Asella Town Administrative Health office

Call Directions

Asella Town Administrative Health office Governmental organization

Guyyaa har'aa (26/1/2019).Simannaan hojjatoota Fayyaa Buufata fayyaa Goondee fi Extenshinii fayyaa gandoota magaalaa kee...
06/10/2026

Guyyaa har'aa (26/1/2019).

Simannaan hojjatoota Fayyaa Buufata fayyaa Goondee fi Extenshinii fayyaa gandoota magaalaa keenyaatti makamanii lakkoofsaan 62 ta'aniif taasifameera. simannaa kana irratti kan argaman Hogganaa waajjira fayyaa Obbo Gosaa Amaan ,kaayyoo gandoota ollaa magaalaatti makuu maal akka tahe ibsuun baga nagaan nutti makamtan jedhaniiru haaluma kanaan baadiyaa magaaloomsuun tarsimoo waan tahee fi kaayyoo guddaan gandoota ollaa magaalaatti makuu ykn magaalota babal'isuu fi walitti makuu (urban consolidation/incorporation), adeemsa misoomaa fi bulchiinsaa saffisiisuun jireenya hawaasaa fooyyessuudha.Misooma Ariifachiisaa fi Itti-fufiinsa Qabu Galmeessisuu: Gandoota walitti makuun humna dinagdee fi misooma magaalichaa guddisuu. Tajaajila Bu'uuraa Wal-qixxeessuu: Hawaasni gandoota baadiyaa ykn ollaa turan akka tajaajiloota bu'uuraa kanneen akka bishaanii, ibsaa, daandii, mana yaalaa fi barnootaa sadarkaa magaalaatti argatan gochuu.Hojii Bulchiinsaa Saffisiisuu fi Baasii Hir'isuu:Fayyadama Lafaa fi Kaadastara Ammayyeessuu: Lafa qisaasama malee karooran itti fayyadamuu, galmeessa lafaa ammayyaa (cadastre) diriirsuu fi waldhabdee daangaa hir'isuu. Hawaasa naannichaa gara hojiiwwan indaastiriitti, daldalaa fi tajaajila adda addaatti makuun jireenya isaanii fooyyessuu jechuudhaan karoora gara fuulduraa irratti xiyyeeffannee dhimmoota tajaajila Fayyaa bu'uuraa ummataa hojiin eegalame xiyyeeffannaa ol-aanaan buufata fayyaa hanga gandaatti kennamu akka itti fufu dhaamanii,dhimmoonni hojii bulchiinsaa fi teeknikaa hordoffiif deeggarsa sadarkaa sadarkaan jiru haala caaseffama seektara fayyaa magaalaatiin kan gaggeeffamu taha jedhan,bara hojii gaarii akka tahu hawwuun, simannaa taasufame miira gammaachuu hojjatoota gandoota ollaa fi buufata fayyaa Goondeetti miira gammachuu agarsiisuun goolabaniiru.

16/09/2026

Sirna badhaasaa fi beekkamtii Waajjiraa Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa !

Sirna badhaasaa fi beekamtii kennuun milkaa'ina caalmaa fi miira dorgoomii uuma.Hagayya 30,2018-  Waajjirri Fayyaa Bulch...
05/09/2026

Sirna badhaasaa fi beekamtii kennuun milkaa'ina caalmaa fi miira dorgoomii uuma.

Hagayya 30,2018- Waajjirri Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Saganta Badhaasaa fi beekkamtii galateeffannaa milkaa'ina hojii fayyaa akka waajjira fayyaatti argameef hojjattoota waajjira fayyaa, seektaroota Mootummaa , bakka bu'oota hawaasaa fi dhimmantootaaf taasiseera .

Galma badhaadhinaa fi guddina waliigalaa milkeessuuf fayyaan galtee murteessaa ta’uu ibsame jira .

Sirna beekkamtii fi badhaasaa waajjira fayyaa kanarratti Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsaggaayee , Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii badhaadhaa damee Magaalaa Asallaa Obbo Muhammad Huseen , Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr.Bokonaa Gutaa ,Koree Qindeessitu Magaalaa Asallaa, Hoggana Waajjira Fayyaa Magaalaa Asallaa Obbo Gosaa Amaan, Itti Gaafatamtoonni Seektaroota Bulchiinsa Magaalaa Asallaa, Ganda , bakka bu'ootni hawaasaa fi dhimmamtoonni argamanii jiru.

06/08/2026

Buufannii fayyaa Assallaa jaarraa walakkaa oliif Tajaajila fayyaa kennaa turee gara Hospitaala jalqabaattii jijjiirame jira@

Guyyaa 27/11/20218Simannaan Gootaa taasifame!Obbo Gosaa Amaaniitiif (Hoggannaa waajjira fayyaa)tiif bakka kabajamoo Kant...
04/08/2026

Guyyaa 27/11/20218
Simannaan Gootaa taasifame!
Obbo Gosaa Amaaniitiif (Hoggannaa waajjira fayyaa)tiif bakka kabajamoo Kantiibaa Magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsagayyee fi hojjatootni waajjira fayyaa jiranitti , simannan gootaa taasifame.Waajjirri fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa raawwii hojii fayyaa waliigalaatiin raawwii olaanaa galmeeessuun sadarkaa 2ffaa ta'uun Biiroo Fayyaa Oromiyaa irraa badhaasa qarshii miliyoona afurii fi kuma dhibba shan (4,500,000.00) kan badhaafame yoo ta'u,raawwii hojii fayyaa maatii (hojii sadarkaa gandaatiin) sadarkaa 1ffaa bahuun badhaasa moobayilii taableetii argachuudhaan bara 2018 bara milkaa'inas,kan fayyadamummaa ummataa itti mirkanneessee fi karoora of danda'uu 2019tii galtee fi hamilee guddaa kan taheedha.kana keessatti Biiroo Fayyaa Oromiyaa deeggarsa dhiyyeessi garagaraa fi sirna dandeettii ogummaa cimsuu keessatti hojii hojjatama tureef,Waajjirri bulchiinsa magaalaa Asallaa bu'uuraalee misoomaa buufataalee keenyaa keessatti hojjachuu fi deeggarsaa taasisaa turtaniif,Hojjatootni seektara keenya sadarkaa sadarkaan jiran hojii hawaasaa ogummaa fi akkaatuma dhimmi isin ilaaluun waan isin irraa eeggamu maraa wal hubannaan,garalaanaafii fi ciminnaan hojjataa turtan hundaaf galatni keessan hawaasa fayyadamuuf haa tahu jechaa,imala jelqabne kan itti fufnu taha.

31/07/2026
31/07/2026

Congratulations!! Congratulations!! Congratulations!!
Madaallii hojii Waliigalaa bara 2018 Biiroon Fayyaa Oromiyaa madaaleen Waajjirri Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa 2ffaa bahee jira. Bu'aa kun Qindoominna akka magaalaatti qabnuufii tumsa hoggansi sadarkaan jiru fi bu'aa ogeeyyii seektara fayyaa keenyaatti waan ta'eef baga nama seenaa qabatamaan hojjetee argisiise taatan. Congratulations!!!

Gamaagama raawwii bara 2018 galma Harsadee magaalaa Bushooftuutti gaggeeffamaa jiruun Magaalli Asallaa raawwii Inshuraan...
30/07/2026

Gamaagama raawwii bara 2018 galma Harsadee magaalaa Bushooftuutti gaggeeffamaa jiruun Magaalli Asallaa raawwii Inshuraansii fayyaa hawaasatiin t %110 galmeessuun sadarkaa 3ffaa madaalamee jira. Hoggansi sadarkaan jiruuf Qaamotni tumsa ol'aanaa taasistan hundi keessanuu galatoomaa Jenna!

Adolessa 18,2018 Waajjirri Eegumsa  Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Gamaggama raawwii hojii bara 2018 fi qophii karoo...
25/07/2026

Adolessa 18,2018 Waajjirri Eegumsa Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Gamaggama raawwii hojii bara 2018 fi qophii karoora 2019 irratti akkasumas Sirna beekkamtiif badhaasaa gaggeesse.

Gamaggama raawwii hojii geggeeffame kanaan gabaasni raawwii hojii waggaa dhiyaachuun hanqinaa fi cimina argame irratti mariyachuun kallattiin gara fuula duraas kennameera.

Itti gaafatamtuun ijaarsaa paartii badhaadhina damee bulchiinsa Magaalaa Asallaa Aadde Assamanaach Girmaa, Itti Gaafatamaan Waajjira Eegumsa fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Gosaa Amaan, hojjattonni waajjira Eegumsa fayyaa Magaalaa Asallaa fi qooda fudhattoonni Sagantaa kanarratti argamanii jiru.

Xumura gamaggamicha irratti hojjattoota waajjira Eegumsa fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa, Ogeeyyii Fayyyaa, Gandoota, Buufataalee Fayyaa , Dhaabbilee Fayyaa fi Hospitaala raawwii olaanaa galmeessaniif sirni badhaasaa fi beekkamtii kennameeraaf .

TURTIIN YEROO ISKIRIINII DAA'IMMAN IRRATTI MIIDHAA AKKA HIN FIDNEEF MAALTU GODHAMUU QABA?‎‎👉Daa’imman umurii ji’a 18 (wa...
20/06/2026

TURTIIN YEROO ISKIRIINII DAA'IMMAN IRRATTI MIIDHAA AKKA HIN FIDNEEF MAALTU GODHAMUU QABA?
‎
‎👉Daa’imman umurii ji’a 18 (waggaa tokkoof ji’a jaha) dura Tv, mobile, geemii adda addaa akka hin ilaalle taasisuu.
‎👉Umurii waggaa tokkoof ji’a ja’aa (ji’a 18) hanga waggaa lamaatti guyyaatti daqiiqaa muraasa qofa akka ilaalan heeyyamuu
‎👉Kanneen waggaa lamaa olii guyyaa guyyaan kan yeroo sa’a tokko hin caalle qofa akka ilaalan gorfama
‎
‎📌DABALATAANIS
‎*Waanti/sagantaa daa’imman ilaalan sun kandaa’immanbarsiisan,bashannansiisaniifi ijoolleef qophaa’e ta’uu qabu.
‎*Tv ilaalaa/tapha moobayila irraa(game) taphataa akka nyaatan,Tv ilaalaa akka rafan gochuun sirrii miti ( sa’a irribaa dura sa’a tokkoof dursanii cufuun gaariidha).
‎*Daa’imman waliin Tv ilaaluun waan isaan irraa baratan gaafachuu, ibsuufiifi kkf dalaguun gaariidha.
‎
Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Address

Asella

Telephone

+251223315997

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Asella Town Administrative Health office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share