13/09/2017
Nagaan Waaqayyoo Hundummaaf haa ta'u .yaada keessan isa gorsaaf jajjabinaan guuteef galatoomaa Waaqayyo isin haa eebbisu.
yaada nama tokko irraa waanti hubatamu hedduutu jira. kaleessa kan nama yaadachiisu, harr'a kan nama dammaqsu fi fulduratti kan nama tarkaanfachiisu argachuun ni danda'ama. KANAAF yaadi hunduumtuu fayidaa mataa isaa qaba.
"Namni qixxa ga'e tti haa deddeebi'u" jedha Sagaleen Waaqayyoo. kun jechuun sadarkaan hubannaa namootaa tokko akka hin taane nutti hima. Qixxa nuti jirru kan madaalu yeroo dha. Wangeelli akka jedhu "Waanti hundumtuu yeroo qaba " . Waanti yeroo isaa fi iddoo isaa malee raawwatamu hundumtuu faayidaa hinqabu yookiin xiqqoo dha jechuu dha. Ganna 150 ol Wangeelli biyya keenya tti lallabamee hanga yaadame ball'achuun fi deemee fagaatee bakka yaadame hin ga'in hafuun isaa maaliif gaaffii jedhuuf deebii atattamaa kan barbaaduu dha.? Macca hundumaatti sagalee Gooftaa Yesuus lallabuun ergama duula Wangeelaa manaa baaneef ta'ee utuu jiruu Wangeela coba manaa dabarsuu dadhabuun keenya hubannaa fi beekumsa dubbii Waaqayyoo nuti qabnu maal akka fakkaatu sakata'uu dhaan akka ilaallu nuyaadachiisa. Qixxa geenyee jirrus ifatti baasee mullisee jira.
Jaarraa 1, fi 1/2 wangeela oromoon oromootti lallabeen lubbuun fayye %10 jedhamee yaadama. OROMOON %90 (90% of oromo) Wangeela hindhageenye .
Muuxannoon baha Afriikaa (West Africa ) fi Kibba kooriyaa (South Korea ) raawwatee keenya irraa adda fi faallaa dha.
kuni egaa ammas nubira hanqinni tokko akka jiru sagalee guddaa dhaan dubbata jira. sababni kanaa maal jettanii yaaddu?
Duula Wangeelaa geggeeffamaa turee fi jiru keessa tti sababni boojuun keenya yarateef maal akka ta'ee beekuuf yeroo dheeraa fuula Waaqayyoo tti kadhataa fi himataan dhiyeessaan ture. Waaqayyoo kadhata koo dhaga'ee deebii naaf Kenne.
Akkas naan jedhee:- "Duulli , faarffattoota Meeshaa isaanii hidhatanii ba'an ofdura kan buuse yoo ta'ee , boojuu hedduu walitti qabata. " jedhee natti dubbate.
Meeshaan qabsoo injifannoo boonsaa gonfchiisu faarffattoonni hidhatanii duula dura adeeman kunis Dibata , faarfannaan fi Meeshaa faarfannaa qindaawaa akka ta'ee ballinaa fi gadfageenyaan nahubachiise. Waaqayyoo tti nan gammade mull'ata haaraas naaf Kenne .
Qabiyyeen "Meeshaa Faarfannaa qindaawaa" jedhu seenaa Wangeelaa waliin walqabsiifnnee yeroo itti aanutti ballinaan kan irratti mariyannu ta'a.
Egaa obboloonni hinaaffaa Wangeela fi jaalala saba wangeela hindhaga'in jiranii qabdan yaada keessan ittisa tokko malee saba haala garaagaraa keessa jiraatee isin dhaggeeffatuuf ogummaa dhaan ibsaa.
Mariin keenya walfaana deemuuf akka ta'utti Waaqayyo wa'ee bara kanaa Dubbateeraa? Maal Jedhee? " YEROON KUN ANAAF, ANARRATTI , maal hojjechaa jira? ANI YEROO KANAAF YEROO KANARRATTI maal hojjechaan jira? " Barri kun kallatti ani arge qofaan mull'attii? Kallattii ani hin argin jirru jiraa laata? Wangeelattu qaroominatti (Ammayyummaatti ) nuun fidemoo nu'itu qaroomina (Ammayyummaatti) gara Wangeelaatti fide. Beekumssi koo beekumsa kan biroo keessa tti maal fakkaata.
yeroo keessan laattanii waan dubbistaniif galatoomaa.