Mijuu Fayyaa- Health Tips

Mijuu Fayyaa- Health Tips Delivering health information to our community

Episiotomy ykn Yaalii Qaama Haadholii baqaqsuun Dessisuu======================‎Eppiisiyootoomiin (episiotomy) yaalii qaa...
22/02/2026

Episiotomy ykn Yaalii Qaama Haadholii baqaqsuun Dessisuu
======================
‎Eppiisiyootoomiin (episiotomy) yaalii qaama hormaataa haadholii baqaqsanii, daa'ima baasuu akka danda'u gochuuti.
‎Sababoonni yaaliin kun taasifamuuf:
======================
‎- Daa'imni ukkaamamee/tee, dafanii deessisuuf
‎- Ciniinsuun yoo dheerate
‎- Daamni guddaa yoo ta'e
‎- Daa'imni qaama hormaataa haadhaa keessatti rakkatee yoo hafe
‎- Gargaarsa meeshaatiin deessisuun yoo barbaadame
‎- Qaamni hormaataa haadhaa akka hin baqaqne (fkn gara qaama bobbaatti)
‎- Haati ciniinsuudhaan baay'ee yoo dadhabde
‎=======================
‎Erga eppiisiyootoomiin hojjatamee booda, mallattooleen armaan gadii yoo jiraatan dafanii mana yaalaa dhaquu barbaachisa.
‎- Dhukkubbiin madaa dabalaa yoo deeme
‎- Bakki madaa yoo dhiige
‎- Qaama ho'isaan yoo jiraate
‎- Naannoon madaa yoo diimate, dhiita'ee fi malaa godhate
‎- Madaan yoo wal gadhiise
‎=======================
‎Eppiisiyootoomiin erga hojjatamee booda, madaan akka dafee fayyuuf, wantoonni godhamuu qaban:
‎- Qulqullina naannoo sanaa sirritti eeggachuu
‎- Yeroo naannoo san qulqulleeffatan, gara fuulduraatii gara duubaatti (qaama hormaataa irraa gara qaama bobbaatti) qulqulleeffachuu
‎- Guyyaa jalqabaa (sa'aatii 24n jalqabaa), naannoo san, guyyaatti yeroo tokko ykn lama, daqiiqaa 10 - 15, waan qorraan qabbaneessuu (fkn uffata qulqulluu bishaan cabbaa'etti cuuphanii)
‎- Guyyaa jalqabaa booda (sa'aatii 24 booda) immoo, guyyaatti yeroo tokko ykn lama, daqiiqaa 10 - 15, bishaan ho'aa (kan baay'ee ho'ee miti) meeshaatti naqanii keessa taa'uu
‎- Gogiinsa garaa ittisuu (fkn bishaan gahaa dhuguu)
‎- Yoo dhukkubbiin jiraate antipain fudhachuu
‎======================
‎Eppiisiyootoomiin hojjatamee, gogaan torban 2 - 3tti walitti ni fayya. Walumaagalatti, madaan torban 4 - 6tti guutummaatti fayyuu qaba.

‎Rakkoolee yeroo dheeraaf turuu danda'an:

‎- Dhukkubbii walitti fufaa naannnoo qaama hormaataa
‎- Dhukkubbii yeroo saalqunnamtii
‎- Godaannisa

Fayyan Faaya
Mijuu Fayyaa- Health Tips

06/01/2026

Hordooftonni Amantaa Kiristaanaa Baga Ayyaana Qillee Geessan!!!
Ayyaana Gaarii
መልካም ገና
Merry Christmas.
2018

Leonine facies~~~~~~~~~~Leonine facies (lion-like face) refers to a coarse, thickened facial appearance with prominent f...
01/01/2026

Leonine facies
~~~~~~~~~~
Leonine facies (lion-like face) refers to a coarse, thickened facial appearance with prominent forehead, cheeks, and nose.
The main causes include:

Most common

Leprosy (Hansen disease) – especially lepromatous leprosy
Thickened skin, nodules, loss of eyebrows (madarosis), nasal involvement

Other causes

Sarcoidosis – granulomatous infiltration of facial skin

Cutaneous T-cell lymphoma (e.g., mycosis fungoides, Sézary syndrome)

Leukemia / Lymphoma – leukemic infiltration of the skin

Amyloidosis – amyloid deposition in facial tissues

Myxedema (severe hypothyroidism) – doughy facial swelling

Leishmaniasis (chronic cutaneous) – in endemic areas

Acromegaly – coarse facial features (sometimes described similarly)

NB:
leprosy is the most likely cause and should always be ruled out

Dhibee Michii Sombaa| Pneumonia:~ MAALUMMAAMichiin sombaa/pneumonia kan jeedhamuu infection qamoota sirna hargansuu gara...
01/01/2026

Dhibee Michii Sombaa| Pneumonia:

~ MAALUMMAA
Michiin sombaa/pneumonia kan jeedhamuu infection qamoota sirna hargansuu gara gadii ta'ee kan somba keenya midhuudha. Dhibeen kun keessumattuu kutaa somba keessaa korojoo qilleensa xixiqqoo somba keessaatti argamaan ‘alveoli’ kan jeedhaman midhuun akka kulkulaan taasisun akka bishaanin guutaman taasisa.

¶ Maloota tatamsa’inaa isaa
~ yeroo namni dhibee kanaan qabamee haxxiffatuu/qufa”uu/hasa’uu binnanyii xixiqqoo isa kessaa bahaan namni bira qilleensa waliin gara keessaatti fudhachuun
~ sirna dhiigatin infekshinii idoo biraa irra: kale
~ kallattiidhan infekshinii qaama olla irraa:
~ dhangala’aa afaan, funyaan ykn garaacha kessaa gara qaama sirna hargansuu yommuu seene: aspiration

¶ Wantoota Dhibee kanaaf Nama saaxiilan
1. Umrii: 65
2. Araada adda addaa: tamboo aarsuu, alcohol
3.dhibee sirna hargansuu beekama: utalloo, Asthma, COPD
4. Dhibee dabalataa: HIV, Cancer, DM, CKD, HF, malnurtrition
5. qoorichoota adda addaa fudhaatan: qooricha kansarii fuudhatan, qooricha steroid
6. Naannoo keessaa jiraannuu: namoonni bakka tokkootti hedduummachuu: mana kessatti, MB, MS, geejjibaa, mana keessattii foddaa fi balbala banuu dhiisuu

¶ Mallattolee isaa
~qufaa/ukaa +_ akkitaa
~ho'inaa qaama, qorraa qorraa
~afuura hanqisuu
~waraansa qoomaa
~dadhabbii, qaama caccabsuu, lollojjuu, hoqqisisuu, jijjiraama amalaa fiduu
¶ Xaaxawwaan isaa
Yoo yeroon yaalamee salphaatti irraa fayyuun ni danda’amaa
~Somba irraatti: lung abscess, plueral effusion, empyema, ARDS and respiratory failure
~ Qaama biroo irraatti: qaama keessa faca’uun/ sepsis, infectionii oonnee, sammuu, M*F, Death

¶ Ittisa:
~ harkaa dhiqachuu, foddaa ykn balbala baana taasisuu, aaraa mana keessa hir’isuu
~ afaan fi funyaan haguugu, maskii fayyadamuu, fageenya eeggachuu
~ araada adda addaa irraa of quusachuu:
~nama mallattoo armaan olii qabuu yeroon yaalchisuu
~ Talaallii: bacteria, virus, prophylaxis
~ Daa’imman ifa aduu gahaa akka argaatan taasisuu

Fayyaan Faaya

Dhukkuba Vaayirasii Marburg:| Marburg Virus Disease (MVD)👉 Dhukkubni Marburg jedhamuu gosa vayirasii    fakkaata   virus...
14/11/2025

Dhukkuba Vaayirasii Marburg:| Marburg Virus Disease (MVD)

👉 Dhukkubni Marburg jedhamuu gosa vayirasii fakkaata virus kan ta'een dhufa.

~ Namoota dhibee kanaan qabamaan keessaa 24% hanga 90% (gidduugaleessan %50 ) ta'aan lubbuun isaanii ni darba.

👉 Maloota ittiin Daddarbuu
° Bineensota irraa gara nama:
~ Baattuun vaayirasiicha Gosa simbira halkaanii (Fruit Bats) kan fuduraa fi abaaboo soorattu yommuu ta'u, gaafa namni fincaan, hancufa ykn dhangala’aa ishii keessaa bahuuf saaxilame vaayirasichi gara namatti darba

° Nama irraa gara Nama:
~ Nama dhukkuba kanaan qabame waliin tuttuqaa qabaachuu
~ Dhangala'aa ( dhiiga, goroora, haqqee, fincaan, boolii, dafqaa, dhangala'aa qaamaa hormaata fi k.k.f) namoota dhukkubichaan qabameen tuqamuu
~ Lilmoo, uffaata fi meeshalee kanneen biroo falamaan tuttuquun
~ Nama dhukkubichaan du'e seeran awwaluu dhabuu ( tuttuquu)

👉 Mallattoolee Dhibee Kanaa
~ Jalqaba (Guyyaa 1–5): Qaama gubaa, Mataa dhukkubbii, Harkaa fi miilla laaffachuu, dadhabbii, qufaa, dhukkuubbii garaa, hooqqisisuu, garaa kaasaa fi k.k.f

~ Giddugalessaa (Guyyaa 5–7): Dhiiga garaa qaawwa qaamolee garaagaraa (Afaan,funyaan gurra, garaa fi kan biroo), gogaan qaama dhiigaa uffaachuu (petechiae), Ijji diimaachuu

~ Sadarkaa Cimaa ( Severe Stage): Of wallaaluu, dhibbaan dhigaa garmalee gafi bu'uu, kalee, sirni hargansuu fi oonnee dadhaabuu
° Dhumaarrattu sadarkaa lubbuu basuun gahuu mala

👉 Yaala Goodhamuu
~ Qorichi adda bahe hin jiru
~ Yaalii guddaan deeggarsa qaama fi xaxaawwaan dhibee kanaan walqabatanii dhufaan yaaluudha

👉 Dhibee kana To'achuu fi Ottisuuf maal gochuu qabna
~ Namoota shakkamaan add baasuu
~ Tuttuqqii qaamaa hir'isuu
~ Harka keenyaa bishaani fi samuun ykn sanitayizeerin dhiqachuu
~ Wantoota shakkamaan dhibee kana ykn dhangalaa'an qaama isaa tuqee kamuu irraa of quusachuu
~ Nama du'ee kara naga qabeessa ta'een awwaluu
~ Bakka simbirroonni battoo dhukkuba kanaa ta'aan jiraatan irraa fagachuu

  Dhibee Ho'iinsa qaamaa dabaluu fi qaamonni garagaraa akka dhiigaan godhuu:| Viral Hemorrhagic Fever (VHF)~~Dhukkubni h...
12/11/2025



Dhibee Ho'iinsa qaamaa dabaluu fi qaamonni garagaraa akka dhiigaan godhuu:| Viral Hemorrhagic Fever (VHF)
~~
Dhukkubni ho'iinsi qaamaa garmalee akka olka'u godhuufi qaamonni garagaraa akka dhiigu (Funuuna, dhiiga haqqisiisu, dhiiga baasuu, ija diimessuu, guutuun gogaa qaamaa diimachuu, sammuu keessatti dhiiguu fi kkf fiduu danda'u) Magaalaa Jinkaatti muudachuu fi hanga ammaatti namoota 5 (Doktora tokkoofi Narsii tokko dabalatee) lubbuu isaanii galaafachuu himamaa jira. Dhukkubni kun Vaayirasii gosa garagaraatiin kan dhufu yoo ta'u; namaa namatti illee daddarbuu danda'a. Dhangala'aa garagaraa kanneen akka hancufaa fi dhiiga vaayirasii kanaan faalame xuxxuquudhaan illee daddarbuu danda'a. Akkasumas baattowwaan vaayiraasichaa kan akkaa bookee, tafkii fi hantuutaa illee dhukkuba kana daddabarsuu danda'u. Hanga ammaatti Magaalaa kanatti kan muudate kun gosa vaayirasii kam kan jedhu hin beekkamne waan ta'eef; haalota dhukkubni kun ittiin daddarbuu danda'u kanniin beektanii of eeggannoo akka gootan isin beeksifna.
Mijuu Fayyaa- Health Tips

ወቅታዊ የጤና ጉዳይን አስመልክቶ የተሰጠ መግለጫ

Website: moh.gov.et
Facebook: facebook.com/EthiopiaFMoH
Twitter: x.com/fmohealth
YouTube: youtube.com/
Tiktok: tiktok.com/
Telegram: t.me/M0H_EThiopia
Linkedin: lnkd.in/ewFJ6VAB

Baga Ayyaana Irreecha Bara 2018 Nagaan Geessan!                                                                         ...
03/10/2025

Baga Ayyaana Irreecha Bara 2018 Nagaan Geessan!

Mijuu Fayyaa- Health Tips

Baga bacaqii gannaa baatanii booqaa birraa geessan!🌼🌸      Happy New Year!🌹🌾💐🥀May 2018 bring you endless joy, success, a...
11/09/2025

Baga bacaqii gannaa baatanii booqaa birraa geessan!🌼🌸


Happy New Year!🌹🌾💐🥀
May 2018 bring you endless joy, success, and new adventures💥💥💥
🌻🌻🌻🌻 𝕨𝕖𝕝𝕔𝕠𝕞𝕖🌾2018🌻🌻🌻🌻🌻
Mijuu Fayyaa- Health Tips

🚨 Study Alert: Paracetamol use in pregnancy linked to autism & ADHD riskTaking paracetamol (acetaminophen) during pregna...
05/09/2025

🚨 Study Alert: Paracetamol use in pregnancy linked to autism & ADHD risk

Taking paracetamol (acetaminophen) during pregnancy may increase the chances of neurodevelopmental disorders like autism and ADHD in children, according to new research.

🔍 Researchers from the Icahn School of Medicine at Mount Sinai (US) reviewed 46 studies with over 1 lakh participants worldwide.
📌 Findings show higher-quality studies are more likely to confirm this link.
📌 Paracetamol crosses the placental barrier, potentially causing oxidative stress, hormone disruption, and gene-level changes that can affect foetal brain development.

⚠️ While paracetamol is widely used for fever, headache, and pain relief, experts caution that even a small risk increase has major public health implications.

With autism and ADHD cases rising globally, these findings call for stricter clinical guidelines, patient education, and informed choices during pregnancy.

Address

Wabishebele
Goba

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mijuu Fayyaa- Health Tips posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Mijuu Fayyaa- Health Tips:

Share