11/05/2026
……………
📖 Mat 16:¹³ Yesus gara naanna'aa mandara Qiisaariyaa Filiphos yommuu dhaqe, "Namoonni ilma namaatiin eenyu jedhu?" jedhee bartoota isaa gaafate. ¹⁴ Isaan yommus deebisanii, "Kaan 'Inni Yohannis cuuphaa dha' jedhu, kaan inni Eliyaas', kaanis inni Ermiyaas yookiis raajota keessaa tokko jedhu" jedhan. ¹⁵ Yesus immoo, "Isinoo, eenyu anaan jettu?" jedhee isaan gaafate. ¹⁶ Simoon Phexros deebisee, "Ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa ti" jedhe.
✍️ Barnoota keenya walitti fufiinsaan barachaa turre keessatti eenyummaa kiristoos bifa gara garaatiin ilaalaa turre.
✍️ Isa keessaa tokko kiristoos ogummaa waaqayyoo ta'uu isaa caqasneerra.
✍️ Kanaaf har'as mata duree dhuma kana jalattan, dubbii waaqayyoo isiniif qoida.
👉 Namni barachuudhaan beekumsa argata. Waan hin beekne baruuf beekuu danda’a.
👉 Maddi ogummaa garuu Waaqayyodha.
📖 Iyob 12:13 "Ogummaanii ti aangoon kan WAAQAYYOOTI, gorsuunii ti hubachiisuunis kanuma isaa ti”.
✍️ Madda ogummaa waan ta’eef inni wallaalotayyuu hin hubachiisa.
📖 Fars 19:7 Seerri WAAQAYYO guutuu dha, lubbuu namatti in deebisa; wanti seerri WAAQAYYO dhugaa ba’u amanamaa dha, inni wallaalota iyyuu beektota in godha.
👉 Ogummaa qabaachuun kee bu’aansaa namaaf utuu hin taaneef sumaafi.
📖 Lall 10:10 Qottoon doome yoo qaramuu dhaabaate, humna baay'ee in fixa; ogummaan garuu hojii namaa in hisachiisa.
👉 Ogeessa gaafa taatu bu’aansaa kan keeti, gaafa dhabdus miidhaansaa kan keeti.
📖 Lall 7:19 Wanta bulchitoonni kudhan mandara tokkoof hin hojjenne, ogummaan nama ogeessa tokkoof hojjetti
👉 Barri nuti amma keessa jirru kun bara dhumaa waan ta’eef ogummaan deddeebi’uuf jiraachuun baay’ee murteessaadha.
📖 Efes 5:16-17 Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta'iniitti hin jiraatinaa. Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta'aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa.
· Kanaaf daani’el bara dhumaa jala ogummaan in barbaadama jedha.
📖 Dan 11:33 Ogeessonni saba keessatti argaman namoota baay'ee in hubachiisu; haa ta'u iyyuu malee, guyyaa muraasaaf billaadhaan, arraba ibiddaatiin, booji'amuudhaan, saamamuudhaanis gad in qabamu.
👉 Kana keessatti ogummaan in barbaadama; lakkoobsi kun maqaa namaatiif waan dhaabatuuf, namni sammuu qabu lakkoobsicha lakkaa'ee bira ga'uu in danda'a; lakkoobsi isaa immoo dhibba ja'aa fi jaatamii ja'a. (Mul 13:18)
👉 Waaqayyo uumama kana gaafa uumu biyya lafaa kana gaafa uumu, dhala namaaf akkasumas bineensotaafillee ogummaa isaan ittiin of oolchan kenneeraaf.
===== OGUMMAA Waaqayyoo isa ta'e QABAADHU/የእግዚአብሔር ጥበብ የሆነውን ጥበበ ይኑርህ/ Have the Godly wisdom=====
📖 IYOB 39:13-18 "Guchiin gammachuudhaan baallee ishee walitti rukutatti, garuu baalleen ishee akka isa allaattiin hawaannisaa ittiin balali'u miti. Isheen hanqaaquu lafatti in hanqaaqxi, biyyoon akka itti ho'uuf, achumatti dhiiftee in adeemti; garuu miilli akka buruqsu, bineensis akka irra ejjetu hin yaadattu. Akka waan kan ishee hin ta'iniitti cuucota isheetti garaa jabaatti, akka waan lafuma duwwaa miixatteettis hin yaaddoftuuf. Ani WAAQAYYO ogummaa hin kenniniifan hafe, hubachuufis qooda hin laanneef. Isheen yeroo ol fudhattee fiigdu immoo, fardaa fi abbaa fardaatti in kolfiti.
👉 Kutaa kana gaafa ilaallu waaqayyoo guchiidhaan qabee waa’ee ogummaa nu barsiisa.
👉 Guchiin koochoo ishee rkutattee gaafa kaatu fardaaf abbaa fardaa caalti
👉 Humna jabaa qabdi, dandeettii ilaaluun ishee DIGRII 360 ofirra naannessitee ilaaluu dandeessi qulqullinaan.
👉 Garuu Waaqayyo ogummaa waan isheef hin kennineef, waa hubachuu hin dandeessu, Kanaaf:
☝️Itti miixattee hanqaaquu hanqqaxee kaatee biyyoo ykn ashawwaan akka itti ho’uuf achitti dhiistee deemti.
☝️Cuucotaaf hanqaaquu ishee bineensonni caakkaa irra ejjetu jalaa nyaatus
☝️Akka waan ofii miixattee hin dhallleettii hin yaadduuf ogumaaf hubannaa waan hin qabneef.
☝️Ogummaa waan hin qabneef dadhabbiin ishhee lafa onaatti jalaa bada.
✍️ Waaqayyo akkuma guchii kanaaf ogummaa hin laanneef, bineensota kaan kan inni ogummaa kenneefis immoo jiru.
✍️ Isaan keessaa mixii yoo ilaalle, ishiin uumama dadhabduu taatee, garuu ogeettiiidha.
☝️Kanaafuu Solomoon nama dhibaa’aadhaan, "dhaqii mixiirraa baradhu" jedha.
☝️ Sababiinsaa Mixiin har’a irra dhaabattee bor beekti, caamsaarra dhaabattee ganna beekti.
📖 Fakk 6:6-11 Ati namicha dhibaa'aa nana, mee dhaqii mixii ilaali, akka isheen itti jiraattu yaadaan qabi, ogeessas ta'i! Isheen geggeessituu, eegduu, mootiis hin qabdu; kana keessaa immoo waan ishee barbaachisu bona in tuullatti, nyaata ishees yeroo makarii walitti in qabatti. Ati dhibaa'aa nana, hamma yoomiitti ciifta? Hirriba keessaas yoom kaata? Ciisuudhaaf harka kee wal irra in qaxxaamursita, yeroo muraasa in mugda, yeroo muraasa in rafta; hiyyumni akka saamtuutti, dhabinnis akka nama mi'a lolaa hidhateetti sitti in dhufa.
☝️Ega har'a kan ilaallu waa’ee bineensaa utuu hin taane, ogummaa waaqayyo dhala namaa barsiisuuf kennedha.
NAMNI GAAFA OGUMMAA DHABU MAAL TA’A?
⓵. SODAA WAAQAYYOO DHABA
✍️ Namni gaafa ogummaa dhabu, sodaa waaqayyoo hin qabu.
✍️ Macaafni qulqulluun, "Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaati" jedha (Fakk 1:7)
📖 Fakk 1:7 WAAQAYYOON sodaachuun jalqaba ogummaa ti, gowwoonni garuu ogummaa fi barsiisa in tuffatu.
✍️ Namni ogummaa dhabuu isaarraa kanka'e, sodaan waaqayyoo jireenyasaa keessa waan, 'freedom' jedhee: akka barbaadeetti jiraachuu, akka barbaade dubbachuun, irra darbeeyyuu akka bineensa caakkaatti jiraachuu jalqabe.
👆 Kanaaf macaafni:
✍️ OgeessotA utuma ofiin jedhanii gowwooman.
✍️ Ulfina waaqayyoo isa hin duune bifa nama du’uuf bifa bineensaatti jijjiiran.
✍️ Kanaaf Waaqayyo gocha nama leeyyasisu gochuutti dabarsee isaan kenne" jedha.
📖 Rom 1:22-24 Ogeessota utuma ofiin jedhanii gowwooman. ulfina WAAQAYYO isa hin duunee, bifa nama isa du'uutti, bifa simbirrootaatti, bifa bineensa miilla afuriitti, bifa warra lafa irra munyuuqaniittis diddiiran. Kanaafis WAAQAYYO kajeellaa garaa isaaniitiin xuraa'ummaatti, walii isaanii gidduuttis dhagna isaanii salphisuutti dabarsee isaan kenne.
✍️ Namni ulfina qabeessi akka bifa Waaqayyootti uumame kun, ogummaa jalqaba ittiin uumame sababa kufaatii cubbuutiin waan dhabeef, hubannaa waan hin qabneef, bineensatti fakkeeffamee waa’eensaa raawwatama.
📖 Fars 49:20 Namni ulfina qabaatee hubannaa dhabe, horiitti yookiis bineensatti fakkeeffamee, waa’een isaa in raawwatama.
❷. WAAQAYYOON BARBAADDACHUU HIN DANDAA’AAN
✍️ Phaawuloos, "warra karaa badiisaa irra jiraniif waa’een fannoo kiristoos gowwummaadha, warra karaa fayyinaa irra jiraniif garuu humna waaqayyooti" jedha.
📖 1Qor 1:18-22 Waa'ee fannifamuu KIRISTOS dubbachuun warra karaa badiisaa irra jiraniif gowwummaa dha; nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu, Inni humna WAAQAYYOOTI. Caaffann qulqullaa'aan, "Ogummaa warra ogeessotaa nan balleessa, hubannaa warra hubattootaas lafatti nan dabala" in j edha. Egaa namni ogeessi eessatti hafa ree? Barsiisaan seeraas eessatti hafa ree? Dubbi-beekaan bara si'anaas eessatti hafa ree? WAAQAYYO ogummaa biyya lafaa kanaa gowwummaa godheera mitii ree. Biyyi lafaa ogummaa ofii isaatiin WAAQAYYOON isa ogummaadhaan guute beekuu dadhabnaan, gowwummaa barsiisa isa nuyi lallabnuutiin warra amanan fayyisuun WAAQAYYOTTI tole. Yihudoonni illee milikkitoota gaafatu, Giriikonni immoo ogummaa barbaadu. Nuyi garuu, KIRISTOS isa fannifame in lallabna; kun immoo warra Yihudootaatti gufuu dha, warra Yihudoota hin ta'initti immo ogowwummaa dha. Warra WAAQAYYO waameef garuu Yihudootaa fi taanaan Giriikotaafis taanaan, KIRISTOS humna WAAQAYYOOTI, ogummaa WAAQAYYOOTIs
✍️ Ogummaan biyya lafaa kun Waaqayyoon biratti gowwummaadha.
✍️ Namni ogummaa biyya lafaa Kanaan Waaqayyoon beekuu hin danda’u.
✍️ Warra karaa badiisaarra jiraniif dubbiin fayyisuu Yesuus kiristoos gowwummaadha.
✍️ Ogummaan isaanii inni bor baduuf jiru akka isaan dhugaa waa’ee Waaqayyoo hin hubanneef isaan danqe.
📖 Faarsaa 14:1-2 Gowwoonni garaa isaaniitti, “WAAQAYYO hin jiru” in jedhu; isaan amalli isaanii manca’aa dha, wanta ciiggaasisaa in hojjetu, namni waan gaarii godhu tokko illee hin jiru. Ogeessonni WAAQAYYOON barbaadan, yoo jiraatan arguudhaaf, WAAQAYYO bantii waaqaa keessaa, ilmaan namootaa gad in ilaala;
✍️ Har’as baay’een falaasama amantiin, beekumsa biyya lafaatiin beekumsa yeroo isa har’a jiru bor baduun, Waaqayyoon baruu waan hin dandeenyeef badaniiru, badaas jiru.
✍️ Macaafni qulqulluun, "Ilma tokkicha isa abbaa bukkee jirutu waa’eesaa hiikee nu beeksise malee, eenyuyyuu takkumaa Waaqayyoon hin argine " jedha.
📖 Yoh 1:18 Homtinuu takkaa WAAQAYYOON hin argine, ilma tokkicha isa abbaa bukkee ture sanatu waa'ee isaa hiikee beeksise malee.
👆 Waaqayyo, karaa nuti ittiin isa beeknu, karaan nuti ittiin dhugaa hubannu, karaa nuti ittiin fayyinu, kiristoosiin ogummaa keenya godhee nuuf kenne.
📖 1Qor 1:30 KIRISTOS Yesuitti jiraachuun keessan WAAQAYYO biraa ta'e; WAAQAYYO KIRISTOSin ogummaa keenya nuuf godhe. Isumaan qajeelota taanee, WAAQAYYOOF qulqulloofnee in furamna.
👆 Ogummaan biyya lafaa inni baduudhaaf jiru kun, dubbii dhoksaa ogummaa kana hin hubanne; utuu hubataniiru ta’ee gooftaa ulfinaa kana hin fannisan turan.
📖 1Qor 2:6-8 Haa ta'u iyyuu malee, ogummaa bara si'anaa, yookiis ogummaa warra biyya lafaa kana seerratanii, ofiis golgolaa'uuf jiranii, yoo ta'uu dhaabaate iyyuu, warra bilchaatan keessatti immoo dubbii ogummaa in dubbanna. Nuyi dubbii dhoksaa ogummaa WAAQAYYO isa hin beekamin ture sana dubbanna; WAAQAYYO ulfina isaa irraa akka hirmaannuuf uumamuu biyya lafaa dura ogummaa sana yaadee qopheesse. Warra biyya lafaa kana seerratan keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; utuu hubataniiru ta'ee, gooftaa ulfinaa hin fannisan turan.
✍️ Ogeessa gaafa taatu: akkamitti akka deddeebitus beekta; akkamitti akka jiraattu beekta; kanaaf of oolchita.
====== English Translation ======
✍️ Introduction: Who is Christ?
📖 Matthew 16:13 When Jesus came to the region of Caesarea Philippi, he asked his disciples, “Who do people say the Son of Man is?” 14 They replied, “Some say John the Baptist; others say Elijah; and still others, Jeremiah or one of the prophets. 15 But what about you?” he asked. “Who do you say I am?” 16 Simon Peter answered, “You are the Messiah, the Son of the living God.”
👆 In the continuous lessons we have been sharing together, we have looked at the identity of Christ in various ways.
👆 Among those, we previously mentioned that Christ is the wisdom of God.
👉 Therefore, today as well, I will share the Word of God with you under this final topic.
👉 A person gains knowledge through learning. One can learn to know what they did not know before. However, the source of wisdom is God.
📖 Job 12:13: “To God belong wisdom and power; counsel and understanding are his."
👆 Because He is the source of wisdom, He gives understanding even to the simple (untaught).
📖 Psalm 19:7: "The law of the Lord is perfect, refreshing the soul. The statutes of the Lord are trustworthy, making wise the simple."
👉 Having wisdom benefits you, not others—it is for your own good.
📖 Ecclesiastes 10:10 "If the ax is dull and its edge unsharpened, more strength is needed, but skill [wisdom] will bring success.
When you are wise, the benefit is yours; when you lack it, the harm is also yours."
👉 Because the era we are living in now is the end times, living and walking in wisdom is extremely crucial (Ephesians 5:15-16).
👉 This is why Daniel says wisdom is highly sought after during the end times.
📖 Daniel 11:33: “Those who are wise will instruct many; though for a time they will fall by the sword, or be burned, or captured, or plundered."
✍️ Wisdom is highly required:
📖 Revelation 13:18: "This calls for wisdom. Let the person who has insight calculate the number of the beast, for it is the number of a man. That number is 666."
👆 When God created this universe and this world, He gave both humans and even animals a form of wisdom (instinct) to save and protect themselves.
======= HAVE 'THE WISDOM OF GOD' =======
📖 Job 39:13-18 > “The wings of the ostrich flap joyfully, though they cannot compare with the feathers and pinions of the stork. She lays her eggs on the ground and lets them warm in the sand, unmindful that a foot may crush them, or that some wild animal may trample them. She treats her young harshly, as if they were not hers; she cares not that her labor was in vain, for God did not endow her with wisdom or give her a portion of good sense. Yet when she spreads her feathers to run, she laughs at horse and rider."
👆 When we look at this passage, God teaches us about wisdom by using the ostrich as an example.
👆 When the ostrich flaps her wings and runs, she can outrun a horse and its rider.
✍️ She possesses great physical strength, and her vision is so sharp that she can see in a clear 360-degree range around herself. However, because God did not give her wisdom, she cannot understand or process things. Because of this:
☝️ She labors to lay her eggs, but then simply leaves them in the dirt or sand to stay warm and walks away.
☝️ She does not consider that wild beasts might trample or eat her eggs and chicks.
☝️ She behaves as if she did not give birth to them herself because she lacks wisdom and understanding.
☝️ Because she lacks wisdom, her labor in the wilderness goes to waste.
👉 Just as God did not give wisdom to the ostrich, there are other small creatures to whom He did give wisdom.
👉 Among these, if we look at the ant, it is a weak creature, yet it is exceedingly wise.
👉 This is why Solomon tells a lazy person, "Go to the ant and learn."
☝️ The reason is that the ant stands in today and knows about tomorrow; it stands in the dry season and prepares for the rainy winter.
📖 Proverbs 6:6-11 > Go to the ant, you sluggard; consider its ways and be wise! It has no commander, no overseer or ruler, yet it stores its provisions in summer and gathers its food at harvest. How long will you lie there, you sluggard? When will you get up from your sleep? A little sleep, a little slumber, a little folding of the hands to rest—and poverty will come on you like a thief and scarcity like an armed man.
☝️ What we are looking at today is not merely about animals, but rather the wisdom God uses to teach human beings.
WHAT HAPPENS WHEN A PERSON LACKS WISDOM?
⓵. They lack the fear of God.
👉 When a person lacks wisdom, they do not have the fear of God.
👉 Scripture says, "The fear of the Lord is the beginning of wisdom" (Proverbs 1:7).
📖 Proverbs 1:7 > The fear of the Lord is the beginning of knowledge, but fools despise wisdom and instruction.
👉 Because of a lack of wisdom, the fear of God is absent from their lives. Under the guise of "freedom," they live however they want, speak however they want, and ultimately begin to live like wild beasts.
✍️ That is why the Scripture says, "They exchanged the glory of the immortal God for images made to look like mortal humans and animals. Because of this, God gave them over to shameful ways."
📖 Romans 1:22-24 "Although they claimed to be wise, they became fools and exchanged the glory of the immortal God for images made to look like a mortal human being and birds and animals and reptiles. Therefore God gave them over in the sinful desires of their hearts to sexual impurity for the degrading of their bodies with one another."
👉 A human being, created honorable and in the image of God, loses the original wisdom they were created with due to the fall into sin. Lacking understanding, they become like beasts, and their lives end in ruin.
📖 Psalm 49:20: "People who have wealth but lack understanding are like the beasts that perish."
❷ They Cannot Seek or Strive to Know God
👉 Paul says, "For the message of the cross is foolishness to those who are perishing, but to us who are being saved, it is the power of God."
📖1 Corinthians 1:18-24 "For the message of the cross is foolishness to those who are perishing, but to us who are being saved it is the power of God. For it is written: “I will destroy the wisdom of the wise; the intelligence of the intelligent I will frustrate.” Where is the wise person? Where is the teacher of the law? Where is the philosopher of this age? Has not God made foolish the wisdom of the world? For since in the wisdom of God the world through its wisdom did not know him, God was pleased through the foolishness of what was preached to save those who believe. Jews demand signs and Greeks look for wisdom, but we preach Christ crucified: a stumbling block to Jews and foolishness to Gentiles, but to those whom God has called, both Jews and Greeks, Christ the power of God and the wisdom of God."
👉 This worldly wisdom is foolishness in the sight of God.
👉 A person cannot know God through worldly wisdom.
👉 To those on the path of destruction, the message of salvation through Jesus Christ is foolishness.
👉 Because their temporary, fleeting wisdom has blocked them from understanding the truth about God.
✍️ The fool says in his heart, “There is no God.” (Psalm 14:1-2)
✍️ Today, many have perished and are perishing because they try to find God through religious philosophy and worldly knowledge—knowledge that is here today and gone tomorrow—and they fail to know Him.
👇 Holy Scripture says: "No one has ever seen God, but the one and only Son, who is himself God and is in closest relationship with the Father, has made him known."
📖 John 1:18 > No one has ever seen God, but the one and only Son, who is himself God and is in closest relationship with the Father, has made him known.
👆 God gave us Christ as our wisdom so that we may know Him, understand the truth, and be saved.
📖 1 Corinthians 1:30 > It is because of Him that you are in Christ Jesus, who has become for us wisdom from God—that is, our righteousness, holiness, and redemption.
✍️ This fleeting wisdom of the world did not understand the hidden mystery of this true wisdom; if they had, they would not have crucified the Lord of glory.
📖 1 Corinthians 2:6-8 > We do, however, speak a message of wisdom among the mature, but not the wisdom of this age or of the rulers of this age, who are coming to nothing. No, we declare God’s wisdom, a mystery that has been hidden and that God destined for our glory before time began. None of the rulers of this age understood it, for if they had, they would not have crucified the Lord of glory.
✍️ When you are wise, you know how to conduct yourself; you know how to live; and because of this, you save yourself.