13/10/2026
Akkuma yaadatamu Guyyaa borii jechuunis Onkololeensaa 4,2019 Mana yaalaa keenya Kilinika G/G Wiirtuutti Yaala fayyaa Dhukkuba gogaa garaagaraa bilisaan kennuuf akka jirru ibsinee turre.Maxxansa sana booda namoonni hedduun tajaajila kana barbaadan galmaayanii jiran. Ammas galmaayaa jiru. Isumaan walqabatee adeemsa isaa ifa isiniif gochuu barbaade.
1.Tajaajilli yaala Gogaatin walqabatu hunduu guyyaa borii bilisa. Kaardii irraa kaasee hanga Qorannoo garaagaraatti kanfaltii kamuu irraa bilisa.
2.Namni tajaajila kana barbaacha dhaqe Kutaa Reception yeroo gahu "Tajaajila yaala gogaa bilisaan fudhachuu dhufne" jettanii Receptionist tti himuu qabdu.Sababni isaas tajaajilli biraas waan kennamuuf salphumatti tajaajila biraa irraa adda bahuuf.
3.Tajaajilli kun guyyaa boruu yaa jalqabu maleee amma booda Guyyaa Roobii yeroo hundaa waaree dura ni jiraata.Kanaaf warri guyyaa borii Tajaajila kana argachuu barbaaddanii isiniif mijachuu didee dhaqqabuu dadhabdan Guyyaa Roobii biraa isinitti tole dhuftanii yaalamuu dandeessu.Gaafas garuu bilisa miti.
4.Dhaabbanni Keenya Kilinika G/G Wiirtuu I/G isaa murtaa'e" ykn Wirtu Medium Clinic PLC jedhama. Teessoon Magaalaa shaggar Kutaa magaalaa Sabbataa Gamoo Bulchiinsa haaraa bukkeetti argama.
Odeeffannoo dabalataa yoo barbaaddan
09-57-78-80-03