo ga’u ollaan isaa sun isa argee “Eessa bultee dhuftaa? Maaltu kana sigodhee?” Jedheen. Namtichis kofla arii of keessaa qabuuf boo’ichaan wal makeen “Diigamaa” buleen dhufa jedhee deebiseef.
Hub. Nama hamma feete qabaadhu guyyaa ati fi ati qofti dirree wal’aansoo jireenyaa keessatti of argitu guyyaan tokko jira. Kanaafuu:
- [ ] Of ijaari
- [ ] Of qopheessi
- [ ] Ofiif eeggannaa godhi
- [ ] Namoonni akka si hin cabsineef Sammuu keef, qaama keef kunuunsa godhi
- [ ] Namoota irra ija kee hin kaa’atiin, Hundumtuu lafa itti sibiraa bu’u qaba
- [ ] Yaadadhu: garaa haadhakee keessaa qofaa baate, garaa lafaattis qofaa deebita
- [ ] Namoota wajjin akka jiraattuuf malee namoota irra akka jiraattuuf hin uumamne, kanaafuu hirkattummaa har’a of irraa cabsi.

'aadha!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
Ahmed Imam Health Center
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
t.me/AIPHCU
▬▬▬▬▬▬▬▬▬

 !Namoonni lama ollaa walii jiraatu ture. Ollummaa kanaanis yeroo dheeraa turaniiru. Kanaafuu baha walii, gala walii, oo...
29/09/2022

Address

Ulanula
Amen

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ahmed Imam Health Center posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ahmed Imam Health Center:

Share