ODUU DAWAA

ODUU DAWAA Namootni fuula kana irratti barreessan Ogeessota Qorichaa(Pharmacists) ti.

Fuulli kun odeeffannoowwan yeroo yeroon waa'ee Qorichaa/Dawaa irratti akka Addunyaa fi biyya keenyaatti bahan irratti hubannoo hawaasa keenyaaf kennuuf kan uumame dha.

Odeeffannoo Kennuuf
17/05/2026

Odeeffannoo Kennuuf

11/05/2026
Dhukkubni Hantaavayiras(Hanta Virus) jedhamu Maali?Dhukkubni Hantaavayiras (Hantavirus) jedhamu kun dhukkuba vaayirasiin...
10/05/2026

Dhukkubni Hantaavayiras(Hanta Virus) jedhamu Maali?
Dhukkubni Hantaavayiras (Hantavirus) jedhamu kun dhukkuba vaayirasiin daddarbu yoo ta'u, akka waan haaraatti yeroo tokko tokko ni odeeffama. Haa ta’u malee dhukkubni kun dhukkuba waggoota dheeraaf beekamudha. Vaayirasiin kun baay'ee kan sodaatamu yoo ta'u, hantuuta irraa gara namaatti daddarba.
Waa'ee dhukkuba kanaa qabxiiwwan gurguddoo armaan gadii beekuun barbaachisadha:
1. Akkaataa Itti Daddarbu
Vaayirasiin kun karaa kanaan gara namaatti darba:
• Vaayirasiin kun fincaanii fi faltii hantuutaa keessa jiraata. Yeroo faltiin hantuutaa kun gogee bifa awwaaraan/dhukkeen qilleensa keessa socho’u gara sirna hargansuu namaa seenuun nama faaluu danda’a
• Wantoota vaayirasichaan faalaman tuquun, achiis afaan, funyaan ykn ija ofii tuquun daddarba.
• Hantuuta vaayirasicha baatuun ciniinamuun daddarbuu danda'a.
Hubachiisa: Hantaavayirasiin akka koronaavayirasii (COVID-19) namaa gara namatti salphaatti hin daddarbu.
2. Mallattoolee Isaa
Mallattoon dhukkubichaa jalqaba irratti dhukkuba utalloo (flu) fakkaata.
• Ho'a qaamaa
• Dhukkubbii maashaalee (keessumaa mudhii, sarbaa fi gateettii)
• Dadhabbiin namatti dhaga'amuu
• Mata dhukkubbii, lafaan nama maruu fi dhukkubbii garaa
Yoo dhukkubichi hammaate (Hantavirus Pulmonary Syndrome):
• Hafuura kutuu: Somba keessatti dhangala'aan waan kuufamuuf hargansuun baay'ee ulfaata.
• Qufaa cimaa.
3. Of-eeggannoo fi Wal'aansa
• Bakka hantuunni jiru qulqulleessuu, manatti akka hin galle ittisuu.
• Bakka hantuunni jiru qulqulleessuuf yoo kaatan 'mask' fi 'gloves' (kaalsii harkaa) fayyadamuun dhukkee isaa irraa of eeguun dirqamadha.

4. Wal'aansa:
Dhukkuba kanaaf amma yoonaatti qorichi vaayirasicha qulqulleessee balleessu ykn talaalliin hin jiru. Garuu, namni tokko mallattoon kun itti mul'annaan hatattamaan gara mana yaalaa deemuu qaba. Mana yaalaatti gargaarsa oksijiinii fi deeggarsa fayyaa biroo gochuun lubbuu oolchuun ni danda'ama.

Carraa kanatti fayyadamaa
10/05/2026

Carraa kanatti fayyadamaa

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Lencoo Mohammed, Abba Libban Abba Sabboona, Abera Kabeta,...
26/04/2026

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Lencoo Mohammed, Abba Libban Abba Sabboona, Abera Kabeta, Amana Omer, Haji Ali, Solomon Edosa, Abdu Galikoma, Abire Tamesgen, Yosef Tesfa, Wario Kashe, Mitiku Addisu, Diibboraa Fufaa

22/04/2026

Dawaa Haaraa
Dhaabbatni Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa (FDA), qoricha haaraa Idvynso jedhamu kan of keessatti q orichoota lama (doravirine 100 mg fi islatravir 0.25 mg) qabu, namoota gurguddaa vaayirasii HIV-1 qaban yaaluuf kan oolu mirkaneesseera.
Qorichi kun kan tajaajilu namoota yaala kanaan duraa fudhachaa jiran, kanneen hamma vaayirasii dhiiga isaanii keessaa baay'ee gad-bu'e (HIV-1 RNA kooppii 50/mL gadi) fi qoricha kanaan duraan itti fufinsaa hordofaa jiran qofaaf, qoricha duraan fudhatan bakka kan bu'udha. Namoonni yaala kanaan duraatiin milkaa'uu dadhaban ykn qoricha doravirine jedhamuun wal-bara (resistance) qaban qoricha kana fudhachuu hin qaban.
Qajeelfama fi Of-eggannoo:
• Idvynso qorichoota annisaa nanniga (enzyme) CYP3A kakaasan, kan akka qoricha lamivudine (3TC), ykn emtricitabine (FTC) jedhaman waliin fudhatamuu hin qabu; kun dandeettii qorichicha kanaa hir'isuu danda'a.
• Qorichi kun erga Caamsaa 11 booda mana qorichaa keessatti kan argamu ta'a.

06/04/2026

Garaagarummaan Gentamicin Eye drop fi Gentamicin Eye/ear drop maal?
Gentamicin gosi 0.3% "eye drop" (ijaa qofa) fi "eye/ear drop" (ijaafi gurraa) gidduu garaagarummaan bu'uuraa hin jiru; lamaanuu qoricha farra-baakteeriyaa (antibiotic) wal-fakkaataa qabu. Garaagarummaan isaanii inni guddaan karaa itti fayyadamaa (route of administration) fi akkaataa itti ibsaman (labeling) qofa dha.
Garaagarummoota jiran armaan gadiitti ilaali:
Faayidaa (Usage):
Gentamicin 0.3% Eye Drop: Ija qofaaf jedhamee kan qophaa'e yoo ta'u, infekshinii ijaa (kan akka conjunctivitis) yaaluuf oola.
Gentamicin 0.3% Eye/Ear Drop: Ijaafi gurra lamaaniifuu akka tajaajiluuf kan qophaa'e dha. Inni 10ml jedhamu yeroo baay'ee hamma gurraafi ijaaf tajaajilu dha.
Qabiyyee (Composition): Lamaanuu "Gentamicin sulfate 0.3% w/v" kan of keessaa qaban yoo ta'u, baay'inaan seera qulqullinaa ijaa (sterile) guutuun qophaa'u.
Of-eeggannoo:
Qoricha gurraa ija keessa buusuun gadi-fageenyaan hin gorfamu, garuu qorichi ijaa yeroo baay'ee gurra keessa buusuuf nagaa dha.
Yoo gurri kee (ear drum) dhootuu qabaate qoricha kana fayyadamuun dhaggeettii miidhuu danda'a, kanaaf ogeessa fayyaa mariisisi.
Yaada Gabaabaa: Lamaanuu keemikaala wal-fakkaatu yoo ta'anis, kan "eye/ear" jedhu hamma (volume) guddaa (10ml) qabaachuu danda'a, kunis gurra keessa buusuuf hamma guddaan waan barbaadamuufi.
Qoricha kana fayyadamuun dura ogeessa fayyaa mariisifteettaa?

WAA'EE QORICHA SALBUTAMOL(ALBUTEROL) 2MG/4MG       ||~~~~.1️⃣.Qorichi Salbutamol maali?✍️Salbutamol~Jechuun qoricha gare...
11/12/2024

WAA'EE QORICHA SALBUTAMOL(ALBUTEROL) 2MG/4MG
||~~~~.
1️⃣.Qorichi Salbutamol maali?
✍️Salbutamol~Jechuun qoricha garee bronchodilator jedhamuu ta'ee kan maashaalee daandii qilleensaa gara sombaa dhaqu si'eessee addaan dhifee bal'isee qilleensi salphumati yeroo gabaabduu qofaaf rakkoo malee somba bira akka ga'u taasisuuf gargaara.

2️⃣.Qorichi salbutamol yeroo yaalaaf fayyadamnu bu'aalee akkamii qaba?
▪️Rakkoo hargansuu ittisuuf.
▪️Rakkoo hafuurri nama hanqachuu ykn ciccituu.
▪️Mallattoo Qufaa fi dhiphachuu qomaa sababa dhibee asmiitiin dhufu.
▪️Mallattoo dhibee asmii yaaluuf.
▪️Rakkoo daandiin qilleensaa dhippatee yeroo qilleensi keessa darbuu sagaleen hargansuu dhaga'amuu hir'isuuf .
▪️Mallattoo rakkoo dhibee daandiin qilleensaa gara sombaa deemu yeroo dheeraaf danqamee turuu(chronic obstructive pulmonary disease).
▪️Mallattoo rakkoo hargansuu yeroo sochii qaamaa hoojjatanii mul'atu fi kkf yaaluuf gargaara.

3️⃣.Qoricha Salbutamol yaalaaf fudhachuun durati maali godhuu qabna?
✍️Namoonni alarjii qoricha salbutamol qabu qoricha kana fayyadamuu hin qabuu.
✍️Namoonni haalota rakkoo fayyaa kanneen akka.....
▪️Dhibee tayirooyidii si'ataa ol ka'aa qabu.
▪️Namoonni dhibee dhiibbaa dhiigaaf yaala fudhataa turan.
▪️Namoonni seenaa dhibee onnee qabani.
▪️Dhukkubbii qomaa qabu.
▪️Rakkoo dha'annaa onnee qabu.
▪️Rakkoo tiruu qabu.
▪️Rakkoo kalee qabu.
▪️Hanqina elementii potaasiyeemii dhiigaa keessaa qabu.
▪️Dhibee sukkaaraa qabu.
▪️Dhiita'uu ujummoo dhiigaa qabaachaa ture.
▪️Namoonni sababa yaalaa baqaqsanii yaalamuutiif qoricha hadoochaa waliigalaa Barbaadu.
▪️Namoonni qoricha asmii fayyadamanii jidduun dhaabanii turan.
▪️Namoonni qorichoota biroo kamuu fayyadamaa jiran fi haalota kkf qabu qoricha salbutamol fayyadamuun durati rakkoo qabu ogeessa fayyaatiif himu malee qoricha kana jalqabuu hin qabuu.
✍️Namoonni qoricha ogeessi fayyaa ajajeef kanneen biroo ykn qoricha ofumaaf gabarraa bitee fayyadamaa ture,qoricha vaayitaaminii,qorichoota aadaa fi kkf fayyadamaa jiru ogeessa fayyaatiif himu malee qoricha salbutamol fayyadamuu hin qabuu.
✍️Yeroo rakkoo fayyaa birootiif qorichoota biroo kanneen akka...
▪️Qorichoota corticosteroids kan akka beclomethasone inhalation.
▪️Qorichoota Diuretic kan akka furosemide.
▪️Qorichoota dhiibbaa dhiigaa yaaluuf gargaaru kan akka atenolol fi propanolol.
▪️Qorichoota rakkoo dha'annaa onnee yaaluuf gargaaru kan akka digoxin.
▪️Qorichoota dhibee asmii yaaluuf gargaaru kan akka theophyline fi aminophyline.
▪️Qorichoota hadoochaa walii galaa( general anesthesia).
▪️Qorichoota rakkoo fayyaa sammuu yaaluuf gargaaru muraasa kan akka meclobemide,phenelzine,amitriptyline,clomipramide ykn imipramine fi kkf fayyadamaa osoo jirruu qoricha salbutamol yoo waliin fayyadamne qaama keessati wal nyaatinsa gaggeessee rakkoo fayyaa biroo fiduu wan danda'uuf ogeessa fayyaa beeksisnuu malee qoricha salbutamol jalqabuu hin qabnuu.
✍️Dubartiin ulfaa ykn ulfaa'uuf karoora qabdu qoricha salbutamol fayyadamuu hin qabduu yoo ogeessa fayyaa gaafattee hayyama argatte malee.
✍️Haati hoosiftu qoricha salbutamol fayyadamuu hin qabduu yoo ogeessi fayyaa hayyameef malee.

4️⃣.Qoricha salbutamol yeroo yaalaaf fayyadamnu akkamiti fudhachuu qabna?.
✍️Akkaatuma ogeessii fayyaa ajajeti sirriti hubannee fayyadamuu qabna.
✍️Qoricha salbutamol haala mallattoo dhibichaa fi umrii yaalamaa irrati hundoynee karaalee baay'een fayyadamuu kan dandeenyu yeroo ta'u san keessaa muraasa kan ilaalluu ta'a.
✍️Qoricha salbutamol maayikiroogiraamii (100mcg) meeshaa inhaler jedhamun gara afaaniin fudhachuun mallattoo dhibee offirraa balleessuuf yeroo barbaachisaa ta'eti yeroo (1~2) puff fudhachuu ni dandeenya.
Madda:

WAA'EE QORICHA SALBUTAMOL(ALBUTEROL) 2MG/4MG ||~~~~. 1️⃣.Qorichi Salbutamol maali? ✍Salbutamol~Jechuun qoricha garee bronchodilator jedhamuu ta'ee kan maashaalee daandii qilleensaa gara sombaa dhaqu si'eessee addaan dhifee bal'isee qilleensi salphumati yeroo gabaabduu qofaaf rakkoo malee somba...

22/11/2024

Qoricha “RELIEF” jedhamu hawaasni akka hinfayyadamne akeekkachiifame

Qoricha seeraan alaa “RELIEF” jedhamu fayyadamuurraa hawaasni akka of qusatu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee Itiyoophiyaa akeekkachiise.

Abbaan taayitichaa akeekkachiisaa baaseen qorichi seeraan alaa kun elementoota fayyaarraan miidhaa geessisuu danda’an akka qabu eeruun, faayidaaf akka hinoolle hubachiiseera.

Qorichichi gabaarratti bal’inaan dhiyaataa jiraachuu fi Abbaa Taayitichaan kan hingalmoofne ta’uun, qulqullinni, nageenyummaa fi bu’aa qabeessummaan isaa hinbeekamu jedheera.

Fedhii nyaataa dhabuu, teessisaa, dhukkubbii garaa, ol tuttuqaa, guraaruu, hirriba dhabuu, dadhabbii, sirriitti arguu dhabuu, raatessuu, dhukkubbii mataa, rakkoo gogaa, inzayimoonni tiruu dabaluu fi yeroo dheeraaf yoo fayyadaman miidhamuu kalee kan hordofsiisu ta’uun miidhaalee cinaa qorichichaa ta’uu ibseera.

Akkasumas carraa rakkoo tiruu, kalee, onnee , dhibbaa dhiiga sadarkaa olaanaa hamaan qabamuuf kan saaxilu danda’u ta’uu qorannoon mirkanaa’uu ragaan Abbaa Taayitichaarraa argame ni mul’isa.

Hawaasnis kana hubachuun qoricha kana fayyadamuurraa akka of qusatuu fi qorichichi faayidaaf wayita oolu yoo arge karaa toora bilbila bilisaa 8482’n bilbiluun abbaa taayitichaas ta’ee qaamolee to’annoof eeruu akka kennan waamicha dhiyeesseera.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251946598723

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ODUU DAWAA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to ODUU DAWAA:

Share