07/09/2023
*Infekshinii Kalee*
📌 Infeekshiniin Kalee gosa infekshinii ujummoo fincaanii (UTI)ti.
-Infeekshiniin kalee tuuboo fincaan qaama keessaa geessu (urethra) ykn ujummoo fincaanii keessatti jalqabuu danda’a.
-Infeekshiniin kun gara kalee tokkoo ykn lamaanitti babal‘aachu danda'a.
-Infeekshiniin Kalee tokkos pyelonephritis jedhama.
-Infeekshiniin Kalee yaala fayyaa hatattamaa barbaada.
📌 Infeekshiniin tokko yoo sirnaan hin yaalamne Kalee irratti miidhaa fiduu danda'a. Yookiin baakteeriyaan kun gara dhiigaatti babal’atee infekshinii balaafamaa fiduu danda’a.
📌 Wal'aansi infekshinii kalee yeroo baayyee qoricha farra baakteeriyaa of keessatti qabata, kunis hospitaala keessatti kennamuu danda'a.
*_Mallattoon dhukkuba kalee:_*
_• Dhaqna gubaa_
_• Miira gubaa ykn dhukkubbiin yeroo fincaan namatti dhagahamu._
_• Yeroo baayyee/dafaani dafaani fincaahu._
_• Dhukkubbii dugdaa, fi garaa fi cinaacha._
_• Fincaan urgaa hamaa qabu._
*Sabaaba*
📌 Baakteeriyaan karaa ujummoo fincaanii seenan baay'achuun gara Kalee keessaniitti facaa’u danda'u.
-Kun sababni dhukkuba kalee baay'inaan namatti fidudha.
📌 Baakteeriyaan infekshinii kutaa qaama biraa irraa dhufus karaa dhiigaa gara kaleettii babal'achuu danda'a.
-baqaqsanii hodhuu Kalee booda infekshiniin kalee mudaachu danda‘a.
*_Wantoonni carraa dhukkuba tiruu dabalan:_* .
_• Dubartii ta'uu._
-Ujummoon fincaanii dubartoota dhiirota caalaa gabaabbata.
-Sun baakteeriyaan qaama alaa irraa gara ujummoo fincaanii akka salphaatti akka imalan taasisa.
_• Ujummoo fincaanii Cufamuu
_•Sirni ittisa qaamaa laafaa ta'uu._
_•Kaateetara Fincaanii fayyadamu._
***
*_Yoo hin yaalamne infekshiniin kalee rakkoolee ciccimoo ta'uu danda'an kanneen akka:_*
_• Madaa kalee._
📌 Kunis dhukkuba kalee yeroo dheeraa, dhiibbaa dhiigaa fi dadhabina kalee fiduu danda'a.
_• Summii dhiigaa._
📌 Kaleen balfa dhiiga keessaa calaluun dhiiga calalamee qaama hafeetti deebisa.
📌 *Infeekshiniin Kalee baakteeriyaa karaa dhiigaa akka babal'atu gochuu danda'a.*
_• Rakkoolee ulfaa._
📌 Infeekshiniin Kalee yeroo ulfaa mudatu carraa daa'imi ulfaatina xiqqaan akkaa dhalatufii, ulfii akkaa bahu ykn garaa kessaattii akkaa midhaamu gochuu dandaaha.
*Ittiisa
-Infekshinii ujummoo fincaanii ittisuun carraa dhukkuba kalee hir'isuun danda‘ama.
*_Keessattuu dubartoonni carraa dhukkuba ujummoo fincaanii qabaamu waan qabaaniif***
_• Dhangala'aa/bishaan dhuguu._
_• Dafaani fincaan bahu/fincaan yeroo dheeraf qabaachu dhiisu.
_• Walqunnamtii Saalaa Booda Ujummoo fincaanii Duwwaa gochuu/fincaahu._
_• Of eeggannoodhaan qulqullaa’u
Dr. Lemi Clinic For Quality Care!
***
Dr.Lemi B Tolu