18/10/2026
Eenyutu miira barsiisaa beeke???
Barsiisàan Abbaa Ogummaa nama hundaa, miidhama baay'ee qaba.
Haala Rakkisaa Barsiisotni Keessa Jiran
Barsiisotni guddina biyyaafi dhaloota egeree ijaaruu keessatti gahee guddaa qabu. Haa ta’u malee, hojii isaanii yeroo raawwatan rakkoolee garaagaraa isaan mudatan jiru.
1. Rakkoolee Dinagdee
Mindaan barsiisotaa baasii jireenyaa wajjin wal madaaluu dhabuu.
Gatiin meeshaalee fi tajaajilootaa dabalaa deemuu.
Mana jireenyaa argachuun rakkisaa ta’uu.
Maatii isaanii kunuunsuu fi fedhii bu’uuraa guutuu irratti rakkoon isaan mudachuu.
2. Rakkoolee Naannoo Barnootaa
Dareen barnootaa barattoota baay’ee qabachuu.
Dareen barnootaa, teessoon barattootaa fi meeshaaleen barnootaa gahaa ta’uu dhabuu.
Kitaabota barattootaa fi qabeenyi barnootaa hanqachuu.
Mana barumsaa keessatti tajaajilli bishaanii, ibsaa fi mana fincaanii gahaa ta’uu dhabuu.
3. Rakkoolee Barattootaa Waliin Walqabatan
Barattoonni tokko tokko fedhii barachuu dhabuu.
Barattoonni hojii manaa hojjechuu dhiisuu.
Naamusa daree eeguu irratti rakkoon uumamuu.
Barattoonni haala dinagdee maatii isaanii irraa kan ka’e barnoota irratti xiyyeeffachuu dadhabuu.
4. Rakkoolee Hoggansaafi Bulchiinsaa
Deeggarsa hoggansa mana barumsaa gahaa argachuu dhabuu.
Hojii barsiisummaa ala ta’an baay’inaan ramadamuu.
Yaadni fi komiin barsiisotaa sirnaan dhaga’amuu dhabuu.
Murtiiwwan tokko tokko keessatti barsiisotni hirmaannaa gahaa dhabuu.
5. Rakkoolee Ogummaa
Leenjii ogummaa yeroo yeroon argachuu dhabuu.
Meeshaalee ammayyaa barnootaaf gargaaran dhabuu.
Mala barsiisuu haaraa hojiirra oolchuu irratti hanqinni jiraachuu.
Madaallii barattootaa fi qophii barnootaa keessatti hojii baay’een uumamuu.
6. Rakkoolee Hawaasummaa
Hawaasni tokko tokko hojii barsiisotaa gahumsa qabuun dinqisiifachuu dhabuu.
Kabajni fi iddoo barsiisotni hawaasa keessatti qaban hir’achuu.
Maatiin barattootaa tokko tokko mana barumsaa waliin hojjechuu dhiisuu fi k.k.f