Asella Town Administrative Health office

Asella Town Administrative Health office Governmental organization

The Iron Man, Mr. Gosa Aman – Head of Asella Town Health OfficeWhen Mr. Gosa Aman first joined the Asella Town Health Of...
28/05/2026

The Iron Man, Mr. Gosa Aman – Head of Asella Town Health Office

When Mr. Gosa Aman first joined the Asella Town Health Office, the working environment was far from favorable. At that time, the health center was providing only basic routine services and limited laboratory diagnostic services, mainly led by nurses and public health professionals (HOs).

Today, history has completely changed.

Under his outstanding leadership and unwavering commitment, Asella Health Center has transformed into Tokuma Primary Hospital, with remarkable expansion in both infrastructure and human resources. Highly qualified professionals, including doctors, IESO specialists, radiologists, medical interns, and resident physicians from Arsi University, have joined the institution through a strong Memorandum of Understanding (MOU).

Healthcare services have now been upgraded to comprehensive primary hospital services, and the inauguration of the Medical Imaging Center stands as a historic milestone not only for Asella Town but also for the entire Arsi Zone.

One of the most remarkable achievements during his leadership has also been the tremendous growth in human resources. In 2010 E.C., the total number of Town Health Office staff was only 117. Today, in 2018 E.C., the number has grown to 210 through his strong commitment and continuous efforts in convincing and mobilizing all concerned bodies toward strengthening the health sector.

Remarkable achievements recorded during his leadership include:

• Successful implementation of two model community pharmacies
• Increase in the number of medium clinics from 9 to 19
• Expansion of drug stores and pharmacies from 17 to 56
• Launch of Community-Based Health Insurance (CBHI) in 2013 E.C.
• Currently, in 2018 E.C., the total number of insured beneficiary households has reached 20,188
• Current CBHI insurance budget has grown to 35 million birr
• Successful implementation of Cesarean Section (CS) services and other surgical interventions in two health centers
• Ranked 1st among all sectors in Asella Town for four consecutive years

What more can be said?

History itself will forever remember your remarkable contribution.

Thank you, Mr. Gosa Aman, all town higher officials, and the Oromia Health Bureau for your vision, leadership, dedication, and unwavering commitment to improving healthcare services for the community.

May you live long, continue achieving even greater success, and inspire generations to come.

‎Guyyaa har'aa waajjiiri keenya Eebba Faarmasii fi Gola tajaajila qorannoo keessaa  qaamaa (Medical imaging center) eebb...
26/05/2026

‎Guyyaa har'aa waajjiiri keenya Eebba Faarmasii fi Gola tajaajila qorannoo keessaa qaamaa (Medical imaging center) eebbisiiserra.
Fayyaan Faaya!!!

Caamsaa 15/2018Dawwaannaan ijaarsa pirojektii Medical imaging center Hospitaala Tokkummaa Asallaa Dr. Darajjee Dhugumaa ...
23/05/2026

Caamsaa 15/2018
Dawwaannaan ijaarsa pirojektii Medical imaging center Hospitaala Tokkummaa Asallaa Dr. Darajjee Dhugumaa ministeera deetaa ministeera Fayyaa Fedeeralaa akkasumas Professor Natsaanat warqinaa Hoggantuu BFO fi Kabajamoo Kantiibaa Bul. Magaalaa Asallaa obbo Simee Tsagaayee baga jiranitti gaggeeffamee jira. Hospitaala Tokkummaa Asaallaa akkasumas Medical imaging Center ( CT scan, Xray, MRI, mammography fi ultrasound) ijaarsarra jiruuf deegarsa barbaachisaa gochuun humna guutuun tajaajila akka eegaluuf deegarsa barbaachisu hundaan ummata magaalaa Asallaa cinaa akka dhaabbatan nuuf dhaamanii jiru.

15/05/2026

Olka'uu dhiibbaa dhiigaa, mallattoolee isaafi wantoota gochuu qabnu.

Oduu Gaddaa!Hojjettuu Waajjira Fayyaa Magaalaa Asallaa kan taate Rahiimaa Aashim Guutoo dhibee  tasa ishee muudateen boq...
01/05/2026

Oduu Gaddaa!
Hojjettuu Waajjira Fayyaa Magaalaa Asallaa kan taate Rahiimaa Aashim Guutoo dhibee tasa ishee muudateen boqatteerti.
Duuti hafuu baattus yeroo malee gaafa namatti ariifattu hiree haamilee otoo hin gahin fiigdee buraaqxee lafa garaa kee otoo hin gahin yoo si fudhattu gadda guddaadha.

Boolla ishee daadhiin yaa guutu Waaqni yaa araaramuuf

Maatii fi firoottan isheef Rabbiin jajjabina yaa kennu jechaa maqaa Waajjira Fayyaa Magaalaa Asallaatiin gadda nutti dhagahame ni ibsina

RIP

IFA ADUU FAYYAA KEENYAAF  ✓ Vaayitaamin D oomishuuf:-  Ifti aduu qaamni keenya oomisha vaayitaamin D dabaluuf gargaara. ...
28/04/2026

IFA ADUU FAYYAA KEENYAAF

✓ Vaayitaamin D oomishuuf:- Ifti aduu qaamni keenya oomisha vaayitaamin D dabaluuf gargaara. Vaayitaamin D n ammoo guddinaafi jabina lafeef gargaara.

✓ Miira gammachuuf: Oomisha Serotonin qaamaa dabaluun mukuu (depression) ittisa.

✓ Hirriba gaariif:- Sirna hirribaa sirreessa. Guyyaa dammaqiinaan akka oollufi, galgala hirriba gaarii akka argannu gargaara.

✓ Fayyaa onneef: Dhiibbaa dhiigaa hir’isee fayyaa onnee eeguuf nu gargaara.

✓ Fayyaa sammuuf:- Xiyyeeffannoofi dammaqiinsa dabaluun fayyaa Sammuu eeguuf gargaara.

✓ Sirna ittisa dhukkubaa (Madinummaa) qaamaa cimsa.

Hub: Guyyaatti daqiiqaa 15-30 Caama ganamaa fayyadamuun faayidaa asii olii kana argamsiisa. Akkasumas Aduun guyyaa bahu Gogaa keenya waan miidhuf Aduu ganamaa fayyadamuun gaaridha. Keessumaayyuu daa'immaniif!

Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Olka'uu dhiibbaa dhiiga (HYPERTENSION)‎‎Namoonni dhiibbaa dhiigaa isaanii yeroo yerootti ilaalamuu qaban:‎‎✓ Namoota umr...
21/04/2026

Olka'uu dhiibbaa dhiiga (HYPERTENSION)

‎Namoonni dhiibbaa dhiigaa isaanii yeroo yerootti ilaalamuu qaban:

‎✓ Namoota umriin isaanii 40 ol ta'e
‎✓ Namoota maatii keessa namni olka'uu dhiibbaa dhiigaa, dhibee onnee ykn istirookii qaban (sanyiin daddarbuu waan danda'uuf)
‎✓ Namoota ulfaatina qaamaa guddaa qaban
‎✓Namoota tamboo xuuxan
‎✓ Namoota Alkoolii dhuguu hedduummessan
‎✓Namoota dhibee sukkaaraa, dhibee kalee fi kolestiroolii ol’aanaa qaban
‎✓Dubartoota ulfaa (dhiibbaa dhiigaa ulfaa waliin walqabatu adda baasuuf)
‎✓ Namoota yaaddoo (stress) cimaa keessa jiran
‎✓ Namoota sochii qaamaa hin taasifne
‎✓ Namoota olka'uu dhiibbaa dhiiga qaban (to’annoofi hordoffii gochuuf)

‎Hub:- Olka'uun dhiibbaa dhiigaa yeroo baay’ee mallattoo hin agarsiisu. Kanaafuu, fayyummaa ofii beekuun kan danda’amu yeroo yerootti dhiibbaa dhiigaa keenya safaramuudhani.


Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Mallattoolee dhukkuboota ujummoo fincaanii  » Hoo’a qaamaafi qorra hoollachiisu. » Lolloojjessuu, hoqqisiisuufi gadi tee...
17/04/2026

Mallattoolee dhukkuboota ujummoo fincaanii
» Hoo’a qaamaafi qorra hoollachiisu.
» Lolloojjessuu, hoqqisiisuufi gadi teessisuu.
» Dhukkubbii mudhii, dugdaafi ceekuu kan mirgaa, bitaa yookiin lachuu
» Fincaan gubuufi ammaa amma fincaa’uu
» Fincaan mudduu
» Dhukkubbii qaama handhuuraa gadii
» Halluun fincaanii gara daalachaatti jijjiiramuufi darbees dhiiga makachuu
» Fincaan foolii badaa/ajaa’aa horachuu
» Dubartoota irratti dhukkubbii yeroo wal qunnamtii saalaa

Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Fayyaan Faayaa ! Fooyya'insa Istaandaardii Bu'uraalee Misoomaa Dhaabbiilee Fayyaa Fooyyeessuuf Bahee  Hospitaalaa Tokkum...
31/03/2026

Fayyaan Faayaa !

Fooyya'insa Istaandaardii Bu'uraalee Misoomaa Dhaabbiilee Fayyaa Fooyyeessuuf Bahee Hospitaalaa Tokkummaa Asallaa fi Buufataa Fayyaa Haliilaa Keessatti hojiirra oolee hoggansa Magaalichaattin daawwatameera .

Daawwannaa kanarratti argamuudhaan haasaa kan taasisan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsaggaayee akka jedhanitti Akka Magaalaa Asallaatti kenna tajaajilaa iddoo hundattii foyyeessuuf hojii guddaan hojjatamaa kan jiru ta'u ibsuun , dawwaanaa Hospitaala Tokkummaa Asallaa fi Buufata fayyaa Haliilaa keessatti taasisan Istaandaardii Bu'uraalee Misoomaa dhaabbilee fayyaa fooyyeessuuf bahee Mooraa Hospitaallichaa fi Buufata Fayyaa Haaliilaa keessatti hojirra ooletti kan gammadan ta'u ibsuun hojiin iddoo hundatti cimee akka itti fufuuf Obbo Simeen dhaamanii jiru

‎Istaandaardii qulqullinaa fayyaa hojjataa mirkaneessuu, ittii quufinsa maammilaa dabaluu, naannoo hojii hawwataa fi mijjata taasisuuf kan gargaaruu fi Mootummaan hawaasaa fayyaa buleessa horachuuf rifoormii fayyaa taasiseen dhaabbileen fayyaa istaandaardii fayyaa guuttachuun kenna tajaajila fayyaa akka milka'uuf Inisheetiivii bara 2018 hojiirraa oolchaa jiraachuu fi dijiitalayizeeshinii dhabbiilee fayyaa hojiitti hikuun hojjachaa jiraachuu kan himan ammoo Itti Gaafatamaa Waajjiraa Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Gosaa Amaan.

26/03/2026

Talaallii Pooliyoo Marsaa 5ffaa

Dhukkuba Daranyoo Sombaa (Tiibii)Dhukkubni daranyoo sombaa dhukkuba daddarbaa baakteeriyaan dhufuudha. Irra caalaa somba...
25/03/2026

Dhukkuba Daranyoo Sombaa (Tiibii)

Dhukkubni daranyoo sombaa dhukkuba daddarbaa baakteeriyaan dhufuudha. Irra caalaa sombaa keenya miidha.

Akkamitti namatti daddarba?

✓ Yeroo namni dhukkubicha qabu Qufa'uu karaa qilleensa nutti daddarba.
✓Aannaan beeyladaa osoo hin danfisin dhuguu

Mallattoolee dhukkuba Daranyoo Sombaa

✓ Qufaa torban lamaa ol namarra ture
✓Ho’a qaamaa
✓ Halkan halkan nama dafqisiisuu
✓Ulfaatinni qaamaa hir’achuu
✓ Miira dadhabbiifi fedhii nyaataa dhabuu

Maloota Ittisa Daranyoo Sombaa?

✓Mallattoolee asiin olitti jedhame yoo ofirratti ykn maatii keenya irratti argine dafne mana yaalaa deemuu.
✓Qoricha ogeessan nuuf ajajame guutuun guututti fudhachuu
✓Yeroo qufaanu ciqilee keenyan Afaan cufachuu
✓Yeroo qufaanu akkee bakkeetti tufuu dhiisuu
✓Kutaa jiraannu keessa qilleensi gahaan akka galu taasisuu.
✓Nyaata madaalamaa nyaachuu
✓Tamboo xuuxuu fi alkoolii dhuguu dhiisuu

Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Address

Asella

Telephone

+251223315997

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Asella Town Administrative Health office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share