Yaala Aadaa Kuush

Yaala Aadaa Kuush Yaanni kiyya Qoricha Aadaatiin hawaasa kiyya tajaajiluudha. Kaayyoon kiyya ;
Hawaasa keenya Qoricha Aadaatiin hamma beekuun tajaajilu.

19/05/2026

Gamnummaan onnee falmaa keetii to'achuu ni dandeessa.

Dhiiguun naannoo taa'umsaa (teessumaa) mallattoo xiyyeeffannoo guddaa barbaadudha. Akka ogeessa fayyaatti, sababoota gur...
18/05/2026

Dhiiguun naannoo taa'umsaa (teessumaa) mallattoo xiyyeeffannoo guddaa barbaadudha. Akka ogeessa fayyaatti, sababoota gurguddoo dhiiguu teessumaa fidan keessaa shanan asii gadii isiniif ibsa:

1. Kintaarotii (Hemorrhoids): Sababa ujummooleen dhiigaa naannoo mar'umaan gadii iita'anii dho'aniif dhiigni diimaan haphiin yeroo bobbaa ba'an ni mul'ata.

2. Madaa Gogaa Ta'umsaa (A**l Fissure): Sababa gogiinsa garaatiin gogaan naannoo ta'umsaa yeroo tarsa'u dhiiguu fi dhukkubbii hamaa fida.

3. Kaansarii Mar'umaanii (Colorectal Cancer): Mar'umaan guddaa ykn gadii keessatti iitiin dhiigu uumamuu danda'a.

4. Madaa fi Kulkuula Mar'umaanii (IBD/Ulcerative Colitis): Kulkuula fi madaa keessoo mar'umaan guddaa irratti uumamuun, dhiigni fi oota (mucus) bobbaa waliin dhangala'a.

5. Iitii Mar'umaan Keessaa (Colon Polyps): Dhiitawwan xixiqqoo kaansarii hin taane garuu boodarra gara kaansariitti jijjiiramuu dandan warra mar'umaan keessatti dhiiganiidha.

Wiirtuu Yaala Aadaa Kuush

13/05/2026
13/05/2026

Biqiltuu Kun Akka Naannoo An jiraadhuuti Hancuurraa jedhama
Mee Akka naannoo keessaanittii maal jedhama?

09/05/2026

Daa'imman akkatti Reebuun rakkoo xiinsammuutiif isaan saaxiluu mala.

Biqiltuu kana qabda Taanaan Faarmaasii yokan Mana Qorichaa Cimaa Tokko qabda jechuudha dhukkuboota hedduu ittiin Of yaal...
05/05/2026

Biqiltuu kana qabda Taanaan Faarmaasii yokan Mana Qorichaa Cimaa Tokko qabda jechuudha dhukkuboota hedduu ittiin Of yaaluu dandeessaa..

Massoobilaa yokan Kefoo.
Biqiltuu Suuraa irratti Mullatu kana Namni hin beekne tokko hin jiruu 👌 Maqaan isaa Akka kutaa Naannootiin Wal dhaba Ha Ta'uu Garuu Suuraa isaa qofa ilaalatanii adda baasuu dandeessuu, ingiliffaan (Sweet Basil), jedhamaa, Maqaa saayinsiin "Ocimum basilicum L." jedhamuun kan beekamu, yoo ta'u biqiltoota Urgeeyssitu Nyaataa fi Shaayii isa Beekkamaadha, bu'aa qorichaafi soorataa olaanaa qaban keessaa isa tokkodha. Qoricha aadaa keessatti waggoota kumaatamaaf kan itti fayyadamaa ture yoo ta'u, keessumaa sirna wal'aansaa durii kan akka yaala Aadaa indiyaa Ayurveda fi Chaayinaa yokan (TCM) keessatti dhukkuboota hedduu yaaluuf Tajaajilaa tureeraa.

Qorannoo Saayinsii fi yaala Aadaa irratti hundoofnee Barreeffama Insaayikilooppiidiyaa bal’aa kana keessatti Biqiltuu Kefoo ykn Massoobilaa, faayidaa fi itti fayyadama isaa gama hundaan bal’inaan kan ilaallu yoo ta’u, gahee inni dhukkuboota adda addaa yaaluuf qabu, mala itti fayyadama aadaa fi ammayyaa isaa, Guutummatti isiniif ibsinaa Obsaan yoo dubbistan faaydaa guddaa irraa Argattuu 👇

Faaydaa walii galaa biqiltuun kun fayyaa keenyaaf qabu.

Fayyaa kalee Cimsuu fi yaala Cirracha kalee yokan (Kidney Stones Treatment) keessatti ga'ee leencaa Qabaa.

Qabiyyee Uumamaa Cirracha kalee Xixiqqoo Cabsuuf gargaaranu Of keeysaa qabaa shaayii isaa Namoota Cirracha kalee yokan (Kidney Stones) qabanuuf Baayyee bu'aa isaa Qabatamaan Arginee jirraa.

Fincaan sirnaan Akka Dhangala'u t
(Diuretic) Taasisaa kunis Summii kalee keeysaa qulqulleessaa.

Farra Garaa Ciniinnaa yokan
Dhukkubbii garaa keeysaatii, Rakkoo Garaachaa (Stomach Cramps) irraa madduuf bu'aa qabaa.

Gaaza qilleensa gara keessatti Kuufamee Bokoka garaa fidu (Carminative Effect) hirrisuuf gargaaraa.

Rakkoo Mar'imaanii yokan (IBS ) dhaafis bu'aa qabaa

Nama Garaachi isaa nyaata bulleessuu dadhabeef Dawaadha.
Qorannoon (J. Ayurveda Integr Med) irratti Maxxansame akka Agarsiisutti Kefoon inzaayimoota bullaa'insa nyaataaf barbaachisanu akka maddu kan kakaasu yoo ta'u, kunis sochii garaachaa tolchuuf gargaara, Fayyaa Sirna Bullaa'insa nyaataa yokan (Digestive Health) Cimsaa, Namoota Garaachi jaraa Nyaata bulleessuu dadhabe yokan Rakkoo (Indigestion) qabanuuf Gaariidha.

Fayyaa Sirna hargansuu ykn (Respiratory Health) Cimsaa.
Shaayiin isaa Ujummoo Qilleensaan cufame banuuf Tajaajilaa kanaaf warra Asmii (Asthma) fikkf qabaniif Gaariidha.

Qabiyyee farra maaykiroobiyaanii kan of keessaa qabu yoo ta'u, dhukkubbii qoonqoo fi qorra ofirraa ittisuuf gargaaraa.

Fayyaa Onnee Cimsaa Ujummooleen dhiigaa akka hin dhiphanne waan Gargaaruuf dhibbaa dhiigaa gadi buusaa.

Qorannoo Saayinsii "J. Clin. Diagn. Res" irratti Maxxansame akka Agarsiisutti Biqiltuun Kefoo Hanga baayyina kolestiroolii miidhaa qabu yokan (LDL Cholesterol) dhiiga keessatti xiqqeessaa.

Qabiyyee "Antioxidants" Rakkoo Ujummoolee dhiigaa miidhaa geessisan ittisuu fi dhibee atherosclerosis irraa nama Eegu of keessaa qabaa.

Qorannoon "J. Agric. Food Chem" Akka Agarsiisuutti Massoobilaan
sochii antioksidaantii cimaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, dhukkuboota yeroo dheeraa Namarra turanu dhiphina oksijiinii wajjin walqabatan ittisuu keessatti faayidaa guddaa qabaa.

Madaa qaamaa Sababoota garaa garaaf Uumanu fayyisuu dandayaa.
Qorannoon (J. Wound Care) irratti Maxxansame akka Agarsiisutti Kefoon farra baakteeriyaa fi farra inflammatory ta’uu isaatiin madaan akka fayyu taasisa.

Madaa Afaanii fayyada.
Qorannoon "J. Oral Pathol. Med" Akka Agarsiisuutti Kefoon Madaa Afaan keeysaa fi laagaa yokan Kokkee/Qoonqoo keeysaaf baayyee bu'aa qaba.

Mataa Bowwuu yaalaa, yaaddoo Fi dhiphina Sammuu ittisa.
Qorannoon "Ind. J. Exp. Bio" irratti Maxxansame Akka Agarsiisuutti Zayitii yokan bishaan Massoobilaa funyaanitti naquun Bowwuu mataa fi dhiphina Sammuu ittisaa.

Vitamin A fi Vitamin C waan qabuuf Dandeettii ittisa qaamaa cimsaa, fayyaa gogaa qaamaa ijaa dabalaa.

Pootaasiyeemii Olaanaa waan qabuuf Ol ka'insa Dhiibbaa dhiigaa ni to’ata, fayyaa onnee ni eegaa.

Maagniziyeemii waan qabuuf Dhiphina fi yaaddoo namarraa hir’isuun fayyaa maashaalee fi narvii ni fooyyessa.
Fayyaa Sammuu yaadachuu fi Xiinxaluu Sammuu keenyaa Cimsaa yokan (Brain & Cognitive Function).

Mataa Bowwuu yokan dhukkubbii mataa gama tokko qofaan nama dhukkubuuf Gaariidha.

Biqiltuu Kefoo yookaan Massoobilaan Qabiyyee fayyaa ilmaan namaatiif barbaachisanu zayitota barbaachisaa fi kompaawundoota sochii Baayoloojii qaban kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis
(Eugenol) Fi (Linalool), (Eucalyptol), (Estragole), (Geraniol)
kan dabalatudha.

Qabiyyee Keemikaalaa:

Biqiltuun Kefoo kompaawundoota bal’aa sochii fi amaloota wal’aansaa qaban kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis Dandeettii dhukkuboota ittisuu fi yaaluu isaaf kennuu, isaan keessaa kanneen barbaachisoo ta’an Armaan gaditti isniif ibsineerraa: 👇

1.Qabiyyee (Essential Oils)
Zayitoota Urgeeyssitu Barbaachisoo kan Akka
(Eugenol) Of keeysaa qabaa Qabiyyeen kun Antioxidant, farra inflammatory, fi dhukkubbii uumamaaHidrisaa.

2. Qabiyyee (Linalool):
Narviidhaaf Tasgabbii kenna, akkasumas farra yaaddoo fi farra dhiphina sammuu ta'ee tajaajilaa.

3. Qabiyyee (Eucalyptol):
Qabiyyeen kun farra Baakteeriyaa fi fangasii farra Vaayireesii Cimaadha Rakkoo Sirna hargansuutiif bu'aa guddaa qabaa.

4. Qabiyyee (Estragole):
Qabiyyeen kun Foolii gaarii biqiltuu Kanaaf kenna Akkasumas Sirna Bullaa'insa soorataa irratti Garaacha Deeggaraa.

5. Qabiyyee (Geraniol):
Farra Baakteeriyaa fi fangasii yoo ta'u Qulqullina qaamaa fi miidhagina gogaa qaamaa dabaluuf Tajaajilaa.

2. Kompaawundoota Feenoolikii

Qabiyyee Asiidii (Caffeic Acid) fi (Rosmarinic Acid) farra Antioxidant Cimaa yoo Ta'anu Seeliin qaama keenyaa Dhukkubootaa fi kkf Akka hin miidhamne Taasisuu keessatti ga'ee Olaanaa qabuu.

Qabiyyee (Flavonoids) fi (Apigenin) fi (Quercetin) Biqiltuu kana Keessatti Argamanu Dandeettii dhukkuboota ofirraa ittisuu qaamaa dachaan ol Guddisuu, Bu'aa farra inflammatory Cimaa qaba dhukkubbii qaamaa hirrisaa.

Qorannoon "BMC Complement. Altern. Med" Akka Agarsiisuutti Biqiltuun kun
Farra Baakteeriyaa "E. coli" yoo ta'u Baakteeriyaan kun nyaata Nyaata gara summii tti jijjiiruu fi dhukkuba garaachaa namatti fiduu danda'udha.
Farra Baakteeriyaa "Staphylococcus aureus" Yoo ta'u Baakteeriyaa ku infekshinii hedduu kan akka infekshinii gogaa, summii dhiigaa fi infekshinii qaamolee keessoo kan namatti fidudhaa Kefoon kana namarraa ittisaa.

Kutaa itti Aanu keeyssatti ballinaan Haala itti fayyadama isaa isiniif Maxxansinaa, Akka isin hin dabarre toora Facebook keenya follow
Yaala Aadaa Kuush

Teessoo:
Yaala Aadaa Kuush

– Daandii gara baalee geessu Bakka karaa Abbaa ‘30’ jedhamee beekamu kallattii lixaatiin Gamoo H/ Kuyyuu Aynoo keessaatti Argamna.
Tajaajila: Guyyoota torban hundaa sa’aatii 7/24 nu argattuu.

- Naannawa 105 jedhamuun beekamu.
Torbaanitti Guyyaa Sanbataa fi. Dilbataa qofa nu argattu.

Karaa telegrama nuhordofuuf
https://t.me/yaalaAadaaKush
https://t.me/yaalaAadaaKush

Channel what's App keenyaan nu hordofuuf
https://whatsapp.com/channel/0029Vb5UB8sK5cD8wwhfcU2g

TikTok Nu hordofuuf
tiktok.com/
tiktok.com/

Odeeffannoo dabalataatiif
090 931 6243
0928795750

Fayyaan faaya
Share Like Godhaa

Qubee Kamtu qajeelloon manatti galcha?
22/04/2026

Qubee Kamtu qajeelloon manatti galcha?

Qoricha Jabaa Dhukkuba Tiruu Gosa Hunda Fayyadu Kana Beektuu?¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯Biqiltuun kun hidda isii irraa hanga san...
19/04/2026

Qoricha Jabaa Dhukkuba Tiruu Gosa Hunda Fayyadu Kana Beektuu?
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
Biqiltuun kun hidda isii irraa hanga sanyii ishiitti qorsooma cimaa qabdi. Keessumattuu firiin ishii baayyee barbaadama. Biyya Hindi, Chaayenaa fi Araboota biratti qorichi biqila kana irraa qophaayu baayyee qaaliidha.

Biyya keenya eddoo baayyetti biqila. Garuu Nuti bu'aa biqila kanaa baayyee hin barre. Dawaa kana mooraa keenyatti dhiisnee, qoricha biqila kana irraa tolfame pharmacy dwwmnee mallaqa guddaa baasnee bitanna.

Faranjiin iqilootuma keenya bifa jijjiirtee maqaa biraa itti moggaastee akka waan samii bu'eetti gatii qaaliin nutti gurguratti. Nutis waan nutti kennan waanii isaa usuu hin beekin qoroxxomnee nyaannee «Faranjiin haa jiraattu» jenna. Rabbii biqiltuu uume dhiifnee!!!

Biqilli kun halluuttaa fakkaata. Oromiyaa bakka baayyetti biqila. Ijoollee mataa bokkolluu ishii keessaa waan nyaatamu baafattee sooratti. Namoonni loon tiksaa guddattan ni beektu jedhee yaada. Yeeroo ammaa bifa adda addaan qophaayee mana qoricha aadaa fi pharmacy keessattis gurgurama.

Dhukkuba tiruu yaaluu keessatti qoricha dorgomaa hin qabneedha. Eeyye jaarraa 16ffaa irraa kaasanii ogeeyyiin fayyaa dhukkuba tiruu ittiin yaalaa turaniiru. Yeeroo amma kanas biyyoota akka Hindi, Chaayinaa, Biyyoota Arabaa fi Ummanni lixaatis badhinnaan dhimma itti bahaa jiru.

Afaan Oromootiin bakka heddutti «Qoree harree» jedhanii yaamu
Akka afaan Arabaatti «Showkul Haliib» شوك الحليب ykn showukul Jamal شوك الجمل jedhamti. Afaan Ingiliiziin «Milk thistle» jedham

Faayidaa Biqila Qoree Harree Muraasa.

1. Dhukkuba simbiraa/tiruu:-
Biqiltuun kun gosoota dhukkuba Simbiraa(tiruu) hedduuf dawaa ajaa'ibaati. Summaa'uu tiruu(liver toxicity), Hepatitis B, summii tiruu kan dhugaatii alkoolii irraa dhufu qulqulleessuuf, qorichoota yeeroo dheeraaf fayyadamuu irraa miidhamuu turuu, fi tiruun moora/cooma godhachuun yoo isin mudateef firiin biqila kanaa qorich gaariidha.
Tiruun akka hin madoofne ittisuu fi summiin tiruu irratti akka hin maxxanne gochuun tiruu kunuunsiti.

Qorattoonni akka jedhanitti, ''biqiltuu kun dawaa wal'aansa dhukkuba tiruu irratti qoratame keessaa isa guddaadha'' jedhanii kaayanii jiru.

2. Rakkoo Rajiijii(dhukkuba sukkaaraa too'achuuf)

Rajiijiin xannacha hoormoonii insuliinii maddisiisuun hamma sukkaara dhiigaa keessaa kan to'atudha.
Ogeeyyiin fayyaa akka jedhanitti biqiltuun kun Rakkoo rajiijii ni too'ata. Kana jechuun biqiltuun kun namoota dhukkuba sukkaaraa gosa 2 qaban irratti hamma sukkaara dhiigaa keessaa gadi buusuuf gargaara jechuudha.

3. Dadhibina Sammuu namaatiif:-
Biqilli kun Sammuun namaa akka hin dadhabne, sammuun akka hin harkifanne ykn sammuun akka hin joonjofne too'ata. Keessumattuu umriin namaa dabalaa yoo adeemu sammuun namaa ammoo hir'ataa adeema. Waa qayyabachuu fi waa qabachuu dadhaba. Rakkoo akka kanaa biqiltuu kanaan ittisuun ni danda'ama.

4 Lafee jajjabeessuuf:-
Qabiyyeen biqila kanaa albuudota jajjabina lafeetiif gargaaran waan ofkeessaa qabuuf haphachuufi laaffachuu lafee irraa nama baraarti.

5. Harmi dubartootaa akka mirguuf:-
Biqiltuun kun maqaan isaa biyya arabaatti "Qoree Aannanii" (شوك الحليب) jedhamee beekkama. Kunis waan inni dubartoota akka harmi isaanii mirgu taasisuuf kanuma irraa ka'ee maqaa kana argate jedhu ogeeyyiin. Dubartoota hanqina aannan harmaa qabaniif faayidaa guddaa qaba.

6. Summii qaama keenya miidhuu danda'an dhabamsiisuu:-
Summiin adda addaa qaama keenya yoo seene ykn qaama keenya keessatti yoo kuufame kalee, onnee ykn tiruu miidhuu fi guutummaa qaama keenyaa miidhuu danda'a. Summii miidhaa geessisan kanneen dhiiga fi qaama keessaa qulqulleessee dhabamsiisa.

7 Madaala hoormoonta sirreessa. Hoormoonii sanyii kormaa fi dhalaa, Hoormoonota bullaa'ina soorataaf gargaaran, hormoonta guddina namaaf gargaaran fi kkf madaalawaa akka ta'an taasisa.

8. Cirracha kalee, cirracha hadhooftuu fi cirracha afuuffee fincaanii caccabsee baasa.

Akkamitti fayyadamna?
Eenyutu fayyadamuu hin qabne?
Eessaa arganna?
Maal isaatu fayyadama?
gaafilee jedhaniif telegrama linkii isaa asii gadii kana keessa seenaa godhaa. Akkaataa fayyadamaa isiniif maxxansinee jirra.👇👇👇👇👇

Teessoo:
Yaala Aadaa Kuush

– Daandii gara baalee geessu Bakka karaa Abbaa ‘30’ jedhamee beekamu kallattii lixaatiin Gamoo H/ Kuyyuu Aynoo keessaatti Argamna.
Tajaajila: Guyyoota torban hundaa sa’aatii 7/24 nu argattuu.

- Naannawa 105 jedhamuun beekamu.
Torbaanitti Guyyaa Sanbataa fi. Dilbataa qofa nu argattu.

Karaa telegrama nuhordofuuf
https://t.me/yaalaAadaaKush
https://t.me/yaalaAadaaKush

Channel what's App keenyaan nu hordofuuf
https://whatsapp.com/channel/0029Vb5UB8sK5cD8wwhfcU2g

TikTok Nu hordofuuf
tiktok.com/
tiktok.com/

Odeeffannoo dabalataatiif
090 931 6243
0928795750

Fayyaan faaya
Share Like Godhaa

Mallattoolee fi miidhaa ijji Budaa yokan summiin ija namaa namatti fidu.Miidhaan Summiin Ija namaa yokan ijji budaa nama...
15/04/2026

Mallattoolee fi miidhaa ijji Budaa yokan summiin ija namaa namatti fidu.

Miidhaan Summiin Ija namaa yokan ijji budaa namarraan gahu maali??

Daa'imummaa keenya irraa kaafne hanga Ammaatti hundi keenya waan Tokko dhagayaa guddanne innis ija budaatu si nyaate yokan ija budaa na nyaate jedhanii Yeroo Namoonni dubbatanu Barreeffama darbe keessatti Maalummaa ija budaa akka idil Addunyaatti isiniif ibsinee jirra Barreeffama kana keessatti Mallattoolee isaa ibsina:

Mallattoo Armaan gadii Qabda yoo ta'e "ijji Budaa" yokan "Ayina Xilaa" si nyaateera jechuudha..

Dandeettii namaa ajjeesaa!
Hojii kaleessa Sirriitti dandayu fi wanta kaleessa Dandeettii cimaa irratti qabu sababa tokko malee yokan sababa hin beekamneen hojjechuu dadhabaa deemaa, waan sana hojjechuu isa dadhabsiisa, Akkasumas yokan hojii sana ni hojjetaa garuu Akka kanaan duraa irraa faaydaa Barbaachisaa irraa hin Argatu.
Bakka hojii Ofii dhaquu, Jibbuu fi hojii keessatti kufaatii fi Kisaaraan baayyachuu, Akkasumas Hojii Duraan Sirriitti hojjetaa ture Wallaaluu fi hojii isaa keessatti dhama,uu, Akki itti hojjetu wallaaluu.

Mallattoolee summiin budaa jaalala Maatii fi gaa'elaa miidhaa jiraachuu ittiin beekkamu:

Jaalala cimaa Namoota gidduu jiru Yeroo gabaabaa keessatti sababa hin beekamneen gara jibbaatti jijjiirama.

Namoota kaleessa wal jaallattanu wajjiin sababa tokko malee nama shakkisiisaa akka waan jarri si miidhuuf deemanu fakkeessee Sammuu namaa keessatti irra deddeebiin namatti dhagayama.

Haati warraa fi Abbaan warraa kanaan dura baa'yee wal jaallattanu, ija walii keeysa ilaalu fi Afaan nagaa waliin dubbachuu dadhabu waanuma Xiqqoof yokan waan hin beekamneef irra deddeebiin walitti mufatu ni Aarsaa wal jibbisiisa! Garuu Yeroo wal biraa deeman jibbaa sana ni dagatu!.

Sababa tokko malee Gadduufi Yaadda'uu, Sammuun jeeqamuu fi Dafee Aaruu fi dallanuu Baayyisuu Amalli jijjiirame nama wajjiin walii galuu dadhabuu fi kkf nama saaxila.

Hariiroo dhabuu, Nama Waliin Dubbachuu Jibbuu fi Qobummaa filachuu, Yeroo Namaa Wajjin Duubate yokan walitti makame Sammuun isaa jeeqamuu fi Mataa Bowwuu itti Baayyataa.

Barataan kaleessa Barnoota jaallatuu fi Qabxii Ol'aanaa qabu sababa tokko malee Barnoota jibbuu Jalqaba fedhii fi Dandeettiin inni kanaan dura Barnoota irratti qabu gadi bu'aa deemaa, Yeroo mana Barnootaa seenuu kitaaba Barnootaa dubbisu sababa tokko malee mataan bowwaafata yokan isaa dhukkuba, yokan sammuun isaa ni jeeqama.

Barataas ta'ee namni hin baranne kamuu Yeroo ijji budaa tuqe Erraanfii yokan Waa dagachuu Baayyisuu fi waan barate
Sammuu-tti Qabachuu dadhabaa.

Sammuun namaa waan hin beekamnee waan isa hin laallanneetti dhiphataa, ni sodaata ni jeeqama waan isa jeequ hin beekuu.

Dhukkubootaa fi dhukkubbii hin beekamne namatti fida, Sababa tokko malee Mudhii fi Dugda, lafee miillaa fi Harkaa keeysaa dhukkubbiin namatti dhagayama, nama dhukkubsa, faana miillaa fi Lafee jilbaa humnneeti qaamaa keeysaa nama guba, humna namaa Dadhabsiisa, Sababa tokko malee Akka nama hojii cimaa irraa ture Dadhabbiin itti dhaga'amaa, Ganama hirribaa ka'uu nama dadhabsiisa.
Garuu Yeroo mana yaalaa deemee qoratame dhibeen hin Mul'atu! Yoo yaalames hin fayyu Ji'a Tokko yokan lama turee namatti deebi'aa.

Sababa tokko malee Halkan Fincaan, Namatti heddummaata, Halkan, Halkan Kaleen nama dhukkuba, garuu ganama gara Mana yaalaa Yeroo deemu dhukkubni tokko irratti hin mullatuu.

Galgalaa fi Halkan Rukuttaan Onnee namatti Dabalaa, garuu Yeroo Mana yaalaa deemee Qoratame dhukkubni irratti Mul'atu hin jiru.

Afaan namaa yookaan Fuulla namaa Gara mirgaa yokan gara bitaatti jal'isa, Akkasumas
Fuulla namaa Daalacheessa Haalluu Gogaa Qaamaa Jijjiira,
Sababa tokko malee Qaama namaa humnaa ol Huqqisaa.

Sababa dhukkubaa tokkoo malee Fedhiin nyaataa hir'achuu, Nyaata Booda garaa keessaa Nama Ciniinuu fi Jeeqamuu.


Mallattooleen Armaan Olitti ibsaman kunneen Mallattoolee fi miidhaa ijji Budaa yokan summiin namaa namatti fidu kan ibasanu yoo ta'u, garuu Mallattoolee kun Sababa yokan Rakkoo fayyaa fi xiin Sammuu kan biraa hin jiru yoo ta'e qofa ija namaa yokan dhukkuba ija budaa jedhama, malee Rakkoowwan fayyaa biroos Mallattoolee kanneen namatti fiduu danda'u garuu wanti kan ija budaa adda taasisu Yeroo Baay'ee sababa hin beekamneen nama Dhukkubsa yokan nama rakkisa mana yaalaa deemee yoo Qorannoo fayyaa godhames dhibeen hin Mul'atu!.

Teessoo:
Yaala Aadaa Kuush

– Daandii gara baalee geessu Bakka karaa Abbaa ‘30’ jedhamee beekamu kallattii lixaatiin Gamoo H/ Kuyyuu Aynoo keessaatti Argamna.
Tajaajila: Guyyoota torban hundaa sa’aatii 7/24 nu argattuu.

- Naannawa 105 jedhamuun beekamu.
Torbaanitti Guyyaa Sanbataa fi. Dilbataa qofa nu argattu.

Karaa telegrama nuhordofuuf
https://t.me/yaalaAadaaKush
https://t.me/yaalaAadaaKush

Channel what's App keenyaan nu hordofuuf
https://whatsapp.com/channel/0029Vb5UB8sK5cD8wwhfcU2g

TikTok Nu hordofuuf
tiktok.com/
tiktok.com/

Odeeffannoo dabalataatiif
090 931 6243
0928795750

Fayyaan faaya
Share Like Godhaa

Address

Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yaala Aadaa Kuush posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share