18/11/2025
Dhibee Vaayirasii Marbargii (Marburg Virus) ilaachisee ibsa Biiroo Fayyaa Oromiyaa
Gosoota ‘Viral Hemorrhagic fever’ keessaa tokko kan ta’e Vayrasiii Marbargii (Marbarg Virus) Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Magaalaa Jiinkaatti mudachuu Ministeerri Fayyaa Federaalaa beeksisuu isaa hordofee Biiroon Fayyaa Oromiyaa odeeffannoo wayitaawaa haala qabatamaa naannoo keenyaa kennuu barbaada.
Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Tasfaayee Kibabaw ibsa haala qabatamaa dhibee Kanaan walqabatee naannoo Oromiyaa keessa jiru ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin akka ibsanitti Dhibeen Vaayirasii Marbarg tiin dhufu kan namarraa namatti darbu tuttuqqii qabiyyee qaamaa (dhiiga, tishuu faalamaa, fi kanneen biroo), tuttuqqqii meeshaalee faalamaniitiin, tuttuuqqii beeyladoota dhibee Kanaan qabamanii, tuttuqqii reeffaa of eeggannoo hin godhamne faa ta’uu himan .
Namoonni dhukkuba Kanaan qabamanis mallattoolee kanneen akka afaaniin/funyaaniin/gurraan dhiiguu, ho'iinsa qaamaa, garaa kaasaa fi haqqee, qolli keessoo ijaa diimachuu, dhukkubbii maashaa fi buusaa, dadhabsiisuu fi kkf kan agarsiisan yoo ta’u, mallattooleen kunniin nama tokko irratti yoo mul'ate dafanii gara dhaabbata fayyaa deemuun qoratamuu akka qaban kaasanii jiru.
Dhibeen Vaayirasii Marbargii hanga ammaatti Naannoo Oromiyaa keessatti kan hin mul'anne yoo ta’u, dhibeen kun gara Naannoo keenyaatti akka hin babal’anneef Biiroon Fayyaa Oromiyaa daangaa irraa eegalee iddoo hundatti qaamolee deeggartootaa waliin qindaa'uun muuxannoo akka addunyaa fi naannootti jiru hunda fayyadamuu dhaan qophii adda addaa taasisaa jiraachuus ibsanii jiru.
Dr. Tasfaayeen itt dabaluunis, qulqullina dhuunfaa fi naannoo keenyaa eegachuun, namoota mallattoo kunniin irratti mul'ate waliin tuttuqqii of eeggannoo hin qabne taasisuu dhiisuun, harka ofii bishaanii fi saamunaan idileessanii dhiqachuu fi gorsa ogeeyyiin fayyaa kennan hojiirra oolchuun ofirraa ittisuun akka danda’amu dhaamanii jiru.
Xumuura irrattis, dhibee kanaan walqabatee olola sobaatiin hawaasni keenya akka hin burjaajofne akkasumas dhibee kana ilaalchisee eeruu fi gaaffiin yoo jiraate karaa sarara bilbila tolaa 6955 irratti bilbiluun odeeffannoo kennuu fi fudhachuun kan danda'amu ta'uu hubachiisanii jiru.