Sifa Meditour

Sifa Meditour “Sifaameditour is a Medical Consultant,Based in Turkiye,Serves patients all over the world. ASK US.

08/02/2023

pThe magnitude 7.7 and 7.6 earthquakes, centered in the Kahramanmaraş province, struck 10 provinces and affected more than 13 million people. The deadly quakes have claimed thousands of lives in Türkiyes south region so far.br / br / br / /p

03/02/2023

Hin dhukkubsatinaa, dhukkubsattanii immoo yaala biyya alaa yoo barbaaddan nama isin gargaaru hin dhabinaa!

Waggaa muraasaa asitti biyyi Turkiye giddugala yaalaatii fi barumsaa tahuun tajaajilaa jirti. Namoota biyya keenyaa fi biyyoota biroo gara garaa irraa yaala qulqullina qabu argachuu barbaadaniif Turkiyeen filmaata sadarkaa duraa tahuun tajaajila kennuu irratti argamti. Turkiyeen fageenya biyya keenyarraa itti argamtuu fi gatii madalaawaa taheen carraan fayyaa kuni argamuun fayyadamiinsa carraa kanaatiif xurree saaqe.

Waldaan keenya kanuma hubannoo keessa galchuun "Carraa Yaalaa Turkiye Keessatti" mata duree jadhuun sagantaa hedduu nama hawwatu qopheessee isiniif dhufaa jira. Turtii Dr. Nesruddiin Huseen waliin goonu kanarratti jiraattonni biyya Turkiyee keessa jirtanii fi namootni yaala fayyaa kanaan waan wal qabate hubannoo gahaa argachuu barbaaddan hundi keessanuu sagantaa kanarratti affeeramtanii jirtu.

Maatiin yookaan namootni dhuunfaa biyya Turkiyee keessa jiraattan yookaan daawwannaaf kanneen asitti argamtan, carraa fayyaa biyyi kun kennitu irraa fayyadamuu yoo barbaaddan sagantaan kuni keessanii itti dhihaadhaa!

Akkasumas, gaafii gaafachuu barbaaddan hunda guyyaa gaafa sagantaas ta'ee amma irraa jalqabuun sanduuqa yaadaa /comment section/ keessatti barreessuun gaafii keessan dhiheeffachuu dandeessu. Nutis, guyyaa gaafa sagantaa deebii gaaffii keessanii qabannee isiniif dhihaanna.

Turtii gaarii isiniif hawwina!




Karaalee infekshinii ujummoolee sirna hargansuu gubbaa ittisuuf gargaaran keessaa muraasni: 1.Naannoo cufamee fi namaan ...
01/02/2023

Karaalee infekshinii ujummoolee sirna hargansuu gubbaa ittisuuf gargaaran keessaa muraasni:
1.Naannoo cufamee fi namaan guutame keessa sa’aatii dheeraa turuu irraa fagaachuu.
2.Naannoo ofii jiraannu ykn mana keenya yeroo baay’ee qilleensi akka seenu gochuu.
3.Iddoo namni itti baayatu keessatti haguuggii fuulaa ( mask) fayyadamuu.
4.Harka keenya dafaa dafaa dhiqachuu ykn disinfect(dhangala'aa ykn spreyi alkoolii ofkeessaa qabuun) gochuu.
5.Bakka itti fayyadamnu ykn tuttuqnu yeroo yeroon qulqulleessuu
6.Nyaata antioxidants tiin badhaadhe nyaachuu
7.dhangala’aa baay’ee dhuguu
8.Tamboo xuuxuu fi dhugaatii alkoolii fayyadamuu irraa fagaachuu.
Fayyaa keenya: Sifa Meditour www.sifaameditour.com

26/01/2023

It is a good thing to see this success in our country. congratulations

Address

Istanbul
34363

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sifa Meditour posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Sifa Meditour:

Share