01/01/2026
Dhibee Michii Sombaa| Pneumonia:
~ MAALUMMAA
Michiin sombaa/pneumonia kan jeedhamuu infection qamoota sirna hargansuu gara gadii ta'ee kan somba keenya midhuudha. Dhibeen kun keessumattuu kutaa somba keessaa korojoo qilleensa xixiqqoo somba keessaatti argamaan ‘alveoli’ kan jeedhaman midhuun akka kulkulaan taasisun akka bishaanin guutaman taasisa.
¶ Maloota tatamsa’inaa isaa
~ yeroo namni dhibee kanaan qabamee haxxiffatuu/qufa”uu/hasa’uu binnanyii xixiqqoo isa kessaa bahaan namni bira qilleensa waliin gara keessaatti fudhachuun
~ sirna dhiigatin infekshinii idoo biraa irra: kale
~ kallattiidhan infekshinii qaama olla irraa:
~ dhangala’aa afaan, funyaan ykn garaacha kessaa gara qaama sirna hargansuu yommuu seene: aspiration
¶ Wantoota Dhibee kanaaf Nama saaxiilan
1. Umrii: 65
2. Araada adda addaa: tamboo aarsuu, alcohol
3.dhibee sirna hargansuu beekama: utalloo, Asthma, COPD
4. Dhibee dabalataa: HIV, Cancer, DM, CKD, HF, malnurtrition
5. qoorichoota adda addaa fudhaatan: qooricha kansarii fuudhatan, qooricha steroid
6. Naannoo keessaa jiraannuu: namoonni bakka tokkootti hedduummachuu: mana kessatti, MB, MS, geejjibaa, mana keessattii foddaa fi balbala banuu dhiisuu
¶ Mallattolee isaa
~qufaa/ukaa +_ akkitaa
~ho'inaa qaama, qorraa qorraa
~afuura hanqisuu
~waraansa qoomaa
~dadhabbii, qaama caccabsuu, lollojjuu, hoqqisisuu, jijjiraama amalaa fiduu
¶ Xaaxawwaan isaa
Yoo yeroon yaalamee salphaatti irraa fayyuun ni danda’amaa
~Somba irraatti: lung abscess, plueral effusion, empyema, ARDS and respiratory failure
~ Qaama biroo irraatti: qaama keessa faca’uun/ sepsis, infectionii oonnee, sammuu, M*F, Death
¶ Ittisa:
~ harkaa dhiqachuu, foddaa ykn balbala baana taasisuu, aaraa mana keessa hir’isuu
~ afaan fi funyaan haguugu, maskii fayyadamuu, fageenya eeggachuu
~ araada adda addaa irraa of quusachuu:
~nama mallattoo armaan olii qabuu yeroon yaalchisuu
~ Talaallii: bacteria, virus, prophylaxis
~ Daa’imman ifa aduu gahaa akka argaatan taasisuu
Fayyaan Faaya