Kiliinika dabbaal

Kiliinika dabbaal Bu'ura fayyaa hawaasa

🩺 Qoricha   (Albenda 400mg)🔹 Maalummaa Albenda 400mgAlbendazole 400mg qoricha qurxummii garaa (parasites) balleessuuf fa...
17/04/2026

🩺 Qoricha (Albenda 400mg)
🔹 Maalummaa Albenda 400mg
Albendazole 400mg qoricha qurxummii garaa (parasites) balleessuuf fayyaduudha. Qurxummii qaama keessa guddatan dadhabsiisee ajjeesa.
🔹 Faayidaa Albenda 400mg
✔️ Raammoo garaa (roundworm, hookworm)
✔️ Tapeworm
✔️ Dhukkuba Raammoo daa’immanii
✔️ Raammoo tiruu fi garaachaa keessatti guddatan

🔹 Miidhaa cinaa (Side Effects)
⚠️ Garaa dhukkubbii
⚠️ Mata-dhukkubbii
⚠️ Qaama dadhabsiisuu
⚠️ Garaa kaasaa fi garaa micciiruu

🔹 Namoota fudhachuu hin qabne
❌ Dubartoota ulfa ji’a 3n jalqabaa (first trimester pregnancy)jiran
❌ Namoota dhibee tiruu qaban
❌ Namoota qoricha kanaan alerjiin itti ka'u danda'an

🔹 Of eeggannoo
👉 Qoricha kana ofumaan hin fudhatin
👉 Gorsa ogeessa fayyaa hordofi
👉 Yeroo dheeraa fudhattu taanaan, qorannoon tiruu siif godhamuu barbaachisa
👉 Dubartoonni ulfaa ji'a afurifi sana ol ta’an yaadan of eeggannoo haa godhan mallattoo tokkolle yoo erga isa fudhatani ofirratti argan dafani gara mana yaalaa deemuu qaba.

12/11/2025

Odeeffannon Gara kibba Ethiopia irraa dhufaa jiru gurraaf gaarii miti! dhibee "Hemorrhagic fever "Jedhamutu ka'e jedhamee shakkama(not yet confirmed).
Dhibeen kuni dhibee gosoota virus maatii garaa garaan dhufuudha isaan keessa Muraasni fii beekamoon
*Ebola Virus(EBOV)
*Sudan Virus(SUDV)
*Marbur Virus(MARV)
*Crimean-Congo HV
*Rifty Valley Fever Virus
*Yellow Fever Virus
*Dengue Fever Virus
*Hanta Virus

Mallattoolee isaa
Gara jalqabaa irratti
-Gubaa qaamaa
-mataa dhukkubbii
-hoqqisisuu
-qaama caccabsuu
-Dadhabina qaama
-Garaa kaasuu
-Qorra qorra jechisiisu

*Booda kessaa,

-dhiiguu qaama(dhiiga gogaa jalatti kuufamuu, ykn ijaa,gurraa,funyaani fi afaanin dhangala'uu)
-of wallaaluu
-Jaanjessuu
-Afuura kutuu
-qaamonni hedduun kan akka,kalee,tiruu fi onnee hojii dhaabu.

Mala to'annoo!
-Tuttuqqi namoota shakkaman fi dhangala'aa qaama isaani waliin irraa of qusachuu
-Golgee Afaani Fayyadamu
-Namoota shakkaman dafanii gabaasuu
-Hantuuta ,Ilbiisoota,fi bookeewwan balleessuu.
-Namoota du'aan yeroo awwalaan ofeeggannoo jabessuu.

Hubachiisa akka odeffannoo Jinka hospital irraa dhufetti dhibeen kuni akka COVID-19 qoosa hin beekuu carra nama ajjeesuu isaa almost 100% dha.
Dursaa
Dr feyera

OF-EEGGANNOO! 🚨🚨🚨Ibsa galgala kana baaseen Ministerri Fayyaa dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda hinbaane Naa...
12/11/2025

OF-EEGGANNOO! 🚨🚨🚨

Ibsa galgala kana baaseen Ministerri Fayyaa dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda hinbaane Naannoo Kibbaa, Magaalaa Jinkaa keessatti mudatuu ibsee jira.

Dhukkubichis mallattoolee akka hoo’a qaamaa, qola ijaa diimessuu, baasaa dhiiga makate, dhiigni irga, afaan, funyaanii fi qaama biraatii dhangala’uu fa’a qaba.

Akka ogeeyyonni Hospitaala Jinkaa himanitti: torbee kana namoonni shan dhukkubichaan qabamanii lubbuun isaanii dabartee jirti. Isaan lubbuu dhaban keessaa lama ogeeyyota fayyaa (doktara tokkoo fi narsii tokkoo) kan dhukkubsattoota waldhaanaa turaniidha. Kun ammoo dhukkubichi nama irraa namatti haalaan daddarbaa ta’uu isaatiifi kan yeroo gabaabaa keessatti lubbuu galaafatu ta’uu agarsiisa.

👉🏾👉🏾 RAAMMOO MAAGAA (WORM)Raammoon maagaa mari'imaan namaa guduunfuu akka danda'u beektuu?Rammoon maagaa yoo hedduminaan...
06/10/2025

👉🏾👉🏾 RAAMMOO MAAGAA (WORM)

Raammoon maagaa mari'imaan namaa guduunfuu akka danda'u beektuu?

Rammoon maagaa yoo hedduminaan mari'imaan keessatti wol h**e mari'imaan guduunfuu danda'a (afaan ingiliffaan worm bolus obstruction jedhama). Nama hunda hubuu danda'a garuu irra caalaatti daa'imman woggaa 1 hanga 5 miidha.

👉🏾 MALLATTOOLEE

1. Dhukkubbii garaa hamaa
2. Haqqisiisuu/ol deebisuu
3. Hoo'a qaamaa
4. Baasaa garaas agarsiisuu danda'a.

👉🏾 XAXAA (COMPLICATIONS)

1. Tiruu irratti dhullaa uumuu(liver abscess)
2. Dallansuu afuuffee hadhooftuu
3. Wol keessa seenuu mari'imaanii (intususception)
4. Appendisiitisii (tirf anjet)

👉🏾 TOOFTAALEE ITTISAA (prevention)

1. Foon dheedhii nyaachuu dhiisuu/ xiqqeessuu
2. Qulqullinna nyaataaf dhugaatii eeguu
3. Kuduraaf muduraa dheedhii nyaachuu baayyisuu xiqqeessuu
4. Nyaata duraa fi mana fincaanii eega fayyadamanii booda harka dhiqachuu bartee godhachuu
5. Qoricha raammoo (kininii koosoo) ji'a jaha jahaan fudhachuun rakkoo kana hambisuuf/ xiqqeessuuf gargaara.

⚠️🌱 Mallattoolee Hanqina Vitaaminaa Gonkumaa Tuffatamuu Hin Qabne  🌱⚠️👉 Mallattoowwan xixiqqoo ta'an kanneen akka dadhab...
01/10/2025

⚠️🌱 Mallattoolee Hanqina Vitaaminaa Gonkumaa Tuffatamuu Hin Qabne 🌱⚠️

👉 Mallattoowwan xixiqqoo ta'an kanneen akka dadhabbi, qeensii buqqa'uu/caccabuu, rifeensi buqqa'uu, afaan madaawuu, ykn rakkoon ijaa mallattoolee akeekaa hanqina vitaaminii fi albuudotaa ta'uu danda'u. 🩺

☣️ Mallattoolee beekuu qadan kunooti 👇

🧍‍♀️ Mallattoolee Qaamaa

💇 Rifeensa fi Qeensa – qeensii caccabuu, rifeensi buqqa'uu ykn haphachuu → Hanqina vitaamin B7(baayootiinii), ayirenii ykn vitaamin jiraachuu mala.

🌿 Gogaa – Gogiinsa goggogaa ykn gogaan solloquu→ Saba hanqina vitaaminii A, C, ykn E'tiin dhufuu danda'a

👄 Afaan – Afaan Madaawuu, hidhiin baqaquu, irgoon dhiiguu → Yeroo baayyee hanqina vitaaminii B, ayirenii ykn vitaamin C waliin walqabatee dhufa.

👁️ Ija – Halkan arguu dadhabuu ykn waararrii ijaa(blurred vision)→ Hanqina Vitamin A agarsiisuu danda'a .

💪 Maashaalee – Dadhabina ykn dhukkubbii maashaalee → hanqina Vitamin D, kaalsiyeemii ykn maagniziyeemiin uumamu danda'a.

🧠 Mallattoolee Niwurooloojikaalaa fi Sammuu

⚡ Miira hadoodaa ykn waraansaa Keessattuu harka fi mila irratti mul’atan → Mallattoolee Hanqina vitaamin B12 ta'u danda'a

😔 Jijjiirama Miiraa – Mukuu hamaa(Depression), aarii → Yeroo baayyee hanqina vitaamin B ykn Vitamin D wajjin walqabata.

📌 Mallattoolee Biroo

😴 Dadhabbii ykn Miira Laafinaa → Hanqina vitaamin B12, vitaamin D ykn hanqina ayirenii ta’uu danda’a.

⏳ Madaa dafee hin fayyiine → Madaan fayyuudhaaf yeroo dheeraa yoo fudhatee hanqinni Vitamin C jiraachuu danda'a.

✅ Maal Gochuu Qabdan:

• Soorata kee irra deebi’ii ilaali—fuduraalee, kuduraalee fi pirootiinii gahaa argachaa jirtaa?
• Mallattoolee kan turan yoo ta'e hin tuffatinaa- Gara mana yaalaa deemuun ilaalamaa
• Mallattoon dhukkubaa yoo itti fufe ogeessa fayyaa mariisisaa.

💬 Mallattoolee kana keessaa kam ofii kee ykn namoota biroo irratti agarte?

Qaama saalaa dubartootaa maaltu hooqsisa? (Vaginal itching)**********************************1. Saamunaa  foolii qabu, k...
25/09/2025

Qaama saalaa dubartootaa maaltu hooqsisa? (Vaginal itching)
**********************************
1. Saamunaa foolii qabu, keemikaala, dibatafi spray naannoo qaama saalaatti dibachuu ykn biifuu fi uffata jalaa baay'ee isin qabu uffachuu
2.Infeekshinii fangasiin dhufu. Dabalataan Naannoo qaama saalaatti Wantoonni adii adiin ni mul'atu.
3. Dhiphina hamaa/hojiin busy tahuu. Kun dandeettii dhukkuba ofirraa dhorkuu keessanii hir'isuun infeekshinii baakteriyaaf fangasiif akka saaxilamtan godha.
4. infeekshinii/dhibee gogaa naannoo qaama saalaafi infeekshinii baakreriyaa(e.g bacterial vaginosis)
5. Rakkoo dhibeewwan saal-qunnamtiin daddarbanii
6. qulqullinna naannoo qaama saalaa sirritti eeggachuu dhabuu.

Dabalataan mallattoowwan hooqsisuu qaama saalaa dubartootaa waliin mul’atu keessaa tokko dhangala’aan addaa qaama saalaa fi gadaamessa dubartootaa keessaa bahuudha.
*******************************************
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!
Odeeffannoon Fayyaa barbaachisoon yeroo yeroon akka isin qaqqabuuf Fuulbarruu kana follow,like share fi comment gochuu hin dagatinaa!

❝𝐃𝐇𝐀𝐋𝐀 𝐃𝐇𝐀𝐁𝐔𝐔 (𝐈𝐧𝐟𝐞𝐫𝐭𝐢𝐥𝐢𝐭𝐲)❞***Wal qunnamtii saalaa hin ittifamne kan gahaa ta’e qabaatanii waggaa tokko keessatti otoo ...
20/09/2025

❝𝐃𝐇𝐀𝐋𝐀 𝐃𝐇𝐀𝐁𝐔𝐔 (𝐈𝐧𝐟𝐞𝐫𝐭𝐢𝐥𝐢𝐭𝐲)❞

***Wal qunnamtii saalaa hin ittifamne kan gahaa ta’e qabaatanii waggaa tokko keessatti otoo hin ulfaa’in yoo hafan ‘dhala dhabuu’ jedhamuu danda’a. Haa ta’uu malee kanneen keessaa walakkaan isaanii (Parsantii 50) kan ta’an waggaa itti aanu /waggaa lamataa irratti ni ulfaa’u.

𝐃𝐡𝐚𝐥𝐚 𝐝𝐡𝐚𝐛𝐮𝐮𝐧 𝐢𝐝𝐝𝐨𝐨 𝐥𝐚𝐦𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐪𝐨𝐨𝐝𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚’𝐚:

1. Gonkumaa dhala argatanii/ulfaa’ani kan hin beekne (Primary Infertility)
2. Isaan yoo xiqqaate yeroo tokko ulfaa’anii/dhala argatanii achi booda argachuu dhaban (Secondary Infertility) jedhamee iddoo laman kanatti qoodama.

***Dandeetiin ulfaa’uu/qabachuu (fecundebility) shamara tokkoo marsaa xurii laguu tokkoon parsantii 25, ji’a sadihii keessatti ammoo parsantii 50, Ji’a Jahatti parsantii 75 fi waggaa tokko keessatti isaan parsantii 85 ol ta’an ni qabatu ykn ulfaa’uu ni danda’u. Kanneen hafan parsantii 10- 15% kan ta’an waggaa jalqabaatiin ulfaa’uu dhabuu danda’u. Haa ta’u malee isaan kanaan jala sararree dhala dhaban jechuu keenyaan dura yeroo gaha ta’e (waggaa dabalata tokko) fi qorannoo gahaa ta’e dalagsiisuun barbaachisaa ta’a.

***Dhala dhabuun rakkina shamaraa irraa qofa ta’uu dhabuu danda’a. Akkuma walii galaatti isaan dhala dhaban keessaa parsantii 25 kan ta’an rakkina dhiiraa/abbaa warraa irraa yoo ta’u, parsantii 15-20 kan ta’u ammoo sababa hin beekamneen/ adda bahuu hin dandeenyeen, kan hafe ammoo sababa rakkina shamaraa/haadha warraa irraa ta’uu danda’a. Kanaaf yeroo mana yaalaa qorannoo dhala dhabuutiif deeman isaan lachuu (abbaan warraatiif haati warraallee) argamuu qabu jechuu dha.

***Gabaabumatti shamarri takka ulfaa'uuf Ovaariin Oovuleeshiiniidhaan killee oomishtee, killeen sun ammoo ujummoo gadaamessaatiin ufitti fudhatamee, achitti isparmiidhaan walitti dhufee fartilaayizeeshiini godhee, achi booda makaan isparmiif kille (Zayigootiin) kun gara gadaameessa deemee kessaa gadaamessaa irratti biqiluu qaba jechuudha. Kanaaf dhala dhabuun rakkina ta’iiwaan kanneen keessaa tokko irraatti mudatuun ta’uu danda’a. FKn: –

1. Ovariin Ovuleeshiinii/ killee oomishuu dhabuu/dhaabuu.

2. Ujummoon Gadaamessaa (kan Ovariif gadamessa jiddutti argamu) sababa garagaratin (fkn Infeekshinii gadaamessaa yeroo dheeraaf turen, Opireeshiinii naannoo saniif taasifame fa’aan) cufamuun killeen akka isa keessa darbee isparmiin walitti hin dhufne gochuun.

3. Zaayigootiin (ida’amni isparmiif killee) sun sababa gara garaatiin keessa gadameessaa irratti biqiluu dhabuun (Fkn haxawamuu gadamessaa yeroo ulfi dhanagala’u ykn ulfa garaa keessa baasuuf godhamuun gadameessi sun godaannisa uumuun, uumamaan gadaameessi sirrii ta’uu dhabuun, iitaan biraa keessa ykn gadaameessa irra jiraachuun).

4. Akkasumas dhiira irratti ammoo dhangala’aan dhiiraa sun seelii isparmii gahaa ykn sirrii ta’ee of keessaa qabaachuu dhabuun, sababalee dhala dhabuu keessaa isaan ijoo ta’aniidha.
Kanaaf jaalalleewwan lama waggaa tokkoo oliif wal qunnamtii saalaa gahaa ta’e qabaatanii otoo hin ulfaayin yoo hafan isaan lameenuu mana yaalaa deemanii qorannoolee garagaraa gochuu qabu.
'aa
🙏

baga bara haara 2018ttin isin gahe!!!
11/09/2025

baga bara haara 2018ttin isin gahe!!!

KAANSARII FIIXEE GADAAMESSAA   'CERVICAL CANCER'  dhukkubichaa:  Kaansariin Fiixee Gadaamessaa  yoo seelonnii fiixee gad...
04/09/2025

KAANSARII FIIXEE GADAAMESSAA
'CERVICAL CANCER'
dhukkubichaa:
Kaansariin Fiixee Gadaamessaa yoo seelonnii fiixee gadaamessaatti argaman guddina saffisaa fi too'annoon ala ta'e yoo gaggeessan kan uummamuudha. Kaansarii kanaaf ammoo sababa guddaan weeraramuu fiixee gadaamessaa-Vaayirasii 'Huumaan Paapiloomaa Vaayiras'/HPV/ jedhamuuniidha.
Kanaaf Dubartoonni Saaxilaman Eenyu Fa'a?
1.Dubartiin Walqunnamtii Saalaa raawwate kamuu kaansarii fiixee gadaamessaan qabamuu carraa qabdi. Haa ta'u garuu dubartii umrii ishee ijoollummaan -umrii waggaa 20 gadii walqunnamtii saalaa eegalte carraan isheen kaansarii kanaan qabamuu dubartoota isaan kan caalaa guddaadha.
2.Dhiira tokkoo ol waliin walqunnamtii saalaa rawwachu.
3. Dhiira dubara heddu waliin walqunnamtii saalaa raawwatu wajjiin walqunnamtii saalaa raawwachuu
4.Yoo Ittisni qaamaa sababa gara garaatiin hir'ate ( Dhibeen HIV qaama keessa yoo jiraate, Qorichi fudhatamuu yoo jiraate)
5. Dubartii Dhiibee Walqunnamtii Saalaan daddarbaniin qabamtee beektu.
6.Tamboo Xuuxuu/aarsuu
Dhukkubichi Agarsiisu:
Dhukkubichi mallattoo homaatuu osoo hin agarsiisne waggaa 15-20 turuu danda'a.
mallattoon mulla'achuu danda'an:
>Dhiiguun qaama saalaa dubartii laguu arguu dhaabde irratti mulla'atu kamuu shakkii uuma. Dubartii Laguu agartuu irratti immoo laguu/ xuriidhaan alatti dhiiguu qaama saalaa
>Irra deddeebiin walqunnamtii saalaa booda dhiiga ofirratti arguu
>Dhangala'aa qaama saalaa adda ta'e
>Dhukkubbiin keessoo gadaameessatti namatti dhaga'amuu.

Fi Yaala Fayyaa Kennamu:
* Kaansarii fiixee gadaameessaa sadarkaa qaba waan ta'eef yaalli fayyaa kennamu sadarkaa dhukkubichi irra gahe irratti hunda'a. * Bu'aa yaala fayyaas (prognosis) kan murteessu sadarkuma dhukkubichi yoo baramu irra gaheedha. Yoo Yeroodhaan baramee; yaala fayyaa argate carraa kaansarii kanaan hubamuu parsantii 90'n hir'isuun ni danda'ama.
* Kaansariin Fiixee Gadaameessaa yoo sadarkaa ol-aanaa irra gahe akkuma kaansariiwwan gosa biroo; amala sirna qaamaa kanneen biraatti tatamsa'uu/faca'uu qaba keessumatu gara Sombaa ,Tiruu fi Afuuffee fincaanitti-haala kanaanis lubbuu galaafata.
* Dubartiin waggaa 21 ol taate kan walqunnamtii saalaa raawwate kamuu waggaa 3 keessatti aal tokko qorannoo kaansarii Fiixee gadaameessaa akka taasiftu gorfama.
* Talaallii Vaayirasii huumaan paappilooma ittisuuf kennamus dubartooni fudhachuu qabu.
Hiriyoota keeysaniif Share godhuu hin dagatinaa!
FAYYAA TA'AA;NAGAA HIN DHABINAA!
Dr. Hamza Jemal Yunivaristii Harvarditti Gargaaraa Piroofessoraa September 2/2025 Cambridge Massachusetts, USA 🇺🇸 irraa.

JEEQAMUU MARSAA LAGUU******************************************♤ Dubartiin tokko laguu kan agartu waggaa 12/ 13 irraa ka...
04/09/2025

JEEQAMUU MARSAA LAGUU
******************************************
♤ Dubartiin tokko laguu kan agartu waggaa 12/ 13 irraa kaasteeti , achiin booda guyyaa 21 hanga 35 tti ykn gidduu galaan guyyaa 28 tiin marsaan laguu itti fufa.
• guyyoota 2-7 ykn 1- 8 ti kan dhangala'uu dha.
dhiigni daalacha ykn kan hin itinnee dha.
• miira dhukkubbii salphaan ni jiraata
• laguun kan dhaabbatu jiddu galaan waggaa 45-55 tti.
♤ jeeqamuu marsaa laguu kan jedhamuu yoo guyyaa 8 ti ol irra ture, yoo garmalee itti baayyate, guyyaa 21 gaditti ykn 35 olitti kan isaanitti dhufu yoo ta'e.
👉 waayita wal quunnamti kan dhiigu, kan baayyatuu fi kan irra turuu fi kkf
👉dhibeen kun harki irraa caalaan kan dhibee biraatin hin dhufne dha.
👉sababa jeequmsa marsaa laguutin kan dhufan hir'ini dhiiga fi kkf isaan qunnamuu danda'a kanaf yeroo rakkoon akkana kun isiin mudate gara mana yaalaa deemuun of qorachiisuun baayyee gaariidha.

Laamsha'u Fuulaa (Bells Palsy)*******************************Rakkoon narvii mataa 5ffaan(facial)  laamshahuu maashaalee ...
02/09/2025

Laamsha'u Fuulaa (Bells Palsy)
*******************************
Rakkoon narvii mataa 5ffaan(facial) laamshahuu maashaalee kanneen akkaa
®Maashaa fuula
®Sochii Ija
®Arrabaa
Dhibee ''Bell palsy'' jedhama.
Dhibeen kun umrii hin filatu
Sababni dhibeen kun dhufuun
*Infeekshini
-Vaayirasii herpas simplaksi(HSP)
-Vaayirasi herpas zoosteri
-HIV/AIDS
*Dhibee sukkaara
*Dhiibbaan dhiigaa
*Kaansarii
*Dhaalmaa
Hawaasa biratti hafuura seexaanan beekama
Mallattoo dhibee kanaa
-Gogaan gurraa duubaa laalatu
-Seeqachuu dadhabuu
-Ija banachuu fi libsachu dadhabuu
-Imimmaan ija hir'achu
-Miirri dhandhammii diduu
Qorannoo godhamu
-Seelota dhiigaa guutuu-CBC
-HIV..
-MRI
Wol'aansa
-Dawaa predinsolone +Acyclovir
-Imimmaan namtolchee-artificial tear
-Gogilii ijaa (eye goggle) uffachuu
Xaxaa fiduu
-Ji'a 3-6tti dhukkubsattoni %70 ni fayyu
-Dhukkubichi %10 irraa goomu dhabuu maluu.

FAAYIDAALEE BISHAAN QABBANAA’AAN QAAMA DHIQACHUUN SAMMUUF QABU°°°°°°°°°°°°° Baayyeen naamootaa gaafa bishaan diilallaan ...
28/08/2025

FAAYIDAALEE BISHAAN QABBANAA’AAN QAAMA DHIQACHUUN SAMMUUF QABU
°°°°°°°°°°°°°
Baayyeen naamootaa gaafa bishaan diilallaan dhiqachuu yaadan kan isaanitti mullatu diilalla bishaaanichaan gaafa hafuuraa citan ykn harganuu dadhabuun yeroo dhiphatan fi mijuu ofii yoo dhaban natti fakkata.

Kana hambisuuf kan danda’u elektrikiin,kaanibiddaan kaan ho’a aduutiin bishaan ho’isuunqaama ofii dhiqachuun amala baratamaa dha.

Yeroo ammaa kana qorannooon gara garaa
bishaan qabbanaan qaama dhiqachuu
amaleeffachuun fayyaa ofiitiif faayidaa hedduu akka qabu ni ibsu.

Faayidaaleen bishaan diilallaan qaama
ofii deddeebisanii dhiqachuun fayyaa sammuuf keennu muraasani kunooti.

1). Dhugaa addunyaa kanaa amananii akka
fudhatan nama taasisa (acceptance). Ganama
hirribaa ka’anii ykn galgala erga aduun galtee
bishaan diilalla qaama ofiitti naquun yeroo
sanaaf mijuu ofii namarraa mulqa.Garuu yeroo
bishaanni diilalli kun qaama keessan irra
dhangala’u yeroof mijuu dhabuu sana keessa
taatanii yoo tasgabbiin hubattan, addunyaa kana irratti waantota isin jaallattan qofa utuu hin ta’in kan isin hin feene illee isin irratti ta’uu akka danda’an isin agarsiisa.

Kun immoo isinis akkuma namoota kaanii nama qofa akka taatanii fi waan hunda furuu akkaa isin hin dandeenyee fi hundi furmaata akka hin barbaanne isin yaadachiisa.

Gaafa irra deddeebiin kana gootan waan hiikuu hin dandeenye fudhachuu Sammuu keessan shaakalchiisaa jirtu jechuudha. Sammuun akkasiin shaakale waantoota humna keessanii olii (fedhii keessan malee) addunyaa keessan keessatti isin mudataniif hin suukannaa’u darbeeyyuu tasgabbiin fudhachuun wajjin jiraachuun rakkoo sammuu irraa isin oolcha.
-------
2). Aarii hir’isuuf baayyee gargaara. Namni waa danda’uu fi akka dhufaatii isaatti tasgabbiin hiikuu shaakale aariis ta’e miiroota ofii biroo salphaatti to’ochuu danda’a. Kun immoo gochoota badii miiraan godhaman hedduu irraa nama baraaruun,Sammuu fayyaa-qabeessa godha.
--------
3. Dammaqina namaaf kenna. Gaafa bishaan
qabanna’aa qaama ofirra dhangalaasan qilleensa baay’inaa fi ariitiin gara somba ofitti galchuuf nama dirqisiisa; kun immoo oksijiinii (oxygen) baayyeen gara qaama ofii akka seenuu fi qaamota barbaachisoo akka sammuutiif akka ga’u godha.
Oksijiinii baayyeen gara Sammuu
ga’e Sammuun anniissaa baayyee akka argatuu fi dammaqaa akka ta’u taasisa.
-------
4. Dhibee mukaa’uufi yaaddoo (anxiety) hamaa (depression) ni ittisa, namoota dhibee kanaan qabamanis dhibee kana irraa isaan furuuf ni gargaara. Gogaa namaa irra narvii ho’a to’atan caalaa kan diilalla to’atantu baay’naan faca’ee argama; kanneen gaafa bishaan qabbana’aan qaama namaa tuqu,ergaa kana dafanii gara sammuutti geessu.
Kanaan sammuun keenya keemikaaloota akka indoorfiin kan dhukkubbii namaa hir'isuufi Dooppamiim kaka'umsaaf tolu akka maddisiisuufi argatu taasisa.
Kun Sammuun akka dammaquu fi kaka’u godha,yoona kana mukuunis ni bada jechuu dha. Kanarraa ka’uun dhibee kanaaf akka yaala tokkootti haaydirooteeraapii (hydrotherapy) jedhamee ganama ganama bishaan qabbana’aan dhiqachuun ni kennama.
--------
5. Dhiirootaaf fedhii saal-quunnamtii fi dandeettii hormaataa ni dabala. Sanyiin dhiiraa ho’ina qaama namaa dandamachuu waan hin dandeenyeef cidhaan namaa gaafa ho’aa qaama namaa irraa gadi rarra’ee gaafa qorraa ol deebi’uun kunuunsa godhaaf. Egaa bishaan qabbanaan dhiqachuun mijuu sanyiin dhiiraa barbaadu kana kennuufiin dalagaa isaa sirriitti akka raawwatu ni gargaara.
Darbees keemikalaa teestestiroonii (testosterone) jedhamu kan fedhii saal- quunnamtii fi wal hormaataaf gargaaru akka burqu gochuun namootni saalquunnamtii fayyaa- qabeessa akka akka qabaatan taasisa.
---------
6. Abdii fi ‘nan danda’aa ’ nama keessatti uuma.
Waanta hin barbaanne dandeessanii rakkoo isaa dandamattanii guyyaa guyyaan gochuun ofitti amanummaa keessan guddisuun ‘nan danda’a hafuura jedhuun isin guuta.
--------
7. Ulfaatina qaamaa hir’suuf baayyee faayida
qabeessa. Akkuma hunduu beeku yeroo kana
namootni baayyeen keessattuu dubartoonni
waa’ee ulfaatinaa fi bifa isaaniitiif baayyee
dhiphatu. Namootni kun ofitti amanuu dhabuu fi ilaalchi ofiif qaban hir’achuun dhibee Sammuu gara garaatiif (depression, body dysmorphic disorder) akka saaxilaman beekamaa dha. Egaa ganama ganama bishaan qabbana’aan qaama ofii dhiqachuun ulfaatina ofii hir’isuun mala rakasa fi
salphaan fayyaa sammuu ofii eguu dha.
----------
8. Kan nama dhibu yoo gara galgalaa bishaan diilallaan qaama ofii dhiqatan hirriba qulqulluu fi boqonnaa qabu rafuuf akka fayyadu qorattoonni baayyeen ragaa ba’u.'

Hub:Fayyaa sammuu/xiinsammuu keenya eeggachuuf waantootni nubarbaachisan kana qofa miti, waantoota biroo biratti kana yoo daballee goone galtee gaarii nuuf taha jechuudha malee kun qofti furmaata jechuu miti.Kanaaf faayidaalee armaan olitti jenne kana argachuuf haala jireenyaa fayyaleessa (life style) keessan keessa tokko walitti fufiinsaan bishaan qabbanaan dhiqachuu amaleeffadhaa.

FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU

Address

Grawa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kiliinika dabbaal posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share